'Ganna 14'tti gudeedameen, viidiyoon isaa marsariitii 'poornii' irratti bahe'

Madda suuraa, Rose Kalemba
Bara darbe Rooz Kaleembaa shamarree ganna 14 wayita turte gudeedamtee - viidiyoo wayita gudeedamtu agariisu marsariitii fiilmii saal-qunnamtii beekama ta'erratti bahe haqsiisuuf hagam akka dhamaate barreessitee turte.
Ergasii booda namoonni rakkoon wal fakkaataan isaan mudate hedduun akka ishee qunnaman dubbatti.
Rooz wayita gudeedamtee hospitaala turtetti narsiin ishee kunuunsaa turte, "kuni sirra gahuu isaatti nan gadda, mucaan koos najalaa gudeedamteetti" akka jetteen yaadatti.
Narsittiin ganna 40 kan hin caalle waan taateef mucaan ishee ijoollee ta'uu tilmaamuuf hin rakkanne.
Abbaa isheefi akkoo ishee malee firoonni ishee kaanillee waan ishee hin amanne turan.
"Narsittiin na amante" jetti Rooz. Sunis miidhaan ishiirra gahe akka beekamuu abdii akka itti hore dubbatti.
Boodarra garuu namoonni kuma dhibbaan lakkaa'aman gudeedamuushee ofii argan. Garuu warri kunneen warra ishiif gaddan hin turre.

Ganna kudhan booda daawwitii fuuldura dhaabattee of ilaalaa rifeensa ishee filachuu kan eegalte.
Kun batilee hedduu erga gudeedamteen booda turan keessa waan yaadamu hin turre. Of arguu daran jibbitee turte yeroos.
Amma shamarree ganna 25 wayita taatu jireenya guyyuu ishee keessatti wantoota gochuu qabdu adda baafatteetti.
Rifeensa ishee filachuun kunuunsuun isa tokko. Rifeensa bareeda akka qabdu namootni hedduun itti himu. Ganama yeroo hunda dhugaatii kakawoo humna fayyisuu akka qabu amantu finjaala tokko ofiif qopheessitee dhugdi.
Galmawwan ishees barruu yaadannoo ykn daayarii isheerratti barreessiti. Yoo barreessitu akka waan amma raawwateetti barreessiti.
"Ani konkolaachiftuu cimtuudha" kan jedhu galma tokko. "Ani nama gammaddu Roobartitti heerumee fi haadha jabduudha" kan jedhu kan dhibiiti.
Wayita teessu rifeensa ishee qomarra gadi diriirsuu jaalatti. Qaama ishee irra hedduu uwwisa.
Magaalaa xiqqoo Ohaayoo keessatti kan guddatte Rooziif galgala gara siree deemuun dura deemsa miilaaf gadi bahuun waan baratamaa ture. Sammuu ishee boqochiisa, qilleensa haaraa fudhachuuttis ni bohaarti.
Galgala gudeedamte bara 2009 bona keessa kanumaaf ture kan manaa baate.

Madda suuraa, Rose Kalemba
Akka tasaa namichi wayii gara ta'ee itti bahe. Haaduu qara qabu itti qabee konkolaataa keessa akka seentu dirqisiise.
Konkolaaticha teessoo duubaarra namni biraa ganna 19 ta'u darbee darbee magaala keessatti argaa turte taa'ee ture.
Konkolaatichaan gara mana qarqara magaalatti kallattii biraan jiruu geessanii sa'aatii 12 oliif ishee gudeedan, namni sadaffaan ammoo kaameraan wayita isaan gudeedan waraabaa ture.
Wayita gudedamtu takka of wallaalaa takka of baraa turte. Reebamtee miila ishee bitaarras waraanamtee waan turteef dhiignishee dhangala'ee daran laaftee turte.
Gidduun warra ishee gudeedan keessaa tokko laptooppii fidee dubartoota kaan gudeedaman akka itti agarsiise ni yaadatti.
Hedduun isaanii gurraachota, laatinootaafi warra adii hin taane turan jetti.
Boodarra yoo of bartu namtichi ishee ajjeesuuf waan itti gameef, yoo ishee gadi dhiisan homaayyuu akka hin dubbanne waada galteefi konkolaataan baasanii karaa irratti gatan.
Tirattee wayita mana geessu maatiin ishee laaqana nyaachuuf qophaa'aa turan. Maaltu akka isheerra gahe itti himte.
Abbaan ishee poolisiitti bilbilee, ishees jajjabeesse. Warri kaan garuu halkaniin baate kan kana ofirratti fide sihi jedhaniin.
Hospitaalatti kan waan isheerra gahe ishee qoratan poolisiifi hakiima dhiiraati. Lamaanuu akka fedhii isheen raawwatteetti akka ishee fudhatan yaadatti.
Sababa kanaan of ajjeesuuf yaaltee akka turte ni himti.

Baatilee muraasa booda hiriyoonnishee marsaa hawaasaa 'MySpace' irratti ishee 'tag' gochuun maxxansa wayii baay'inaan walii qooduu agarte.
Wayita irratti cuqaastu gara marsariitii fiilmii saal-qunnamntii agarsiisu 'Pornhub' jedhamuutti ishee geesse. Viidiyoo wayita gudeedamtu agarsiisu ture.
Viidiyoowwan mata duree adda addaan gadi dhiifaman kana namoonni 400,000 ol ilaalanii turan.
"Viidiyoon osoon ani of wallaalee jiruu wayitan gudeedamu agarsiisu isa hamaa ture. Akkasitti of arguun isa badaadha."
Fedhi isheetiin akka raawwatteetti fudhachuun hiriyootashee mana barumsaa dabalatee namoonni hedduun arrabsoo irraan gahu dubbatti.
Waa'ee viidiyoowwan kanaa maatii isheetti hin himne.
Ji'oota jaha oliif wal duraa duubaan warri marsariitichaa viidiyoo san akka kaasan email ergaafii turuu himti.
"'Pornhub' kadhadhee email ergeefiin ture. Baay'een kadhadhe. Kuni waan dirqiin narratti raawwate maaloo kaasa jedheeraan."
Deebiin isheef hin kennamne, viidiyoowwan sunis hin kaafamne.
Namni ishee ilaalu hundi waan viidiyoowwan kanneen arge itti fakkaate akka sodaattu dubbatti.
Boodarra email haaraa banuun ogeessa seeraa of fakkeessitee marsariitichaaf ergaa akeekkachiisaa ergite.
"Sa'aatii 48 osoo hin guutiin viidiyoowwan kunniin haqaman."
Maatiin ishee warra ishee gudeedan himatanis abukaatoowwan isaanii fedhii ishiin akka ta'e waan mormaniif, manni murtii gudeeduun osoo hin taane shamarree umuriin ishee hin geenye waliin saal-qunnamtii raawwachuun murtii ittifame (kan yeroo yaalii booda amalli yakkamaa ilaalamee hojiirra oolu) itti murteesse.
Maatiin ishee mormanii murticha jijjiirsisuuf humna hin qaban turan.

Miidhaa isheerra gahe booda barattuun cimtuun gosa barnootaa hundaan A fidaa turte mana barumsaa hafuu jalqabde.
Abbaan ishee ishee waliin yeroo dabarsaa akka isheen jabaattu hedduu ishee gargaare.

Rooz waa'ee viidiyoowwan marsariitii irratti jalaa gadi dhiifamanii polisiittis ta'e maatii isheetti hin himne turte.
Abbaan ishee waa'ee viidiyoo kan dhaga'e bara 2019 erga Rooz barruu waa'ee miidhaa isheerra gahe barreessitee marsaalee hawaasaa irratti gadi dhiisteen booda ture.

Madda suuraa, Rose Kalemba
Sababa miidha irra gaheen qaamaan namarra adda kan baate Rooz yeroo ishee harka caalu marsaalee hawaasaa irratti barreessuufi yaadashee ibsachuun yerooshee dabarsiti.
Waggoota dheeraa booda marsariitiin viidiyoo ishee gadi dhiise, hojii tola ooltummaa wayita maallaqaan gargaaru, dubartoonni hiree barnootaa akka argatan deeggarsa yoo godhu agarte.
Marsariitichi ibsa barreeffamaan BBC'f ergeen yakki isheerratti raawwate waggoota dheera dura ta'uufi yeroos abbootiin qabeenyaa warra amma jiran akka hin turre himeera.
Haa ta'u malee rakkoon isheerra gahe ammallee isaanirra gahaa akka jiru dubartoonni naaf barreessu jetti Rooz.


Viidiyoowwan kunneen fedha isaaniitiin waraabamuufi dhiisuu wanti ittiin adda baasan waan hin jirreef salphaatti seeraan gaafatamoo gochuun ni rakkisa.
Qaamoleen seerri dhimma kana ilaallatu akka bahu dhiibbaa uumaa jiran garuu jiru.

Rooz hegeree isheef abdii qabdi. Umuriin ishee ganna 20 erga guuteen booda jaalallee ishee Roobart waliin wal barte. Ofitti araaramtee akka jiraattu akka ishee gargaare dubbatti.
Dhiyootti heerumtee haadha mucaa durbaa akka taatus ni abdatti.

Madda suuraa, Rose Kalemba

Ta'us garuu ammallee bakka deemtu maratti namni isheen agartu "viidiyoo koo ilaaleeraa laata jedheen yaada" jetti.
Kana booda garuu callisuu hin barbaadu, "meeshaan guddaan warra nama gudeedan gargaaru callisuudha" jetti.














