Koronaavaayiras: Chiiliin waraqaa eenyummaa 'vayirasiirraa bilisa' jedhu kennuufi

Madda suuraa, Reuters
Mootummaa Chiilii karoora waraqaa ragaa falmisiisaa namoota COVID-19 irra dandamataniif kennuuf jedhu hojiirra oolchuuf.
Waraqaan ragaa kunis namoonni akka gara hojiisaanitti deebi’aniif kan hayyamuudha jedhan Itti-aanaan Ministeera Fayyaa Paawulaa Daazaa.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) namoonni dhukkubbicharraa fayyan deebi’anii dhukkubbichaan qabamuu dhabuusaaniitiif “ragaan hin jiru” jedheera.
WHO akka jedhetti waraqaan ragaa “humna ittisa qaamaa” vaayirasichi akka tatamsa’u taasisa.
Chiilii keessatti namoonni 13,000 ol vaayirasichaan yoo qabaman, 189 ammoo du’aniiru jedha odeeffannoon Yuunivarssiitii Joons Hoopkiinis.
“Ammatti namoonni COVID-19 irraa fayyan deebi’anii vaayirasichaan qabamuu dhabuusaaniitiifi anaatiiboodiisaanii vaayirasichi akka lammata gara qaamaa hin seenneef ragaan tokkollee hin jiru,” jedhe WHO ibsa Jimaata baaseen.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa “waraqaa ragaa humna ittisa qaamaa” jedhu kun rakkoo uumuu danda’a jedha. Sababni isaas namoonni gorsa kennamu akka hin fudhanne taasisa; kun ammoo carraa dhukkubbicha tamsaasuu dabala.
Adde Daazaa ibsa Dilbataatiin akkas jedhan: “Wantoota nu beeknu keessaa tokko namni asiin dura dhukkubbichaan qabamee ture carraan deebi’ee qabamuusaa xiqqaadha.”
Dabalataanis waraqaa ragaa kennamu namni sun COVID-19’f humna ittisa qaamaa qaba jechuu osoo hin taane dhukkubbicharraa fayyuusaaniifi turtii adda baafamanii turan xumuruusaanii ibsa jedhan.
Guutuu addunyaarratti namoonni 200,000 ol sababa koronaavaayiarsiitiin yoo du’an, mootummoonni biyyoota hedduus tooftaa seera uggura sochii ittiin laaffisan barbaadaa jiru.

- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras
















