Koronaavayiras: Daangaawwan biyyoota ollaarratti tarkaanfii akkamiitu fudhatamaa jira?

Madda suuraa, Getty Images
Itoophiyaatti namni koronaavaayirasiin irratti argame jalqaba kan mirkanaa'e ji'a lama dura. Yeroo sanarraa kaasee laakkoofsi namoota dhibee kanaan qabamanii dabalaa kan jiru yoo ta'u, naannolee biyyattii gara garaa keessattis namoonni vaayirasichaan qabamaa jiru.
Keessumaa ammoo kallattiiwwan biyyattiin biyyoota ollaa waliin waldaangessituun ammoo lakkoofsi namoota vaayirasicaan qabamanii dabalaa deemuun isaa yaaddoo uumaa jira.
Daangaa Jabutiirraan
Fakkeenyaaf, Jabutii keessatti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin irratti ardamee dabaluun isaa naannoo Affaariifi magaalaa Dirree Dhawaatiif yaaddoodha.
Tatamsa'inni vaaayirasii Jabutii keessatti uumame kun naannoo Walloo Baateettis yaaddoo uumeera. Bulchaan aanaa Baatee Obbo Mohaammad Abduu, "Yaaddoo guddaa qabna," jedhan.
Tarkaanfiiwwan ittisaa dursanii fudhaachuutti seenuun namoota Jabutiirraa deebiyan daangaa Affaariifi Amaaraa irratti ho'a qaamaa ilaalaa akka jiran dubbatu.
Hawaasnis namoota Jabutiirraa dhufan akka eeran taasisuu isaanii dubbatu Obbo Mohaammad.
"Gargaarsi mootummoota naannoofi federaalaa hin jiru. Tibba sakkatta'insaaf dhufanii isaanitti himnee turre. Bakki kun ulaa ijoodha waan ta'ee baha Amaaraa guutummaatti kan qunnamsiisudha," jechuun ibsan.
Akka Obbo Mohaammad jedhanitti, yaaddoon biraa odeeffannoon namoota Jabutiirraa dhufuu dhokachuu isaati. Kun ammoo hojii isaaniirratti gufuu ta'eeera. Jabutiirraa gara Itoophiyaatti miillaan ce'uudhaan gara magaalaatti seenu.
"Isaan booda gara magaalaatti siqanii Millee irraa konkolaataa qabatanii dhufu. Yeroo imalli isaanii gaafatamu, Milleerraa ykn Loogiyaarraati jedhu. Jabuutiirraa dhufne jedhanii hin dubbatan.
Kan beekuun waan hin danda'amneef gooxii, ganda ykn magaalaa isaanii yeroo seenan namoonni eeruu kennu. Eeruu Kanaan bakka adda baasanii tursiisuu galchina.
Baayyeen isaanii seenaa imala isaanii yeroo gaafataman Millee irraa ykn Loogiyaarraa jedhu malee Jabutiirraa dhufne hin jedhan. Kun ammoo qaawwa uumeera," jechuun rakkoo jiru ibsu.
Yaaddoon biraa naannoo Affaariifidha. Itti-aanaan dura ta'aa Biiroo Fayyaa Affaar Yaasin Habiib, " Gaarii miti. Yaaddoon jiru."
Namoonni Jabutiirraa dhufan ammallee akka jiran ibsuun, " Namoonni 540 ta'an abakka adda baasanii itti tursiisan keessa jiru," jechuun hangama akka soda guddaa qaban dubbatu.
Namoota bakka itti adda baasanii tursiisan keessa guyyoota 14f tursiisuun alattis laaboraatoorii naannicha keessatti dhiyeenya kana hojii jalqabetti namoota qorachuun adda baasanii akka qe'ee isaaniitti deebiyan taasisaa jiraachuu dubbatu.
Hanga har'aatti namoota 241 qorannee sadii irratti dhibeen kun argamuu adda baafannee kan hafan 238 bilisa waan ta'aniif gara qe'ee isaaniitti deebiyaniiru.
"Yaaddoo kana beekee mootummaan naannichaas aanga'aan ol-aanaa hundumtuu aanaalee 34 fi bulchiinsota magaalaatti ramadamanii hojjechaa jiru," jedhan.
Waa'ee vaayiresichaa barnoota kennuurra darbee aaadaa odeeffannoon ummata bira jiru fayyadamuun, "haawaasichi namoota miillaan galan adda baasuudhaan tumsa gochaa jira. Haaluma Kanaan eerumsa 21 kenname keessaa namni tokko poosatiiva ta'eera. Namni tajaajila guddaa kennaa ira," jedhan.
Tigiraayitti namoonni vaayirasichi irratti argamuun mirkanaa'e keessaa garri caalan konkolaachistootaafi gargaarota isaanii ta'uusaatii kana ilaalchisee ammo maaltu akka hojjetamaa jirus gaafanneera,
"Sadarkaa naannootti qorannoo jalqabneerra. Konkolaachistoonniifi garggaartonni konkolaachistootaa addatti akka baafamanniif bakki qophaa'eeraaf.
Hoteelli keessatti nyaatan qofaatti adda baafameefii of-eeggannoon taasifamaa meeshaa deddeebisuus akka raawwatan murtoon murta'e waan jiruuf isa hojiirra oolchina," jedhan Dr. Yusuuf.

Madda suuraa, Getty Images
Daangaa Somaaliyaarraan
Kanaan dura naannoo Somaalee, Jigjigaatti adda baafamanii namoota turan keessaa Somaaliyaa, Puntilaandirraa kan dhufan irratti koronaavaayirasiin argameera.
Naannoon Smaalee namoota biyya ollaarraa dhufaniin yaaddoo walfakkaataa keessa jiraachuu Itti-gaafatamaan Biiroo Fayyaa naannichaa Dr. Yusuuf Mohaammadn BBCtti himaniiru.
"Yaaddoon sirriitti jira. Namoonni vaayirasiin irratti argamuun kan mirkanaa'e 22 biyyoota olaarrraa warra dhufanidha."
Obbo Yaasin ammoo akka jedhanitti, konkolaachistootaafi gargaartota konkolaachistootaa ho'a qaama isaanii ilaaluurrra darbee konkolaataawwan isaanii keessattillee akka qoricha biifan taasifamaa jira.
"Galaafii irratti bakka itti gubaa qaamaa adda baasan qabna. Konkolaachistoota 14 ol bakka adda itti baafamanii turan galchineerra. Namoota ho'I qaama isaanii ol-ka'e guyyoota 14f akka turan gochuudhaan qorannnoodhaan bilisa ta'uu isaanii mirkaneefannee akka bahan isaan goona. Guutummaan guutuutti cufuuf ammoo dhimmi qoonqoo biyyattiidha waan ta'eef miidhaa qaba," jechuun BBCtti himaniiru.
Naannoowwan ulaa biyyaattiitti seensuufi baasu irratti daawwannaas taasisanii turan.
Dr. Yusuuf qaamolee gara garaa irraa deggarsa argachaa jechuun deggarsa jiru kana itti fufsiisuufi qaawwa jiran duuchachuuf ammoo waliin dubbachaa jirra jedhan. "Eenyu maal akka hojjetu dhimmi jedhurratti hanga ammaatti deggarsa meeshaafi tekinikaa taasisaa turan.
Kan ammoo gahaa akka hin taaneefi cimee akka itti fufuu qabu hubatameera. Sochii naannoo daangaarra jiruuniifi bal'ina daangaa biyyoota hollaa waliin jiruun lakoofsi kun dabaluu isaa waliin walqabatee deggarsa akka barbaachisu waliif galleera," jedhan.
Mootrummaa federaalaarraa deggarsi ogeessotaafi meeshaalee akka taasifamaaf jiru kan ibsan Obbo Yaasin gama isaaniitiin, "Gama hundaan deggarsi ni jiru. Garuu gahaa miti. Quubsaadha jechuu osoo hin taane yeroon isaa baayyee hamaa waan ta'eef degarsawwan jiran fudhannee nutis baajata naannichi ramadeen galteewwan barbaachisan guuttachuudhaan carraaqqii guddaa taasisaa jirra," jechuun ibsaniiru.
Daangaa gama Sudsaaniin
Yaaddoon naannoo daagaa gama Sudaaniin jiruus walfakkaata. Dhimma kanarratti BBCn itti-gaafatamaa waajira fayyaa aanaa Matammaa Obbo Baqaaluu Iwunatuu dubbiseera.
"Yaaddoon jiru kanadha jedhanii ibsuudhaaf nama rakkisa. Baayyee rakkisaadha. Lakkoofsi dabaluun isaa sodaachisaadha. Namoonni Sudaan keessatti maashillaa haamuufi jirbii funaanuutti bobba'aa turanii gala jiran jiru. Ebla 22 irraa kaasee namoota 360 bakka itti adda baasanii tursiisan galchineerra," jedhan Obbo Baqaaluun.
Ootummaa naannoofi federaalaarraa deggarsi waayyu akka hin jirre himuun, "deggarsi isaanii yoo itti hin dabalamiin rakkisaadha. Guyyaa tokkotti qofa hojjetoota humnaa 100 hanga 200 ta'anitu seena. Hanga ammaatti gargaarsi nuuf dhiyaate hin jiru," jedhan.

- KALLATTIIN: Odeeffannoo kallattii - lakkoofsa Covid-19 addunyaarratti
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras


















