Itoophiyaafi Sudaan qaama daangaa biyyoota lamaanii sararu uuman

Gaggeessitoota Sudaaniifi Itoophiyaa yeroo ammmaa

Madda suuraa, Getty Images

Itoophiyaafi Sudaan rakkoo daangaa lamaan isaanii gidduu jiru furuuf qaama ilaalee sararu hundeeffachuuf waliigalan.

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmadiifi gitni isaanii kan Sudaan haasaa karaa bilbilaa waliin taaisaniin rakkoo daangaa biyyoota lameenii akkamiin furuun akka danda’amurratti mari’ataniiru.

Akka miidiyaan Sudaan gabaasetti qondaaltonni lameen qaama teekinikaa hojii daangaa biyyoota lameen gidduu sararu uumuuf walii galaniiru.

Dhiyeenya kana mootummaan Sudaan, mootummaan Itoophiyaa loltoota isaa naannawa Al-Fashaga jedhamuun beekamuu akka baasu gaafatee ture.

Sudaan keessatti naannoon Al-Fashaagaa jedhamu, kan lafa qonnaa bal’aa of keessaa qabu, waggoota hedduuf to’annoo loltoota Itoophiyaa jala ture.

Ebla 24, 2020 loltuun Sudaan tokko kan du’eefi loltoonni sadi ammoo kan madaa’an yoo ta’u, hidhattoota gama Itoophiyaatu haleellaa sana raawwate jechuun Sudaan komatti.

Itoophiyaafi Sudaan michooma cimaa yeroo dheeraa lakkoofsise gama hawaasummaa, siyaasaafi diinagdeen qabu.

Keessattuu bara bulchiinsa ADWUI biyyoonni lameen akkaan wal ta’anii siyaasa isaanii midhaaffataa turan.

Garuu daangaarratti wal haleeluu, wal buqqisuufi meeshaalee kontirobaandiin wal burjaajessuun akkuma itti fufetti jira.

Ministirri Muumemee Abiy Ahmad(PhD) erga aangoo qabatanii goolama siyaasaa Sudaan keessa galteef furmaata waaraa kaa’uuf hedduu ifaajaa turan.

Garuu wayita daddabarsi meeshaa waraanaa seeraan alaa Itoophiyaaf yaaddoo guddaa ta’ee turetti daangaa Sudaan irraan gara biyya keenyaa seene jechuun biyyattii qeequu hin dhiisne.

Atakaaroo ijaarsa Hidha Haaromsaa Itoophiyaan laga Abayyaarratti ijaaraa jirtu mudateen walqabatee garuu Itoophiyaan Masirii caalaa Sudaan waliin hariiroo cimaa qabaachaa turte, yaadaanis wal deggeraa turan.

Hariiroon biyyoota lameenis erga hoogganaan Sudaan duraanii Omar Hasan al-Bashir aangoorraa buufamanii akkaan cimeera.