Wiirtuun qorannoo Covid-19 Adaamaa torbee lamatti dandeettii guyyaa tokkotti qoratuu gadi qorate

Nama laaboraatoorii keessa hojjetu

Madda suuraa, Getty Images

Wiirtuun qorannoo Covid-19 Adaamaa meeshaa amma hojjiirra jiruun qofa dandeettii saamuda 279 qorachuu qabaatus torbee lama keessatti saamuda 223 qofa qoratee bu'aa isaa dhiyeesse

Kunis hamma guyyaa tokkotti qorachuu danda'uu gadi jechuudha.

Saamudni shakkamtootaa sadarkaa barbaadamutti dhihaachuu dhabuu fi wiirtuwwan qorannoo akka Asallaa fi Hararitti hojii jalqabuun lakkoofsa saamuda qoratuu akka gadi buuse itti gaafatamaan wiirtuu kanaa Obbo Dhaabaa Mul'ataa BBC'tti Himan.

Wiirtuun kuni Oromiyaatti bakka qorannoo koronaavaayirasii kan jalqabaa waan tureef wirtuwwan qorannoo haaraa hunda'aniifis deeggarsa gochaa turuu himu.

"Giddugalli keenya saamuda asitti qoratuun alatti laaboraatooriiwwan haaraa banaman kanneen akka Yunvarsiitii Arsii fi Yunvarsiitii Haramayaatiif saamuda walitti qabuudhaan isaaniif kennuun deeggaraa jirra. Fakkeenyaaf Saamuda 25 yunvarsiitii arsiitiif kenninee jirra" jedhan.

Wiirtuun qorannoo Koronaavaayirasii Adaamaa sababa caaseffamni ittiin saamudni fudhatamee dhihaatuf sirritti hin diriirreef dandeettii isaatii gadii akka qoratu gochuus himan Obbo Dhaabaan.

"Nuti meshaa qorannoos ta'e ogeessota gahaa qabna.rakkoon kan jiru akkaataa saamudni itti dhihaaturraayi. Fedhiin hawaasa keessa jiruu fi meeshaan saamudni ittiin fudhatamu kan gubbaarraa kennamaa jiru wal hin gitu" jedhan.

Qajeelfamni qorannoo fi saamuda fudhachuu kan shakkamtoota dhibee kanaa fi namoota dhibichaan qabamaniin kanneen tuttuqaa qaban qofarratti waan fuullefatuuf baayinni namoota qorannoon gaggeefamuus gadi bu'uus himan.

Laaboratooriin Adaamaa kuni meeshaa amma ittiin qorachaa jiru Kanaan alatti maashina dabalataa kan yeroo tokkoon bu'aa qorannoo saamuda 384 baasuu danda'us qaba.

Wiirtuun kuni saamuda 223 bu'aasaa baase keessaa 5 positive akka ta'eefi kunis kan gabaasa ministeerri Eegumsa fayyaa baase keessatti hammatamanidha.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa