Abbaan marsariitii dubartoota gowwoomsuun fiilmii saal-qunnamtiisaanii rabse FBIn barbaadamaa jira

Madda suuraa, Getty Images
Abbaan qabeenyaa marsariitii fiilmiin saal-qunnamtii gadi dhiisii buufanni isaa Ameerikaa ta'e 'GarlisDuuPoorn' [GirlsDoPorn] jedhamu Biiroo Poolisii Qorannoo Yakkaa Ameerikaa (FBI)tiin barbaadamaa jira.
Abbaan qabeenyaa marsariitii kun dubartoota 22 gowwoomsuudhaan fiilmii yeroo saal-qunnamtii raawwatan waraabame marsariitiiwwan saal-qunnamtii gadi dhiisiirratti gadhiisee ture.
Kana gochuu isaatiifis manni muri abbaan qabeenyaa kun dubartoota 22 kanaaf beenyaa kaffaluufiin irra akka jiru murteesseeraaf.
Abbaan qabeenyaa marsariitii kanaa Maayikil Piraat kan jedhamu yoo ta'u marsariiticha erga haqee booda beenyaa dubartoota kanaaf akka kaffaluuf itti murtaa'e osoo hin kaffaliin miliqeera.
Maayikil Piraat walumaa galatti beenyaa Dolaara miliyoona 12.8 (Birrii miliyoona 384 ol) bifa beenyaan akka kaffaluuf ture kan itti murteeffame.
Marsariitiin 'GaarlisDuuPoorn' jedhamu kun hojjechaa erga dhaabee amma torban tokko akka darbe himamaa jira.
Abbaan murtii Saandiyaagoo torbee muraasa dura, marsariitichi fiilmiin dubartootaa kun akka marsariiticharratti akka hin fe'amne, maqaa dubartoota kunneen isa sirrii ta'es akka hin fayyadamnee, akkasumas namoonni dubartoota kana beekan akka arguu hin dandeenye waadaa galeefii turellee, viidiyoon isaanii marsariitiiwwan biraarratti dabalatee akka gadi dhiifamaa ture mirkaneeffadheera jedhe.
Kanarraa kan ka'eenis dubartoota kunneenirra miidhaan gara garaa ga'uurra darbee, rakkoo hamileen cabuufi qoor-qalbii isaaniirran miidhaa geessiseera. Dubartoota kunneen keessaa sababii kanaanis kanneen hojiirraa ari'amaniifi barumsa dhaabuuf dirqaman jiru.
Kana malees, dubartoonni kunneen sababa marsariitiin kun isaan gowwoomsuun fiilmii saal-qunnamtii yeroo raawwatanitti waraabame fedhii isaanii malee tamsaaseen miidhaa qoor-qalbiifi hojii isaanii dhabuurra darbee hariiroo gaarii hirriyootaafi firoota isaanii waliin qaban akka dhaban abbaan seeraa mana murtii Saandiyaagoo Keeviin Inraayiit dubbateera.
Abbaa qabeenyaa marsariitii yakka kana raawwatee kan ta'e Maayikil Piraat, gara biyya Niiwuuziilaanditti akka baqachuu hin oolle himamaa jira.














