Adaamaa: Magaala ofeeggannoo Covid-19 adda kutteefi gatii qaalii kanfaluu dandeessu

Dhibeen Covid -19 erga Itoophiyaatti argamee ji'oota lamatti dhihaateera. Magaala Finfinneetti aanuudhaan magaalli dhibeen kun jalqaba keessatti argamemmoo Magaala Adaamaati.
Magaalli Adaamaa giddugala daldalaa fi konfaransiiwwan guruddoo waan taateef hammeentaan sochii daldalaa fi sochii namootaa daran olaanaadha.
Battala miseensonni maatii tokkoo dhibee koronaavaayirasiidhaan qabaman magaalichatti argamanitti sodaan jiraattotaa haalaan dabalee sochiin magaala keessaa gara dhaabbachuutti dhihaatee ture.
Sochiin kun amma maal fakkaata?
Gaazexeessaan BBC magaala Adaamaatti argamu, sochii magaalittiin itti jirtu daawwateera, taajjabbiisaa kunooti.
Magaala Adaamaa namni waggaa tokko dura dhufee beeku tibba kana osoo deebi'ee dhufee sochii uummataa irratti jijjiirama jiru hubachuuf guddaa isa/ishee rakkisa.
Magaalattiin Booleedhaa hanga Bokkuu shanan, Abbaa Gadaatii hanga keellaatti sochii idilee keessa ooltee bulti.
Labsiin muddamaa dhibee Covid-19 too'achuu fi ittisuuf bahe magaala kanatti namni gurra kenneef waan jiru hin fakkaatu.
Sochiin daldalaa, Hoteelonni, manneen Foonii, manneen dhugaatii, Daandiiwwan, sochii idilee irraa garaagarummaan qaba baayyee xiqqadha.
Magaalichatti iddoowwan gabaa gurguddoon akka Amadee fi Araadaa jedhamanis bitttaa fi gurgurtaan akkuma bara darbe yeroo kanaa walkeessa yaa'a.
Hiriirri balbala baankiwwanii, iddoowwan tajaajila akka humna ibsaa, Bishaanii fi Teelees hin dhaabbanne. Ofeeggannoon meetiraan walirraa fagaatanii hiriiruus hafeera.

Imaltoota lafoo bakka taaksii eeganittis ta'ee lafoo imalanitti fageenya eeggachuus ta'ee wantoota ofeegannoo akka haguugii afaanii fi Funyaanii namni godhatee imalu daran muraasa.
Waliigala namni yeroo Kanatti Magaala Adaamaa deemee ilaaleef bardhengaddaa yeroo kana se'a malee waqtii dhibeen koronaavaayirasii addunyaa yaaddoo keessa galche keessa waan jirru hin se'u.
Magaala Adaamaatti sochii ittisa dhibee koronaavaayirasii kana osoo hin dagatne kan hojiirra oolchaa jiru Taaksiiwwan fi Baajaajota qofa. hammeentaa nama fe'anii walakkaan hir'isanii fe'uu itti fufaniiru.
Jiraattonni maal jedhu?
Ofdagannaan hawaasa magaala Adaamaa kuni maalii jennee kan gaafanne namooni magaalattii sababoota dhiheessan qabu.
"jalqabarratti namni dhibee Kanaan qabamaa jiru baayyee xiqqaa waan ta'eef akka jalqaba sodaanne miti hin babal'anne. Lammaffaammoo namoonni qabaman baayyeenis dandamachaa jiru. Sodaan kanaaf hir'ise" yaada jedhu qabu.
Namoonni kaan ammoo dandeettii dinagdee amma qabaniin ofeegannoof jecha mana ooluun waan hin dandahamneef bahanii magaala ooluu filatu.
Dhiheessiin meeshaalee ofeeggannoo akka haguuggii afaaniifi funyaanii gatii madaalawaa ta'een bakka hundatti argamuu dhabuu fi daballiin gatii meeshaalee kanneenirratti mul'atu itti fayyadamuuf danqaa isaanitti ta'uus himu.
Bulchiinsi magaalichaa maal jedha?
Bulchiinsi magaala Adaamaa erga dhibeen kuni Magaalichatti jalqaba argamerraa kaasee sagalee guddistuudhaan magaala keessa naanna'uun hojii hubannoo uumuu kennaa ture.
Itti gaafatamtuun waajjira eegumsa fayyaa magaala Adaamaa Sister Samiiraa Mohaammed BBC'tti yoo himan ''uummanni didee sochii idileetti kan deebi'aa jiru tuffii dhukkubichaa irraa kan ka'e malee hanqinni hubannoo hin jiru'' jedhu.
"Hojii hubannoo uumuu kennaa jira. Haa ta'uutii guyyaa guyyaadhaan kan dabalaa jiru hanqina hojiirra oolchuutu jira. Namni gara sochii idilee duriitti deebi'aa jira.bakkeewwan tajaajiloonni adda addaa kennamuttis hiriirri itti fufeera" jedhan.
Hamminaa fi akkaataa daddarba dhibee kanaa irratti daa'ima xiqaadhaa hanga nama guddaatti hubannoo gahaatu jira garuu hojiirra oolchuurratti fedhii dhabuun jiraachuu eeru.

Yeroo bakka namoonni itti walitti qabamanitti akka walirraa fagaatan gorfamanis namni hedduun 'Koronaan nijiraayii?' jedhanii qoosuutu mul'achaa jira jedhu
Sochii hanga ammaatiin magaalichatti dhorkaawwan kaahaman hojiitti hiikuuf karaa waajjira eegumsa fayyaatiin humnaa ol tahaa waan jiruuf karaa caasaa nagenyaatiin gara tarkaanfiitti seenuuf mari'atamuus himaniiru.
"Nuti akka magaalaatti yaaddoo keessa jirra. Amma lakkoofsi nama qabamuus dabalaa deemaa jira. Namni walkeessa yaa'aa oola. Kanaafuu akkaataa labsii yeroo muddamaa ajajuun qindoominaan hojjechuun dafnee fala furmaataa tokko kennuuf hojjechaa jirra" jedhu.
Dhibeen biyyoota humna qabanuu dadhabsiise kuni biyya keenyatti babal'annaan gaaga'ama guddaa waan fiduu dandahuuf uumanni tuffii fi ofdagannaa amma keessa jiru kana keessaa bahu baannaan balaa fuuldura dhufuu malus akkanatti himan.
"Magaala Adaamaatti namni ofdagatee gara sochii idileetti deebi'aa jiraachuun dhorkaa kenname dhagahuu diduu fi dhibicha xiqqeessanii ilaaluun gatii qaalii nukaffalchiisuu dandaha" jedhan.
Dhibee koronaavaayirasii Kanaan walqabatee sochiin namootaa dhorkaa kaahame darbuun gara idileetti deebi'aa jiraachuun kuni kan Magaala Adaamaa qofa osoo hin taane Mgaalota Oromiyaa hedduu keessattis akka mul'acha jiru odeefannoowwan nimul'isu.














