Koronaavaayiras: Hakiimoonni Kubaa ittisa Covid-19tiif Afrikaa Kibbaatti imalan

Madda suuraa, EPA
Hakiimoonni Kuubaa 200 ta'an sochii ittisa weerara koronaavaayirasii taasifamaa jiru deegaruuf Afriikaa Kibbaa galan.
Oggeessoonni fayyaa amma gara Afrikaa Kibbaattti imala kunneen hojjattoota fayyaa 1,200 ta'an kanaan dura gargaarsa walfakkaatuuf biyyoota sirna Komunistiin bulan 22 keessatti gargaarsaaf gaafataman keessaati.
Afriikaan Kibbaa uggura cimaa keesse baatii dhufaa keessaa laafisuu egalti.
Isaan boodas namoonni miliyoon 1.5 ta'an gara hojiitti akka deebii'aniif kan hayyamamuu yoo ta'u, manneen barnootaa muraasniifi dhaabbileen nyaata dhiyeessan akka deebii'anii banaman ni taasifamu. Akkasumas sijaaraa gurguruun ni eegalama.
Haata'u malee, dhugaatii alkoolii gurguruufi eddoowwan hawaasaa akkuma dhorkamaniitti turu.
Afriikaa Kibbaa keessatti namoonni 4,361 vaayirasichaan qabamunsaanii kan mirkanaa'ee yoo ta'u, namoonni 86 ammoo lubbusaanii dhabaniiru.
Walitti dhufeenya addaa
Akka Ambaasaadarri Kuubaa Rodolfo BenttezVerson himaniitti, hakiimoonni Kuubaa Dilbata galgala Johaansbargi qaqabanis, Qajeecha Fayyaa Afrikaa Kibbaatiin bulchiinsoota adda addaa keessatti ramadamuuf jiru.
Biyyoonni lamaan bara qabsoo Afriikaa Kibbaa olaantummaa warra adii irratti taasifamaa ture hanga bara 1994 tti gaggeefamee booda Maandeellaan pirezidaantii ta'anii itti filataman sana irraa kaasee walitti dhufeenya cimaa qabu.
Kuubaan dippilomaasii wallaansaatiin kan beekamtu taatulleen qeequmsi irratti ka'aa jira.
Donaald Tiraamp Kuubaan hojjattoota fayyaa miidhaa jirti jechuun ergama wallaansa biyyattii balaaleefatee biyyoonis akka hin simannee gaafatanii ture.

Madda suuraa, @EmbassyCubaZA
Kuubaan namoota vaayirasihaan qabaman 1,337 kan mirkanneessite yoo ta'u, 51 ammoo du'aniiru. Biyyattiin humna hojjattoota fayyaa hedduu waan qabduuf durstee ittisa vaayirasichaatiif qophoofte jirti.
Afriikaa Kibbaatti hojjattoota fayyaa hawaasaa dhumaatamatuu namoonni miliyoonni hedduu koronaavaayirasiin qabamusaanii qorataa jira.
Qorannichaanis bakkeewwan hawaasa caalaa vaayirasichaaf saaxilamoodha jedhaman irratti xiyyeeffachuu gaggeessa jiraachuu gareen saayintistoota biyyattii beeksiise.
Pirezidaanti Siriil Raamaafosaan ammoo yoo uggurri salphateettis of eeggannoon barbaachisaadha jedhaniiru. Sababii isaa yoo eeranis tarii vaayirasichi Hagayya keessa deebii'ee ka'uu mala jechuun akkeekachiisaniiru.

Madda suuraa, EPA
Kun osoo kanaan jiruu Afrikaan Kibbaa dhiibbaa koronaavaayirasiin dinagdeerraan gahe keessaa bahuuf biyyattiin deegarsa maallaqa idil addunyaa dolaara biliyoona 26 akka barbaaddu gabaafameera.
Lammiileen miliyoonaan lakkaa'aman galiisaanii waan dhabaniifu dhaabbileen deeggarsaa mallattoowwan kufaatii dinagdee guddachu akeekkachiisaniiru.
Kanaafu motummaan maatiiwwan hiyyeeyyii gargaaruuf deegarsa haaraa kennuuf.

- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras















