Waldhabdee daangaa Sudaaniifi Itoophiyaa: Itoophiyaan 'daangaa ce’uun haleellaa taasifteef' Sudaan deebii gaafatte

Madda suuraa, ENA
Sudaan haleellaa Itoophiyaan daangaa cehuun narratti taasifteef deebiin barbaada jechuun, bakka bu’aa biyyattii Kaartum jiru waamte.
Biyyoonni lamaan kun dhimma daangaa sararuu irratti yeroo garagaraa keessa haasawaa kan turan yemmuu tahu, taateen amma mudate kun, Masrii dabalatee wayita biyyoonni sadan kun walitti dhufeenyi isaanii haala gaariirra hin jirretti.
Dhimma daangaa yeroo dheeraa gidduusaanii ture furuuf jecha dureen biyyoota lamaanii qaama ilaalee sararu hundeeffachuuf waliigalanii turan.
Ministirri hajaa alaa biyyattii Kaartum jiru waan jedhe, milishoonni waraana Itoophiyaan deeggaraman seeraan ala daangaa ce’an.
Kanaanis walitti bu’insa uumameen loltuun tokkoofi daa’imni tokko lubbuu dhabaniiru.
Haleellaan guyyaa Kamisaa kutaa biyyaa al-Qadarif jedhamutti uumame kanaan, loltoonni Sudaan torbaafi namoonni nagaa sadiis miidhamaniiru jedha ibsichi.
Ministeerri Hajaa Alaa Itoophiyaa ibsa fuula Facebook isaarratti Dilbata baaseen, maatii miidhamtootaa gama biyyoota lamaaniin jiraniif gadda itti dhagahame ibseera.
''Haala lafarra jiru qabbaneessuufi waldhabdeen biraa akka hin uumamneef jecha, Ministeerichi biyyoonni lameen walitti dhufuun hojjechuu qabu jedheera.
Adeemsota waraanaa amma dura jiranitti fayyadamuun, taatee kana akka qoratan waamicha dhiyeessina,'' jedha ibsichi.
Haatahu malee ibsi gama mootummaa Itoophiyaatin dhiyaate, waldhabdeen lafarratti uumame maal akka tureefi midhaa qaqqaberratti wanti jedhe hinjiru.
Akka tajaajilli Oduu Sudaan (Suna) gabaasetti, wayita koreen biyyoota lamaanii walgahiisaa dhimma daangaa Kaartumitti gaggeessuuf qophaa'aa wayita jiranitti haalellaan kun dhaqqabe jedha.
Ministirri Hajaa Alaa biyyattis haleellaa hamaa kana balaaleeffachuun dippiloomaatii Itoophiyaatti ergaa himaniiru jedha.
Dubbi-himaan waraana Sudaan Birigaader Amer Mohaammad al-Hassan akka jedhanitti, milishoonni waraana Itoophiyaan deeggaraman kunniin, bishaan laga Atibaaraa keessaa fudhachuuf yaalii wayita godhanitti, walitti dhukaasuun eegalame jedhu.
Kanaan boodas milishoonni kun gara daangaasaaniitti deebiyuun waraana Itoophiyaa keessaa loltoota fidanii deebiyan.
Kanaan boodas haleellaa ‘maashin gaan, isnaayipparaa fi RPG’n deeggarame nuurratti raawwate,’’ jedhu qondaalli kun.
Gulaalaa BBC Africa, Wiil Roos waan jedhu, qonnaan bultoonni Sudaan waggoota hedduuf, qonnaan bultoonni Itoophiyaa lafa naannoo daangaa jiru seeraan alaan misoomsaa jiru jechuun komatu.
Dhimmi kun tarii wayita biyyoonni lamaan kunniin ijaarsa hidha laga Abbayyaa irratti wal hingalin jiranitti, walitti dhufeenyi biyyoota kanaa daranuu akka hammaatu gochuu mala.
Masrii fi Sudaan ijaarsa hidha kanaan bishaan laga Abbayyaa daran nu jalaa hir'ata sodaa jedhu qabu.















