Koronaavaayiras: Bitooteessaa hanga Caamsaatti haalli Covid-19 Itoophiyaatti maal fakkaataa?

Neersin yeroo miseensa maatii dubbistu

Madda suuraa, MICHAEL TEWELDE

Itoophiyaatti yeroo jalqabaatiif namni koronaavaayirasiin irratti argame lammii Jaappaan. Kun ammoo ALI Bitooteessa 4, 2012 ture.

Lammiin Jappaan Covid-19n qabamuunsaa mirkanaa'e kunis dhimma hojiitiif gara Itoophiyaa kan dhufeefi isaan dura Buurkinaa Faassoo akka ture himame.

Turtii isaattis magaaloota adda addaa keessa hojiidhaaf socho'uun waan barameef namoonni isa waliin hidhata qaban jedhaman 117 adda baafamaa akka turan taasifame.

Ittiaansees lammiileen Jappaan lamaafi lammiin Itoophiyaa isa waliin hidhata qaban vaayirasichaan qabamusaanii mirkanaa'e.

Guyyaa itti aanu ammoo namni Dubaaayi irraa gara Itoophiyaa gale tokko vaayirasichaan qabamuun waan barameef akka bakka adda baafamanii keessa turan galu taasifame.

Guyyaa sanaarraa qabees imaltoonni biyyoota adda addaa irraa gara biyyaa dhufaniifi booda biyyaa keessaa vaayirasichaan qabamusaanii adda baafamuun itti fufuun amma waliigalatti namoonni 250 vaayirasichaa qabamuun mirkanaa'eera.

Naannoodhaan yoo ilaalamuus namoonni vaayirasichaan qabamuun isaanii mirkanaa'e irra caalaan magaalaa Finfinneerraa yoo ta'u, naannoon Somaalee lammaffaarratti argama.

Waliigalatti saamudi namoota 36,624 kan qoratame yoo ta'u, namoonni 105 dhibee kanaarra bayyanachuu isaanii ibsi guyyaa guyyaa Ministira Egumsa Fayyaatiin bahu ni mullisa.

Sochii aanga'oonni biyyattii taasisan maal fakkataa ture?

Itoophiyaa baatii lamaan dura osoo vaayirasichi biyyattii keessatti argamuun hinmirkanaa'iin dura kaaftee, qophiiwwan haal-duree garaa garaa taasisaa turuu midiyaalee biyyaa gabaasaa turan.

Sochiilee ittisaafi to'annoo tibba sanatti sadarkaa adda addaatti taasifamaa turanis baayyee si'oomaa turan.

Keessattuu, erga lammiileen Itoophiyaa lama kan jalqabaa vaayirasichaan qabamunsaanii adda baheen booda, MM Abiya qaamoolee waajjiraalaa adda addaa irraa walitti babahan waliin haala ittisa weerara kanaarratti marii taasisuun qajeelfamoota dabarsan.

Haaluma kaanaanis walgahiiwwan ummataa gurguddaan dhorkamuu, walgahiiwwan xixqqaas yoo ta'e beekkamtii Ministira Fayyaa malee akka hingaggeefamne, Yunivarsitoota malee manneen barnootaa guyyaa 15'f akka cumfaniifi kkf kan jedhan dabarfaman.

Achumaanis Bitootteessa 10 maanguddoon biyya alaatii dhufan tokko vaayirasichaan qabamunsaanii mirkanaa'e.

Tibba sanattis biyyattiin jiddugala qorannoo Covid-19 tokko qofa waan qabduuf guyyoota jaha keessatti saamuuda 342 qorachuun danda'ame.

Itti aansisee Bitooteessa torbatti imaltoonni biyya alaarraa gara Itoophiyaa galan kamiiyyuu baasii isaanitii guyyoota 14'f hoteeloota adda baafaman keessa akka turan murtaa'e.

Daandiin Qilleensa Itoophiyaas balaliinsawwan gara biyyoota 34tti taasisuu yeroof adda kutuu beeksiise.

Manneen shubbisaa akka cufaman, waajjiraaleen mootummaa haalli hayyamuuf manaa akka hojiisaanii hojjatan murteen darbeera.

Erga namni jalqabaa vaayirasichaan qabamunsaa adda baafameen guyyoota 10 boodas namoonni Covid-19n qabaman 12 gahuun himame.

Gaafa Bitooteessa 19 ammoo namni tokko gutummaa guutuutti dhukkubicha irraa fayyuun himame.

Guyyaa itti aanu ammoo Finfinneedhaan ala miseesoonni maatii tokkoo kan ta'an jiraattoonni magaalaa Adaamaa lama vaayirasichaan qabamunsaan himame.

Itti aansees Naannoon Amaaraa magaalaa Baahir Daariifi Addis Qidaam irraa namoonni vaayirasichaan qabaman adda baafamuu Bitooteessa 21, 2012 ibsame.

Haaluma kanaanis qophiin laaboraatoorii qorannoo naannooleetti saaqamuu eegalan.

Du'a Covid-19 kan jalqabaa

Itoophiyaa keessatti maanguddoon waggaa 60 Hospitaala Eekkaa Kotabeetti wallaanamaa turan kan jalqabaa Covid-19 du'an Bitooteessa 27, 2012 dhagahame. Itaansee maanguddoon waggaa 56 du'uun dhagahame.

Baatii jalqaba vaayirasichi biyya keessa galuun itti barame kanattis baayyinni olaanaan guyyaa tokkootti himamee kan Bitooteessa 29, 2012'tti galmaa'ee namoota saddeeti ture.

Waliigalattis saamudi namoota 2,496 qoratamuun nammoonni 55 vaayirasichaan qabamu mirkanaa'e.

Ebla- Afaar, Jijjigaafi Tigraayi

Jalqaba baatii Eblaatti namoonni biraa sagal vaayirasichaan qabamu yoo himamu, namni vaayirsichaan qabamaniif maanguddoon jiraattuu magaalaa Dukam kan ta'an du'uun barame.

Maanguddoon waggaa 65 sunis wallaansa biraatiif buufata fayya deemuun vaayirasichi irratti argamuun hawaasa keessa baballachuu mala yaada jedhuun waan umeef naasuu ta'ee ture.

Baatiin Ebla yeroo itti namoonni baayyeen vaayirasii kanaan qabamunsaanii adda itti baafame waan ta'eef lakkoofsi namoota Covid-19n qabamanis dabalaa adeemu eergale.

Gama sochiilee ittisaatiinis bakkeewwan akka Galma Barkumee fa'iis dhimmuma kanaaf qophaa'uun himameera.

Akkasumas, namoonni bebeekkamoofi abbootiin qabeenyaas gamoowwan isaanii lafa turmaata namoota adda baafamaniif akka oluuf keennuu kan eegalan baatiidhuma kana keessa ture.

Gama biraatiin ammoo lammiileen Itoophiyaa hedduun Jabuutii irraa deeebii'uun lafa keessa turmaataa Dirree Dhaawwaa kan galfaman yoo ta'u, kanneen kanneen gama Puuntilaand irraa dhufanii Jigjigaatti akka adda bahanii turan taasifaman keessaa kan vaayirasichaan qabaman jiraachu himame.

Ebla 14, 2012 ammoo namni tokko Naannoo Affaar Gawwaanneetti vaayirasichaan qabamuu ibsame.

Haaluma gabaasa Ministirri Fayyaa biyyattii guyyaa guyyaan baasuttiin weerarri vaayirasichaa Finfinnee hanga Jijjigaa, Dirree Dhawaa, Adaamaa, itti aansees Ummattoota Kibbaatti godina Silxeetti babalachuun kan gabaafame baatiidhuma kana keessa ture.

Akkasumas, maanguuddoon waggaa 75 dhiibee gara biraatiif hospitaalaa cisanii osoo wallaanamanuu vaayirasiin irratti argame tokkoos du'un Ebla 27, 2012 dhagahame. Kunis nama Covid-19n du'a arafaffaa jechuudha.

Ebla 28, 2012 ammoo guyyaa tokkoon namoonni 17 vaayirasichaan qabamuun hmame. Hedduun namoota kanaas kan Jabuutii fi Puuti Laandiirraa deebii'anii Naanoo Afaarii fi Jijjigaa keessatti lafa adda bahuun keessa turamuutti argaman ta'un barame.

Guyyaa ittaanus namoonni 29 Covid-19n qabamuun himame. Isaan keessayis namoonni 19 kan seenaa imala biyyaa alaa ykn namoota duraan vaayirasiin qabame waliin hidhata hinqabneedha jedhame.

Itti aansees Naannoo Tigraayittis namoonni afur vaayirasichaan qabamunsaanii mirkanaa'uun ibsame.

Baatii Caamsaa- Waldiyaa, Walaayittaa, Buttaajiraa

Ibsa waa'ee viidiyoo, Koroonaavaayiras: Gaazexeessitoonni cidhni isaanii sababa Covid-19n danqame maal jedhu?

Adeemsa hanga ammaa tureen jalqabni baatii Caamsaa kan namoonni baayyee guyyaa tokkoos vaayirasichaan qabamunsaanii adda itti bahedha. Guyyoota sadii qofa keessatti namoonni 56 ta'an vaayirasichaan qabamuun himame.

Gama biraatiin ammoo maanguddoon wallaansa dhukkubsattoota haala cimaa keessa jiran keessa turan kan waggaa 65 du'uudhaan lakkoofsa namoota Covid-19n du'an shan kan gahe jalqabuma baatii kana keessa.

Guyyaadhuma sanattis Naannoo Amaaraa Waldiyaafi Ummattoota Kibbaatti ammo Walaayittaa Soddoofi Magaalaa Buttaa Jiraattis namoonni vaayirasichaan qabaman argamuun ifa taasifame.

Caamsaa 2, 2012'tti ammo qorannoo mana mana irra adeemuun taasifamee dabalatee namoonni 29 guyyaa tokkootti vaayirasichaan qabamunsaanii mirkanaa'e.

Walumaagalatti, hanga ammaatti Itoophiyaatti namoonni 250 vaayirasichaan qabamunsaanii yoo ibsamu, 105 bayyanataniiru. Akkasumas dandeettiin qorannoo samuudaa guddachuun hanga ammaatti saamudi 36,624 qorqtqmuus ibsi Ministira Fayyaa biyyattiin bahe ni mullisa.