Koronaavaayiras፡ Maatiin manatti deebii'anii waliin turuun jaalala cimsa moo ni boreess?

Namoonni dhaabbata 'Riveenji Poorn' jedhamutti eeruu ergan heddumaataniiru

Dhaabbanni biyya Ingiliiz Riveenji Poorn Helplaayen jedhamu erga namoonni sababa koronaavaayirasiitiif akka mana turan taasifameen booda eeruun isa qaqqabaa jiru dachaan dabaluu beeksise.

Dhaabbanni maallaqa mootummaan ramaduufiin socho'u kun miidhaawwan/tutuqqaawwan mana keessattis ta'e marsariitiiwwaniifi miidiyaaleen hawaasummaa gubbaarratti namootarra gahan dhaabsisuuf qabsaa'a.

Namoonni tibba kana hojiin itti baayyachuu isaatiin Dhaabbatichi baajanni guddaan akka ramadamuuf mootummaa gaafachaa jiru. Dhaabbatichi yeroo ammaa kana hojjetoota dhaabbataa lama qofaa qaba.

Piroofeesari Yunvarsiitii Dirihaam Keleer Maakingiliin miidhaan/tutuqqaan namarra gahu mana keessatti qofaa miti jedhu. Marsariitiiwwaniifi miidiyaalee hawaasummaa irrattis miidhaan/tutuqqaan namarra ni gaha.

Kana malees, rakkoon akka yaaddoofi muddamuu, gaa'ela diiguu/hiikuufi hojii dhabuun akka amalli namootaa jijjiiramuufi namoota biroorraan miidhaa geessisan sababa ta'uu danda'a.

Kanaafidha namoota mana keessatti miidhaan irra gahes ta'e kanneen karaa toora gara garaatiin miidhaan irra gahe kan gargaarruuf jedhu.

Namoonni mana isaanii keessa turuun akka isaan yeroo dheeraa interneetiifi miidiyaalee hawaasummaa gara garaarratti yeroo dabarsan isaan taasiseera.

Gaggeessaa Dhaabbatichaa kan ta'an Soofii Mortiimer, akka jedhanitti, eeruun isaan qaqqau harki walakkaa ol namoota walitti dhufeenya jaalalaa keessa jiranirraa akka ta'e beeksisuun, hedduu isaaniirra miidhaan gahaa jira.

"Kun wanta akka salphaatti ilaaluu qabnu miti. Waamichiifi eeruun nu qaqqaban hangama akka hiraarsuu cimaan qaqqabaa jiru himuudhaaf namatti ulfaata. Karrra darbees namoonni hedduun of miidhuufi gara of ajjeesuuf yaaduuttillee seenuu danda'u."

Ganna mana duwwaa keessa

Umuriin ishee waggaa 21 kan taate Iivaan yeroo ergaan barreeffamaa tokko ishee qaqqabu osoo lafti afaan bantee ishee liqimsitee hawwitee turte.

"Suurawwan keefi viidiyoowwan qaama kee qullaa agarsiisan yeroon uummata ballaatiif tatamsaasu baayyisee natti tola. Namnis yeroo isa hangam akka ati jibbisiiftuu taate ni bara," jedha ergaan barreeffama gababaa isheetti erga sun.

Yeroo kana argitu kan gara sammuushee dhufe jaalalleeshee duraaniidha. Hiriyyaashee isa haaraa waliin mana tokko keessa jiraachuun ammoo akka ishee gammachiisaa hin jirres ni beekti.

Yeroo turtii waggaa lamaa hiriyyaashee duraanii waliinii keessatti suurawwaniifi viidiyoowwan isa waliin kaate harka isaa jiru.

Yeroo kun ta'utti boossee dhiisuu akka dadhabdeefi sababii naasuurraa kan ka'een baayyee jeeqamtee akka turte dubbatti.

Iivaafi jaallalleen ishee duraanii waajira tokko hojjetu. Kan jechuun ammoo wanta isheerra gahe gaggeessaasheetti himuu qabdi.

Maatiisheettis akkasuma himuu qabdi. Jaalalleen ishee duraanii kun garaa jabaatee suuraawwaniifi viidiyoowwan harka isaa jiru sana namatti dabarsa amanataa jedhu dhabdullee qophaa isaa mana keessa ta'uun isaa yaada hamaa ta'eef akka isa saaxiluu danda'u ni yaaddi turte.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa

Himannaa. . .

Torbeewwan afran darban keessa qofa Riveenji Poorn Helplaayen himannaawwan 200 baneera. Dhaabbatichi seenaa isaa keessatti erga hundeeffamee yeroo gabaabaa keessatti himannaa hanga akanaa banee hin beeku.

Warreen miidhaan isaanirra gahu hedduun isaanii kanneen umuriin isaanii waggaa 18 gadi ta'anidha.

Riveenji Poorn Helplaayen osoo hin taane dhaabbileen miidhaawwan karaa toora marsariitiiwwaniifi miidiyaalee hawaasummaa qaqqaban ittisan hedduun yeroo dhiyootiin asitti miidhaawwan hedduu hubachuu isaanii dubbatu.

Miidhaawwan walfakkaatan Ingiliiz keessatti qofaa osoo hin taane guutummaa addunyaarratti mul'achaa akka jiran dhaabbileen kunneen odeeffannoo akka qaban dubbatu.

Biyyoonni baayyeenis erga dhiyeenya kanaatii miidhaawwan karaa marsariitiiwwan namarra gahan akka seeraan adabamuu qabaniif hojjechaa jiru.

'Yoo miidhaa anarraan geessisan maal godhu?'

  • Miidhaa isnirra gahe galmeessaa. Karaa toora interneetaa/marsariitti miidhaa isinirra gahe taanaan ragaadhaaf isin gargaaruu wan danda'uuf qabadhaa.
  • Marsariitii suuraafi viidiyoon sun irratti manxxanfame beeksisaa (gabaasa godhaaf).
  • Hiriyyaa isinitti dhiyaatutti ykn maatii keessanitti himaa.