Koronaavaayiras: 'Rakkoon nu mudate jennee hawaasa nu malee hin qabne irraa hin dheessinu'

Madda suuraa, Getty Images
Itoophiyaa keessatti koronaavaayirasiin tokko jedhee kan argame Bitootessa 13, 2020 yoo ta'u, har'a ji'a lama guuteera.
Ji'oota lamaan kanneen keessatti Itoophiyaan namoota 39,024 ol kan qoratteeetti. Namoota qorataman kana keessaa 261 irratti vaayirasichi yoo argamu, isaani keessaa 5 du'anii 106 kan ta'an ammoo dandamachuu Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa ibseera.
Erga weerarri vaayirasichaa mudatee as mootummaan Itoophiyaa tarkaanfiiwwan fudhate keessaa inni ijoon ogeeyyii fayyaaf hubannoo uumee hawaasa akka hubachiisaniifi tajaajilan gochuu ture.
Hojii kana keessatti adda durummaan hirmaachaa kan turan ammoo narsoota.
Nutis guyyaa narsootaa Idil-addunyaa guyyaa har'aa, jechuunis Caamsaa 12, 2020 kabajamu ilaalchisuun mudannoofi muuxannoo narsoonni Itoophiyaa ji'oota lamaan weerara koronaavaayirasii kana keessa dabarsan gaafanneerra.
'Ji'oonni lamaan kunneen fedhii hojiifi kutannoo keenya kan qore ture'
Nursoonni nuti dubbisne akka nutti himanitti ji'oota lamaan darban keessa akkaataa kanaan dura hin baratamneen yaaddoon hojii isaan jibbisiisuufi kutannoosaanii qormaata keessa galchu isaan mudateera.
Hospitaala Jenaraalaafi Kolleejjii Meedikaalaa Arsii Nageelleetti narsii kan ta'e Leencaa Tashitaa, ''hojiin keenya dhibee namaa wal'aanuu qofa osoo hin taane jiruufi jireenya hawaasaa keessa seennee baraaruu irratti ture,'' jedha.
''Qormaati hedduun nu mudatus garuu sababa dirqama ogummaa keenyaaf irratti cichinee hawaasa tajaajilleerra,'' jedha narsiin kun.
Erga dhibeen kun biyya seenee rakkoo guddaan nu mudateera kan jedhan Waajjira Fayyaa Aanaa Saasiggaatti Narsii kan ta'an Siistar Guddattuu Fiqaaduu,''irruma caalaa ammoo hawaasa keenya waa'ee koronaavaayirasii hubachiisuun qorumsa guddaa ture'' jedhan.
Rakkoon loojistikii fi odeeffannoo hojiirra oolchuurratti rincicuun hawaasaa ammoo daran ogummaa keenya qore jedhan.
Hospitaala Waliigalaa fi Kolleejjii Meedikaalaa Adaamaatti narsii kan ta'an Siistar Worqeen gamasaaniin erga weerarri koronaavaayirasii Itoophiyaa mudatee maatii keenyallee daganneerra jedhan.
Keesattuu Adaamaan magaalota vaayirasichi keessatti mul'ate keessa waan jirtuuf yeroo kamuu caalaa xiyyeeffannee hojjechaa turre jedhan.
Mudannoon qaban maali?
Ogeeyyii fayyaa keessaa daran dhukkubsataas ta'e hawaasatti kan dhiyaatan narsoota ta'uurraan kan ka'e yeroo baayyee dhiibbaa hawaasarraa dhufuuf saaxilamu.
Inumaa ji'oota lamaan darban wayita hojii ittisa koronaavaayirasii irratti xiyyeeffatanii hojjechaa turanitti faayidaadhuma hawaasaaf jennee hawaasaan miidhamneerra jedhu narsiin kun.
''Maloota ittisa Covid-19 kanneen akka walirraa hiiquu, maaskii fuulaa uffachuu, harka akka wal hin fuunee, iddoo afooshaa fi taaziyaa akka hin deemnee fi walga'uu akka hin qabne wayita gorsinu deebisanii nuun lolu.'' kan jedhu narsiin kun,''hawaasi keenya tokkummaa keenya diiguuf dhuftani, isintu nutti fida malee koronaavaayirasiin nu bira hin jiru jedhanii ofirraa nu dhorkaa turan.'' jedhu.
Hawaasa keessatti sababa nursii taanee hospitaalaa hojjennee galluuf qofa hanga qoollifatamuutti geenyeerra jedhan.
Akka Siistar Guddattuun jedhanitti bakka tokko tokkotti namoonni narsoota wayituma argan waan dhukkuba baatanii itti fakkaata, kunimmoo qormaata guddaa nutti ta'eera.
''Hagas mara balaaleffannaan jiraachuu baatus garuu narsoonni dhukkubsataa waliin oolu jechuun qoollifachuun waan nu mudataa jiruudha'' jedhan.
Yaaddoofi abdii...
Nursoonni dubbisne hedduunsaanii hubannoon hawaasaa gadi bu'aa ta'uu, meeshaaleen of eeggannoo dhibuu fi baajati ittiin socho'an dhibuu akka yaaddoo guddaatti kaasu.
''Nuti akkaataa ogummaan kenya nu barsiiseen xiinsammuun keenya baay'ee jabaadha. Garuu wantoonni ogummaa keenya qormaata keessa galchan hedduudha. Hawaasi keenya gorsa keenya kan rincicu yoo ta'e, meeshaaleen of eeggannoo (Personal Protective Equipment(PPE) hin guutamu yoo ta'e hawaasi daran hubamuu danda'a, nutis vaayirasichaan faalamuu dandeenya sodaa jedhu qabna,'' jedha Leencaa Tashitaa.
Siistar Guddattuun abdii yookiin yaaddoo gara fuulduraatti qaban wayita ibsan,''waanti hundinuu hawaasa keenya irratti hundaa'a. Yoo hawaasi keenya nu hubatee gorsa keenya hojiirra oolche vaayirasicha ni to'anna. Hawaasi gorsa keenya fudhatee hojiirra oolchaa hin deemu taanaan garuu carraan biyyoota guddatan mudate sun nuttis as adeema yaaddoo jedhu qabna.'' jedhan.
Hospitaala Adaamaa irraa Siistar Worqeen akka jedhanitti magaalaan Adaamaa fi naannoo ishee namoota gosa garaagaraatu seenee ba'a waan ta'eef of eeggannoo guddaa barbaada.
Garuu akkaataan hawaasi magaalattii itti jiru daran kan nama yaaddessuudha jedhan.
Kutannoo
Narsoonni gaafanne akka nutti himanitti dirqama ogummaasaaniitiif jecha haala kam keessattuu hawaasa tajaajiluuf kan kutannoo qaban ta'uudha.
Narsiin Hospitaala Jenaraalaa fi Kolleejjii Meedikaalaa Nageellee Arsii Leenca Tashitaa akka jedhutti, ''hawaasa tajaajiluun dirqama ogummaa keenyaa waan ta'eef haalarratti hundoofnee kan boodatti jennu miti''
Keessattuu narsiin haakima caalaa dhukkubsataatti dhiyaatee kan hordofu waan ta'eef dirqamni kun hundi nurra jiraachuu hubannee kutannoodhaan itti deemna kan jedhan Narsii Leenca Tashitaa qaamni dhimmi ilaallatu garuu meeshaalee of eeggannoo nuuf guutuu qaba jechuun gaafataniiru.
Waajjira Fayyaa Aanaa Saasiggaa irraa Siistar Guddaattuu Fiqaaduu kutannoo ogummaasaaniirratti wayita yaada kennan, ''nuti meeshaa yookiin baajajatatu nu hanqate jennee hawaasa nu malee hin qabne irraa hin dheessinu'' jedhan.
Meeshaaleen walqabatee waan harkaa qabnu kanneen akka gilaavii fi maaskii qabannee irratti gaafanna malee kanatti sababeeffannee taa'uu ogummaan keenya nu hin ajaju jedhan Siistar Guddattuun.
Siistar Worqeen gamasaaniin weerarri kun qindoomina waan barbaaduuf hawaasaa fi mootummaa waliin qindoofnee kutannoo caaluun hojii keenya itti fufna jedhan.
Erga weerarri koronaavaayirasii addunyaa mudatee sodaa uumameen walqabatee quba walitti qabuu fi wal hubuun mudachaa tureera.
Itoophiyaa keessattis lammiilee alaa fi ogeeyyii fayyaa qoollifachuu fi dhiibbaa irraan ga'uun akkaan mudataa ture.
Narsoonni dubbisne haala kanaaf daran saaxilamaa turuu nutti himanii garuummoo imaanaa hawaasaa waan harkaa qabnuuf duubatti hin jenne jedhan.















