Koronaavaayiras: 'Paaspoortiin immiyuniitii tatamsa'inni vaayirasichaa akka dabalu gochuu mala'

Qorannoo antiibodii Niiwu Yoork keessati

Madda suuraa, Reuters

Mootummoonni akka tarkaanfii sochii dhorkame laaffisuutti wanata "paaspoortii immiyuniitii" ykn "sartifikeeta carraa irra deebiin qabamuurraa bilisa" jedhu kennuu akka hin qabne Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) akeekkachiise.

Namoonni takkaa koronaavaayirasiin qabamani fayyan dandeettii qaamni isaanii ofirraa ittisuu danda'uu waan ummataniif yeroo lamaffaaf hin qabaman kan jedhu ragaan hin jiru jedhame.

Tarkaanfii akkasii kana fudhachuun tatamsa'ina vaayirasichaa akka dabalu taasisa jedhe WHOn.

Namoonnu warri takkaa dhukkubsatanii fayyan 'immiyun' taaneerra jedhanii yaadan of-eegannoowwan taasisuu dhiisuu danda'u ta'a, jedha.

Mootummoonni tokko tokko namoota takkaa dhukkubsatanii fayyan akka deemuu ykn hojiitti deebiyuu danda'an hayyamuufiif yaadaa jiru.

Tatamsa'ina vaayirasichaa ittisuudhaaf sochiin dhorkiin guutummaa adduyaarratti dinagdee laamshessee jira.

Yeroo ammaa kanatti guutummaa addunyaarratti namoonni miliyoona 2.8 vaayirasiin qabamanii kanneen 200,000 ta'an ammoo sababa dhibee kanaan d'aniiru.

WHO'n maal jedhe?

"Namoonni takkaa koronaavaayirasiin qabamani fayyan dandeettii qaamni isaanii ofirraa ittisuu danda'uu waan ummataniif yeroo lamaffaaf hin qabaman kan jedhu ragaan hin jiru," jedhe WHO ibsa kenne keessatti.

Qorannoowwan hanga ammaa taasifaman garri caalan akka agarsiisanitti namoonni koronaavaayirasiin dhukkubsatanii fayyan dhiiga isaanii keessatti dandeettii dhukkubicha ofirraa ittisuu (antibodies) ni qabu-garuu namoonni muraasni ammaao antibodies kana gadi aanaa qabaatanii argamaniiru.

Hanga Jimaata darbe kanaatti qorannoon namni dhukkubicharraa fayya tokko akka deebi'ee hin qabamneef antiibodii wabii ta'u dhala namaa keessa jiraachuu hin ilaalamne, jedha WHO.

"Sadarkaa weerarri dhibee kanaa yeroo ammaa irra jiruun, ragaan quubsaa ta'e dandeettiin qaamni namni dhukkubsatee fayyae tokko dhukkubicha ofirraa ittisuu (antiibodii)-immiyuniitii uume 'paaspoortii immiyuniitiif' ykn 'sartifikeeta carraa saaxilamuurraa bilisa' ta'uuf wabii ta'e, hin jiru," jedha.

Dhaabbatichi akka jedhetti sirrii ta'uu isaa mirkaneessuuf qorannoon waa'ee anitiiboodii qorannoon laaboraaoorii dabalataan taasisuu feesisa. Kana malees, namoota kanaan dura koronaavaayirasii gosa biroon dhibamanii faayyan waliin ilaalamuun ni barbaachisa.

Biyyoonno baayyeen akka Jarman, Xaaliyaaniifi UKn saamuda ummata isaaniirraa fudhachuudhaan antiibodiitiif qorannoo gaggeessuu jalqabaniiru. UK keessatti namoonni 25,000 ta'an ji'a ji'aan waggaa dhufuuf ni qoratamu. Qorannoon kun ammo antiibodiifi yoo vaayirasicha qabu ta'es ni ilaalamu.

Kun ammoo namoonni dhukkubsatanii fayyan hangama akka immiyuniitii horatan odeeffannoo argachuuf nu gargaara. Odeeffannoon qorannoo kanaas namoota qorachuufi immiyuniitii isaanii haala ittiin cimsuu danda'urratti filannoo gara fuula duraatti nu gargaarudha jedhameera.

Torban darbe ammoo biyya Chhilii keessatti "paaspoortii fayyaa" namoota dhukkubsatanii fayyaniif kiennuuf akka jiru dubbatamee ture.

Yoo takkaa akka antiibodii qabaniifi vaayirasichaaf immiyuniitii horatan ilaalamanii mirkanaa'e, deebiyanii hojii isaanii hojjechuu danda'u, jedhan aanga'oonni biyya Chiilii.

Siwiidin keessatti ammoo biyyattiin garri caalaan banaa akka taatee turtu taasifame. Kun ammoo akka saayintistoonni tokko tokko jedhanitti namoonni namoonni bilisaan bakka banaafi dhorkaan hin jirre turan warra dhorkaa jala turan caalaa immiyuniitii uummatu jedhanii amanu.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa