Talaallii koronaavaayirasiif addunyaan maaliif gara Indiyaatti fuula naanneffatte?

Madda suuraa, Getty Images
Ministirri haajaa alaa Ameerikaa Maayik Pompiyoon Indiyaa fi US talaallii koronaavaayiras argachuuf waliin hojjataa jiru jedhaniiru.
Biyyoonni lamaan waliin ta’uudhaan talaalliiwwan sadarkaa idil addunyaatti beekamtii argatan hedduurratti waggoota 30 oliif hojjataniiru.
Talaalliiwwan dhukkuboota akka dangii, infuluweenzaa, busaa, TB kan biroorratti waliin hojjachuun weerara dhukkuboota kanneenii dhaabuu danda'anii jiru.
Indiyaan biyya qorichoota adda addaa fi talaalliiwwan heddu omishuudhaan addunyaarratti beekamti qabdudha.
Biyyattiin amma dura talaalliiwwan dhukkuboota akka pooliyoo, daranyoo sombaa, rootaavaayiras, gifiraa fi k.k.f omishaa turte.
Wayita ammaa dhaabbilee qoricha omishan Indiyaa keessa jiran keessaa walakkaan talaallii vaayirasii dhibee COVID-19 namatti fidu irratti hojjataa jiru.
Isaan keessaa tokko Dhaabbata Seeram Indiyaa yoo ta’u dhaabbata talaallii omishuufi gurguruudhaan addunyaarra guddaadha jedhaman keessaa isa tokkodha.
Dhaabbanni ganna 53 kun waggaa waggaatti hamma qorichaa (dose) biliyoona 1.5 omisha.
Namoonni 7,000 ta’an dhaabbata kana keessatti hojjatu.
Dhaabbatichi talaalliiwwan gosa 20 biyyoota 165’f raabsa. Kana keessaa %80 kan ta’an gatii addunyaarraa isa rakasa ta'een raabsa.
Dhaabbanni kun yeroo ammaa kanatti dhaabbata baayooteeknooloojii Ameerikaa Kodaajeeniks jedhamu waliin ta'uun talaallii “vaayirasichi qaama namaa akka hin miine" godhu irratti hojjechaa jira.
Kuni talaallii koronaavaayirasii 80 ol guutuu addunyaarratti adeemsa qophiirra jiran keessaa tokko.
Talaalliin kuni vaayirasichi qaama namaa keessa otoo jiru amala ykn qaama akka nama miidhu isa taasisu irraa balleessuun vaayirasichi akka miidhaa namarraan gahuu akka hin dandeenye taasisa.
Vaayirasichi waan dadhabsiifamuuf nama hin dhukkubsu ykn ammoo dhukkuba daran xiqqaa namarraan gaha.
“Ji’a Ebla keessa bineensotarratti yaalii taasisuuf karoora qabna. Fulbaanatti dhala namaarratti taasisuu dandeenya ta’a,” jedhan hogganaan Dhaabbata Seeram Indiyaa Adaar Poonawaala.
Dhaabbatichi talaallii mootummaa UK’tiin deeggaramuun Yuunivarsiitiin Oksifoord qopheessaa jiru irrattis waliin hojjachuuf walii galeera.
Yoo talaallichi kan milkaa'u ta'e dhaabbannii Indiyaa kun dandeettii doozii miiliyoona 400-500 omishuu qaba.

- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras















