Koronaavaayiras: Jiraataan magaalaa Adaamaa Koovid-19 Irraa bayyanatan maal jedhu?

"Ilma koo koridarii irratti agarraan nan rifadhe. Iyyeetan kufe. Maatiin kiyya martuu achi kan jiran natti fakkaate," jedhu ilma isaanii dhibee Koovid-19n qabamee hospitaala Ekkaa Kotabee seentee yeroo arganitti haala ture yeroo himan.
Obbo Daagmaay Baqqalaa jiraataan magaalaa Adaamaa torbee lama dura Bitootessa 18 bara 2012 ture dhibee Koovid19n qabamuun isaanii gama Ministeera Fayyaatin kan himame.
Maanguddoon umrii waggaa 61 kun magaalaa Finfinnee hospitaala Ekkaa Kotabeetti yaalamaa erga turanii booda, yeroo ammaatti dhibicharraa bayyanachuun gara mana jireenya isaanii magaalaa Adaamaatti deebi'aniiru.
Turtii BBC Afaan Oromoo walin taasisaninis haala yeroo itti of shakkuu eegalanii kaasee hanga ammaa jiru nutti himaniiru.
"Akkamitti akka na qabe hin beeku…"
Ogummaan isaanii Faarmaasistii akka ta'e kan himan Obbo Daagmaay dhibeen kun akkamitti isaan qabuu akka danda'e akka hin beekne himu.
Haa ta'u malee yeroo mallattoolee tokko tokko ofiratti arganitti hoteelatti siree kireeffachuun kophaatti adda of baasanii turuu isaanii himu.
"Of shakkeera waan ta'ef hangan asii bahutti namni na bira akka hin dhufne. Yoo dhufes gilaavii fi maaskii akka godhatu fi akka of eegu warra hoteelaattis himeera," jedhan.
"Mallattoo isaa ofirattin arge. Achumaan buufata fayyaa fi hospitaala magaalaa Adaamaa keessatti argamu deeme. Isaan homaa narratti arguu didan. Sana booda Ministeera Fayyaatif bilbilee na dhukkuba garuu nama na qoratu hin arganne jedheen itti hime," jedhan.
Sana booda Ministeera Fayyaarraa gara Biiroo Fayyaa Oromiyaatti achumaanis gara magaala Adaamaatti bilbilamee akka qorataman taasifamuu fi dhibeen Koovid19 irratti argamuusaa Obbo Daagmaay BBCti himan.
Mallattoolee…
Obbo Daagmaay Baqqala dhibee Koovid19 ilaalchisuun deeggarsa magaala Adaamaatti walitti qabamaa ture miseensa koree ta'un hojjechaa akka turan BBCti himan.
"Jalqaba qufaa gogaa na qufaasise," kan jedhan Obbo Daagmaay itti aansun qoonqoo isaanii miirri nyanyaachuu/hooqsisuu itti dhagahamuu akka eegale himu.
"Koroonaa ta'innaa? jedhee qoosaadhaan yeroon haasa'u, namootni lakki saayinasii keetu sitti ka'e malee Koroonaa miti naan jechaa turan," jedhu.
Sana boodas bowwoon mataa cimaa ta'e itti dhagahamuu fi qaamni isaanii dadhabuu akka eegale himu.
"Xiqqoo kan na dogongorse hoo'i qaama kootii 36 darbee hin beeku. Yeroo hunda sa'aa sadi ykn afur gidduutti hoo'aa qaamaakoo safaraan ture. Sana booda guyyaa tokko ganama yoon safaru hoo'i qaama kootii 38 ta'e. Yeroo kana isuma jedheen of shakke" jedhu.
Sana boodas walgahii koree deeggarsa dhibee Koovid19 deemuu akka dhaabanis himu.
Turtii Hospitaala Ekkaa Kotabeefi Rifaatuu…

Hospitaalli Ekkaa Kotabee hospitaala namoota dhibeen Koovid19 irratti argamef tajaajilli wal'aansaa itti kennamu dha.
Hospiataala kana keessa guyyoota 20 ol akka turan kan himan Obbo Daagmaay Baqqala "achitti guyyaa kudhan kan ta'uf dhibee baay'ee cimaarran ture. Ogeeyyin fayyaa oksijiinii (mechanical ventilation) naaf godhanii dawwaa adda addaas naaf laatan" jedhu.
Yeroo dhukkubbii hammaattaa sanatti guyyoota torba yookin saddet ta'anif midhaan akka hin nyaanne fi bishaan dhuganillee isaan deebisisaa akka ture himu.
Obbo Daagmaay dhukkuba cimaa keessa osoo jiranuu haati warraa fi ilmi isaanii ganna 14 taate dhibee Koovid19n qabamuun gara hospitaala Ekkaa Kotabee seenan.
"Guyyaa sadi ykn afur na dhoksanii wal hin agarre ture. Anillee yeroo san dhukkuba cimaa keessan ture. Rabbi isaanif yaa kennu na jalaa dhoksan malee osoo yeroo san dhagahee lubbuun kiyyallee hin jiraattu turte" jedhu.
Haati warraa fi ilmi isaanii hospitaala Ekkaa seenanii guyyoota sadi booda haati warraa isaanii bilbilanii isaanillee dhibee Kooid19n qabamuu isaanii akka itti himan Obbo Daagmaay himu.
"Ijoolleen kiyyahoo? jennaanin 'ijoolleen nagaa qabdi' naan jette, baay'een rifadhe. Sa'aa tokko booda dhuftee 'akkam jirta?' naan jette.
Xiqqoo imimmaan koo ni dhufe. Nan obse" jedhan haala hospitaalicha keessatti haadha warraa isaanii walin itti wal argan yeroo himan.
Dhukkubichaan qabamuun intala isaanii kan itti hin himamne Obbo Daagmaay intala isaanii hospitaalichuma keessatti arguu isaanii miira cimaadhaan himu.
"Guyyaa shan booda mana fincaanii yeroon deemu ilmakoo koriidarii irrattin arge. Nan rifadhe. Mucaa achitti agarraan iyyeetan kufe," jedhu sagalee imimmaanin qabameen.
"Sana booda si dhoksineeti malee erga as gallee torbee tokko guutera," jedhanii natti himan jedhan.
Jireenya Haaraa…
Yeroo ammaa Obbo Daagmaay Baqqala, haati warraa isaanii akkasumas ilmisaanii dhibee Koovid19 irraa bayyanatanii gara mana jireenyaa isaanii magaala Adaamaatti deebi'aniiru.
Obbo Daagmaay ammallee deeggarsa meeshaatin oksijiinii fudhatu.
"Akka kootti kan of eegu hin jiru. Kan nama gorsullee hin jiru. Kanaaf uummatni keenya sirriitti beeku qaba" jedhu hawaasni dhibicharraa of eeguu akka qabu yeroo himan.

- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras

"Akka Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa fi Ministeerri Fayyaa biyya keenyaa jedhanitti of eegun barbaachisa. Harka daddafanii dhiqachuu, alkoolii fi saanitaayzara fayyadamuu, yoo danda'ame maaskii godhachuu qaba" jedhu.
Dabalataan harka wal-fuudhuu dhiisuu fi walirraa fagaachun akka barbaachisu himu.
"Warri dirqii hin qabne mana turuu qabu. Manaa bahu hin barbaachisu. Mana taa'anii sireerra ciisuu fi televizhiinii ilaaluu osoo hin taanee kitaaba yaa dubbisan. Oddoo yoo qabaatan ispoortii yaa hojjetan. Ani ganama kana daqiiqaa daqiiqaa soddoma/sa'aa tokko kan ta'u mucaa koo walin oddoo keessa utaalan ture" jechuun sochii qaamaa taasisuun barbaachisaa akka ta'e Obbo Daagmaay dubbatu.
Dhumarrattis "balaa kana ofirraa dabarsuuf dhibee kana ofirraa ittisuutu barbaachisa. Yoo biyyaaf yaadne, yoo ofif yaadne uummataafis ni yaadna. Bara badduu tanallee ofirraa dabarsina. Biyya keenyallee ni eegna" jechuun dhaaman.












