Koronaavaayiras: Ispeenitti lakkoofsi namoota du'anii xiqqataa dhufeera, sochii dhorkuus laaffisaa jirti

Daa'ima utaalaa ture

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Daa'imman Iseen umuriinsaanii waggaa 14 gadii sa'aa tokkoof alatti akka tabataniif hayyamameef

Ispeen biyyoota weerara koronaavaayirasiin garmalee miidhaman keessaa tokkodha. Amma garuu baatii tokkoo as du'aatii gadaanaa galmeesuun oduu jajjabeessaa ta'eeraaf.

Ministeerri Fayyaa biyyattii Dilbata akka himeetti, dabalataan namoonni 288 vayirasichaan kan du'an yoo ta'u kunis erga baatii Bitootteessaatii asi isa gadaanaadha.

Akkasumas erga torbaan jahaatii asi yeroo jalqabaatiif daa'imman umuriin isaanii waggaa 14 gadi ta'e manaa akka bahan kan hayyamame Dilbata darbe. Daa'imman kunneenis guyyaatti sa'aatii tokkoof mana alatti bahuun hayyamameeraaf.

Ministeerri Fayyaa biyyattii akka himeetti, lakkoofsi waliigalaa namoota vaayirasii kanaan du'anii 23,190 gaheera.

Fernaandoo Simoon, Jiddugala Qindoomina Balaa Tasaafi Akkeekachisa Fayyaa Ispeeniitti Daarektara kan ta'a akka himaniitti: ''Erga yeroo dheeraatiin as yeroo jalqabaatiif 300 gadi galmeessine.''

''Lakkoofsaa kennuun rakkisaa ta'ulleen, hirrinni kunis sochii to'annoo weerarichaa taasisaa jirruun kallattii sirriirra akka jiru kan mullisuudha.''

Daa'imman Ispeeniif maaltuu geedaramee?

Labsiin mana turuu Ispeen daa'imman umuriinsaanii waggaa 14 gadii ta'e miliyoona 6.3 ta'an guyyaatti 09:00 fi 21:00 jidduutti sa'aatii tokkoof akka manaa gadi bahaniif hayyameeraaf.

Haata'u malee, mana isaanii irraa fageenya kilometira tokko caalaa deemu hindanda'an.

Kanneen umuriin saanii waggaa 13 ol ta'an akka bahanii maatiif ergaman hayamameera.

Haata'u malee, maatiiwwan ijoolleensaanii bahanii keeessattuu bakkeeewwan akka supparmaarkeetii bakka balaan vaayirasichaaf saaxilamuu olaanaan jiru akka dhaqan ergu hin barbaadan.

Playgrounds remain out of bounds for children

Madda suuraa, EPA

Tibba kanattis bishikilitiifi iskeetii oofuun kan hayyamamu yoo ta'u, bakkeewwan bashannannaa ummataa garuu akkuma cufamaniitti jiru.

Uggurri kaa'amee fi manneen barnootaa cufaman akkuma jiruutti kan itti fufan yoo ta'u, motummaan haalicha ilaaluun waljalaa ilaalaa wallakkeessaa baatii Caamsaa keessa akka laafsuuf yaade himame.

Oggeessooni xinsammuus haalli daa'imman xixiqqoof laafsamu isaatti simataniiru. ''Guyaatti sa'aatii tokkochaaf gad bahuunsaanii haala sammuu isaaniitiif geedarumsa barbaachisaa fidaa,'' jedhaniiru.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa