Koronaavaayirasiifi beela: Biyyoota shanan addunyaa bara kana balaan beelaa sodaachisu kamii fa'i?

Daa'imman Yeman rakkinaaf saaxilaman

Madda suuraa, EPA

Addunyaan tibbana koronaavaayirasiin dhibbataa waan jirtuuf dhimmoon jajjaboob biraa xiyyeeffannaa argachuu qaban dhabaa jiru.

Kuna mmoo cabaarratti buqa'aa akkuma jedhamuu rakkina addunyaa keessattu kanneen haala jireenya rakkinaa keessatti argaman caalaa ni ammeessa jedhamee sodaataamaa jira.

Sababiidhuma kanaani wal qabatees, Dhaabbanni Nyaata Addunyaa balaan bara waraana addunyaa lammaaffaa caalu akka asi adeemu akkeekkachisee.

Bara 2019 keessa lakkoofsi namoota deegarsi nyaata yeroo mudamaa barbaachisuu miliyoona 135 ture.

Wallakkeessa bara 2020 kanatti ammoo sababii tatamsa'ina vaayirasichaatiin walqabatee namoonni manaa akka hinbaane waan taasifamaniif, lakkoofsi deeggarsa nyaata yeroo muddamaa barbaachisuu miiliyoona 265 ni ta'a jedhameera.

Biyyoota kamiitu caalaa balaarratti argamaa laata?

Dhaabbanni Nyaata Addunyaa biyyoota shan bara kanatti garmalee hirrina nyaataa ni mudata jedhe adda baaseera. Isaanis Yemen, DR Konkgoo, Veenziweelaa, Afigaansitaaniifi Suudaan Kibbaati.

Yemen

Yemen osoo wal waraansi keessatti hin eegalamiin duras, biyyattiin biyyoota Arabaa kaaniirra iyyeettii turte.

Erga humni waraanaa Saawudii fi riphee loltoonni Hawutii Yemenitti bu'ureefatan wal waraanuu bara 2015'tti eegalanii booda ammoo biyyattii wali faanaa dadhabde.

Sababii kanaan wal qabatees lammileen Yemen deeggarsa nyaataa barabaadan miliyoona 15.9 akka ta'an dhaabbatichi ni tilamaama.

DR Kongoo

Madda suuraa, AFP

Dr Koongoo

Biyya Dr koongoottis wal waraansi waggoota 25'f gaggeefame dinagdee biyyatti akka hinmallee taasiseera. Sababii kanaanis lammilee biyyaatti hedduun rakkina cimaa wabii nyaataatiifi nageenyaatiif saaxilamtoota ta'aniiru.

Wayita ammaa kanatti ummanni biyyattii %15 ta'u, hanqina nyaataa 'isa cimaa'' keessatti kan aragamu ta'u dhaabbatichi ibseera.

Namoota deeggarsa nyaataa yeroo ariifachuusaa barbaadan keessaa kanneen miiliyoona shan ta'an wal waraansa biyyattii keessatti gaggeefamuun wal qabatee kan qee'eesaanii irraa buqqa'aniidha jedhame.

Veenziweelaa

Akkuma Yemaniifi DR Koongoo, hirrinni nyaataa Veenziweelaatti umameef sababiin wal waraansa miti.

Veenzuweelaatti rakkinni cimaan kufaatii dinagdeeti.

Biyyattii kusaa boba'aa addunyaarratti isa guddaa jedhame qabaattulleen, qala'iinsi garmaleen lammiilee hedduun hirrina nyaataatiif akka saaximan taasiseera.

Haaluma kanaanis lammileen biyyattii milyoona 4.8 ta'an hirrina nyaataa isa cimaa jedhamu akka mudhatu dhaabbatichi tilamaameera.

Lammiilee Veenzuweelaa

Madda suuraa, AFP

Sudaan Kibbaa

Sudaan kibbaa erga ollaashee Suudaan irraa walabummaa argattee reefuu waggaa sagal guuttee (2011) dha. Sochiin walabumaa labfachuu mataansaa wal waraansa bara dheeraaf ture dhaabuuf ture.

Haa ta'u malee waggaa lamaan booda biyyattiin deebiitee jeerumsa biraa keessa galate.

Dhaabbanni NYaata Addunyaa hanqinni nyaata Suudaan Kibbaa keessaa bara 2011 irraa qabee isa cimaadha jechuun akeekachiseera. Lammiilee biyyattii keessaa kanneen %60 ta'an waan guyyaatti qamasanii olan argachuu baayyee rakkatu.

Haala wabii nyaataa biyyatti mudate caalaa arbeessuf ammoo weerarri awwaannisaa Bahaa Afriikaa mudatee ture jalqaba bara kanaatti biyyattiis miidheera. Kanaafuu, ''osoo Covid-19 jiraachu baatee awwaanisatu oduu guddaa ture,'' jedheera dhaabbatichi.

Kana malees Suudaan Kibbaa omishtuu boba'aa yoo taatu balaa kufaatii gatii boba'aa addunyaa mudateen kufaatiin gatii bobba'aa ishee akka mudatu himama.

Eegdota

Madda suuraa, EPA

Afgaanisataan

Afgaanistaan biyyoota sababii waraanaatiin addunyaa kanarratti rakataa jiran keessaa tokko.

Biyyattiin erga bara 2001 Ameerikaan weerarteenii kaasee waraanaan jeeqmaa jirti.

Sababii kanaanis dinagdeeen biyyaatti kufuun wayita mammaatti lammileen ishee wallakkaan ol ta'an sadarkaa iyyuummaatiin gadi jiraataa jiru.

Waliigalattis Afgaanistaan keessatti namoonni miliyoona 11 ta'a deeggarsa nyaataa atattamaa akka barbaadan dhaabbanni kun raageera.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa