Koronaavaayiras: Oromiyaatti wantoota tatamsa’ina Covid-19 ni hammeessuu jedhamanii sodaataman

Gabaa magaalaa Adaamaa

Erga koronaavaayirasiin Itoophiyaa seenee eegalee mootummaan of eeggannoowwan dhaabbata fayyaa addunyaatiin gorfaman hojiirra oolchuu eegale.

Tarkaanfiiwwan dabalataa kanneen akka walga’ii hir’isuufi iddoo amantiitti walga’uu dhiisuu fudhatamaniiru.

Gorsi of eeggannoo koronaavaayirasiif kenname hedduun garuu yeroo ammaa hojiirra oolaa hin jiran.

Itoophiyaa keessatti ammoo lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii guyyaa guyyaan dabalaa jira.

Tatamsa’ina vaayirasichaa hammeessuu keessatti wantoonni yaaddoo uumaa jiran maalfaadha?

Walga’iiwwan

Tarkaanfiiwwan tatamsa’ina koronaavaayirasii hir’isan keessaa tokko walga’ii hir’isuu yookiin dhiisuudha.

Dhaabbati Fayyaa Addunyaa(WHO) walg’iiwwan karaa bilbilaa yookiin interneetii fayyadamuun ta’uu akka qabu gorsa.

Itoophiyaa kutaalee garaagaraatti garuu paartii biyya bulchu dabalatee walga’iiwwan wayita gaggeeffaman mul’atu.

Paartiin biyya bulchaa jiru walga’ii waamaa jiraachuusaa namoonni akka yaaddootti kan kaasan yoo ta’u qaami komatamu kun waakkataa jira.

Sochii uummataa

Biyyoonni addunyaa hedduun kanneen koronaavaayirasiidhaan daran miidhamanis ta’e kanneen miidhaan salphaan isaan mudate tatamsa’ina vaayirasichaa ittisuuf tarkaanfiin isaan irratti xiyyeeffatanii hojiirra oolchan keessaa tokko sochii uummataa ugguruudha.

Biyyoonni addunyaa sochii hawaasaa dirqamaan kan ugguran yoo Itoophiyaa keessatti garuu akka gorsaatti dabarsuurraan kan hafe dhorkaan sochii uummataa akka ajajaatti labsame hin jiru.

Kanaafuu Itoophiyaa keessatti magaalota vaayirasichi keessatti mul’ate dabalatee sochiin uummataa akkuma duraaniitti itti fufuun akkasumas iddoo gabaattis akkuma duraatti heddummaachuun vaayirasichi daranuu nama hedduu miidhuu mala soda jedhu ni uuma.

Giddu gala tuurizimii fi konferaansii akkasumas daandiiwwan gara biyyattii seenan hedduuf ulaa kan taate magaalaa Adaamaa keessatti sochiin hawaasaa akkuma duraatti itti fufee jiraachuusaas qabatamaan taajjabneerra.

Siyaasa

Dhiyeenya kana waa’ee yeroo filannoo biyyaalessaatiin walqabatee atakaaroon siyaasaa Itoophiyaa keessatti uumamee jira.

Filannoon Itoophiyaa marsaa 6ffaan yeroonsaa daddabarfamaa kan yoona ga’e ta’us, yeroo ammaa ammoo sababa weerara koronaavaayirasiin yeroonsaa akka achi dheeratu boordiin filannoo murteesseera.

Akkaataa ittiin rakkoo mudate keessaa ba’uun danda’amurratti maloota furmaataa mootummaan dhiyeesse paartii mormitootaafi rogeeyyiif garuu waan hin fudhatamne ta'eera.

Walqoccolloo uumameenis ajandaan koronaavaayirasii irraa gara siyaasaatti caalaaa jira jechuun namoonni sodaasaanii ibsu.

Dhaabbanni Biyyoota gamtoomanii weerara koronaavaayirasii irra aanuuf kutannoon bulchiinsaa biyyoota addunyaa murteessaa ta’uu ibsee ture.

Aanga’oonni tajaajila hooggansaa kennuun uummanni akka of eeggatu godhan ajandaa siyaasaan yoo qabaman vaayirasichi qaawwa uumametti fayyadamee daran tatamsa’uu danda’a.

Maaskii

Golgaan fuulaafi afaanii yookiin maaskiin tatamsa’ina koronaavaayirasii ni hir’isa jechuun Dhaabbati Fayyaa Addunyaa ni gorsa.

Maaskiitti sirnaan kan fayyadamuun biyyoonni hedduun bu’a qabeessa ta’uusaanii ibsaa turan.

Kanneen keessaa Jarmaniin adda durummaan eeramti.

Maaskii sirnaan fayyadamuun ittisa Covid-19 keessatti bu’aa kan qabu yoo ta’u garmalee yoo fayyadamnes akkasuma balaa biraa qaba jedhu Ogeeyyiin Fayyaa.

Hospitaala Xiqur Anbassaatii kan hojjetan Dr Siisaay Lammaa, ‘’Jalqaba maaskii godhachuu keenyaan dura harka dhiqachuu qabna. Erga maaskii ofirraa baasnee ammoo gatuu qabna malee ol keenyee akkuma uffata kaanee guyyaa itti aanus uffannee ba’uu hin qabnu’’ jedhan.

Gosi maaskii miiccamee uffatamu akkuma jiru, kan altakkaa qofa dhimmi itti baanee gatuu qabnus jira jedhan Dr Siisaay.

Itoophiyaa keessatti ogeeyyii fayyaa hospitaala keessa hojjetan dabalatee namoonni hedduun maaskii uffachuuf carraa hin arganne kan jedhan Dr Siisaay, kanneen uffatanillee sirnaan dhima itti ba’aa waan hin jirreef kunumtuu dhibecha kan hammeessuudha jedhamee sodaatama jedhan.

Masjiida

Bakkeewwan namoonni itti heddummaatan keessaa kan tatamsa’ina koronaavaayirasii hammeessu jedhamanii dhorkaman iddoowwan amantiitti namoonni baay’inaan akka wal hin geenyeedha.

Masjiida guddicha makkaa dabalatee masjiidonni addunyaarra jiran gurguddoon sababa kanaaf cufamaniiru.

Keessattuu ji’a ramadaanaa kana keessa kan muslimoonni heddumminaan walga’anii salaatan salaati taraawiih akka masjiidatti hin godhamne dhorkameera.

Haata’u malee Itoophiyaa bakkeewwan garaagaraatti muslimoonni akkuma kanaan duraa masjiida deemuun jama’aadhaan salaataa jiru.

Salaata taraawiihs akkuma kanaan duraatti salaataa jiraachuu muslimoonni magaalaa Shaashamannee nutti himaniiru.

Kunimmoo tatamsa’ina vaayirasichaf daranuu haala mijeessa.

Daangaa

Magaalaa Moyyalee

Madda suuraa, AFP

Naannoon Oromiyaa naannolee Itoophiyaa biroos ta’e biyyoota ollaa Itoophiyaa hedduu waliin wal daangessa.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa(WHO) deggeruu baatus biyyoonni addunyaa hedduun biyyoota vaayirasichaan miidhamanitti daangaa cufachuu akka mala ittisa vaayirasichaatti itti fayyadamaniiru.

Itoophiyaan garuu murtii akkanaa hin fudhanne.

Biyyoota ollaa kanneen akka Somaaliyaa, Sudaan Kibbaa, Jibuutii fi Keeniyaa waliin daangaa kan qooddattu Oromiyaan, ammallee namoonni biyyoonni kanneen irraa gara ishee seenuu hin dhiifne.

Karaa Moyaaleetiin Keeniyaa, karaa Dirree Dhawaatiin ammoo Jibuutiin sodaasaanii isa guddaa ta’uu Hoogganaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dr Mangistuu Abarraa kanaan dura nutti himanii turan.

Biyyoota Baha Afriikaa keessaa Jibuutii fi Keeniyaan vaayirasichaan daran miidhamaa kan jiraniidha.

Ta’us garuu imalaa karaa Mooyaalee fi Karaa Jibuutii gara Itoophiyaatti taasifamu cufuun yoo dadhabamellee, xiyyeeffannoo addaa kennamee hojjetamaa hin jiru.

Keessattuu yeroo dhiyoo as kanneen Itoophiyaa keessatti vaayirasichaan qabaman keessaa hedduun kanneen Jibuutiirraa imalan ta’uutu himama.

Kanaafuu naannoo kanatti xiyyeeffatamuu dhabuun vaayirasichi akka tatamsa’uuf haala mijeessa jedhamee sodaatama.

Geejjiba

Geejjibi iddoowwan namoonni itti heddummaatan akkasumas mala ittiin vaayirasichi akka hatattamaan faca’uuf haala mijeessan keessaa tokko jedhamuun akka ugguramu godhamee ture.

Lakkoofsa namootaa hir’isuu, konkolaattonni kutaa tokkoo gara kutaa biraa, nannoo tokko gara naannoo biraa, akkasumas magaalaa tokkoo gara magaalaa biraa akka hin imalle dhorkamee ture.

Yeroo ammaa garuu konkolaataan akkuma durii uummata heddumminaan fe’ee wayita imalu argina.

Keessaahuu kanneen magaalaa irraa gara kutaalee biyyaatti imalan imaltoota hedduu fe’aa jiru, hawaasas haalli jireenyaa dirqamsiisee walitti heddummaachuun imalaa jira.

Hiriira taaksii, buufata konkolaataa, akkasumas konkolaataa wal saamanii seenuun akkuma duraatti itti fufeera jechuun kanneen soda qaban ibsan hedduudha.