Haakima Itoophiyaa wal'aansoo Chaayinaan COVID-19 waliin taasifte dhiheenyatti hordofaa ture

Magaala Wuhaan, Chaayinaa keessatti walakkeessa Mudderraa ture sochiin kan dhorkame

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Magaala Wuhaan, Chaayinaa keessatti walakkeessa Mudderraa ture sochiin kan dhorkame

Chaayinaa keessatti ogummaa fayyaa barachuuf waggoota shan tureera. Walumaa galatti Chaayinaafi Itoophiyaatti ogummaa fayyaa barachuufi hojjachuutiin waggoota 10 dabarsuusaa dubbata.

Magaalaan inni keessa jiraatu weerarri vaayirasichaa hagas hunda miidhaa kan hin geesifne ta'us tarkaanfiin mootummaa walumaa galatti fudhate Chaayinaan tatamsa'inna vaayirasicha hir'isuu akka dandeessuuf ishee gargaareera jedha.

Maqaasaa himuu kan hin barbaannee haakimni kun koronaavaayiras to'achuurratti Itoophiyaan Chaayinaarraa waan barattu heddutu jira jedhee amana.

Kanaafis hawaasni dafee dafee harkasaa akka dhiqatuuf gorsuu, manneen barnootaa cufuu, walgahii namoonni hedduu itti argaman taasisuu dhabuu yoo taasisanis beekamitii Ministira Fayyaatiin taasisuufi tarkaanfiiwwan biroo mootummaa Itoophiyaatiin fudhatamuufi hojiirra oolfamuu qaban hundi dursanii of eeguurraa tarkaanfiiwwan muraasa ta'uusaanii eera.

Ta'us garuu muuxannoo inni Chaayinaatti fudhateen mootummaan Itoophiyaa maaskii godhachuurratti xiyyeeffannoo osoo kennee weerara kana ittisuuf akka filannoo gaarii tokkotti fudhatamuu qaba jedha.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO)fi mootummoonni biyyootaa maaskiin godhatamuu hin qabu jedhanis inni garuu "haakimoonni, namoonni vaayirasichaan qabamaniifi namoota isaan kunuunsan qofa osoo hin taane namoonni biroos maaskii godhachuu qabu," jechuun kunis faayidaa malee miidhaa akka hin qabne mul'isa.

Haakimni kun muuxannoo isaarraa ka'uun akka dubbatutti bakkeewwan waliirraa siiquun danda'amutti keesumaayyuu geejjiba hawaasaarratti, gabaa keessatti, manneen amantaatii, akkasumas bakkeewwan namoonni hedduu itti argamanitti namoonni maaskii fayyadamuun tatamsa'ina vaayirasichaa hamma ta'een ittisuuf barbaachisaa akka ta'e Chaayinaatti arguusaa dubbata.

WHO meeshaa yeroo wallaansaaf barbaachisan akka baayyinaan omishan biyyoota addunyaa gaafateera

Madda suuraa, AFP

Akka haakimni kun jedhutti bakkeewwan namoonni baay'atanitti maaskii godhachuun barbaachisaadha jedha.

Moobayilii qulqulleessuu, akkasumas wantoota namoonni biraa manaan alatti tuttuqan manatti deebi'anii qulqulleessuun barbaachisaadha.

"Fakkeenyaaf, kuduraalee harkaan tuttuqaman qulqulleessuun barbaachisaadha. Harka keenya dhiqannus wantoota akka moobiyilii eega tuttuqne booda harki keenya qulqulluu hin ta'u."

Bakkeewwan namoonni vaayirasichaan qabaman ifa godhamuufi namoonni naannoo san jiraatan of eeggannoo akka taasisan malaawwan Chaayinaan vaayirasicha of irraa ittiste keessaa tokkodha.

Itoophiyaa keessatti kana gochuun namoota gargar baasuufi wantoota hawaasa biratti hin baramne fiduu kan danda'u ta'us tarkaanfiin kun murteessaa akka ta'e hubatamee namoonni akka of eegan odeeffannoo kennuun murteessadha jedha.

Haakimoonni dhukkubsattoota COVID-19f yaala kennan guyyaa guyyaadhaan gara manasaanii deemuurra hospitaala itti hojjatanitti yookiin bakka tursiisaa osoo hojjatameef baay'een gaarii akka ta'e himuun; "Ministirri fayyaa biyyattii waan kanarratti hojjachaa akaka jiru nan amana," jechuun inni kunis tatamsa'ina vaayirasichaa hawaasa keessa jiru hir'isuuf ni gargaara jedha haakimni kun.

Chaayinaan Xaaliyaan waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu haala ajaa'ibsiisaa ta'een tatamsa'ina vaayirasichaa to'atteetti kan jedhan haakimni kun, carraan namoota qabamanii du'uunis xiqqaa akka ta'e dubbatu.

Dabalataanis, lakkoofsi namoota Chaayinaatti qabamanii guddaa ta'us lakkoofsi namoota du'anii xiqqaa kan jedhamu akka ta'e himu.

Namoota dhukkubbichaan qabaman waliin tuttuqqaa qaban jedhamanii namoonni adda baafaman ilaallatee namoonni kunneen vaayirasichi irratti argamuu dhabuu danda'a waan ta'eef bakka tokko akka tursiifaman taasifame bu'aa qorannoodhaan argamu ilaalcha keessa galchuun of eeggannoon cimaan taasifamuu qaba jedha.

Yaaddoo dhukkubbichaatiif namoota adda of baasaniif qulqullinnisaanii eeguun kan barbaachisu yoo ta'u, mootummaanis namoota kanneeniif hordoffii taasisuu qaba jechuun dubbata.

Magaalaa Wuhaan jalqaba sochiin keessatti dhorkamedha

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Magaalaa Wuhaan jalqaba sochiin keessatti dhorkamedha

Fakkeenyaaf, barattoonni durasanii "Chaayinaarraa gara Itoophiyaa deeman kanneen biroo eeguuf jecha hoteela qabatanii turuunsaanii kan galateeffamuu qabuudha," jechuun yaadasaa kaasa.

Balalii ilaalchisee, namni gara biyyaa seenu kamuu adda of baasee akka turu taasisuun tatamsa'ina vaayirasichaa daangessuuf tarkaanfii gaarii akka ta'e kan dubbatu haakimni kun hojjattoonni Daandii Qilleensa Itoophiyaa imaltoota faana tuttuqqaa qaban maaskii godhachuun barbaachisaa akka ta'e amanu.

Dhaabbilee amantii keessattis tatamsa'ina vaayirasichaa daangessuuf xiyyeeffannaan itti kennamee akka hojjatamuu qabu dhaamsa ogeessi fayyaa kun.

Hanqina meeshaalee barbaachisoo biyya keessatti mudachuu danda'u yaadachuun lammiileen Itoophiyaa biyyoota biroo jiraatan wantoota akka maaskiifi saanitaayizar osoo arjoomanii tatamsa'ina vaayirasichaa daangessuu keessatti gahee ol aanaa qaba jechuun yaadasaa hima.

Bakkeewwan maaskii godhachuun rakkoo uumutti wantoota akka shaarbii uffachuun afaaniifi funyaan dhoksuun homaa osoo hin godhatin deemuurraa wayyaa akka qabu dubbata. Kanaaf , "yeroo kanatti qufaanillee akka nu hin qabneef of eeggannoo taasisuu qabna."

Bakkeewwan dhukkubbichi baay'inaan argamee turetti hakimoonni barataniifi namoonni yaala aadaa kennan waliin ta'uun yaalli kennan Chaayinaan haala gaariin vaayirasicha akka to'attuuf ishee gargaareera jedhee amana.

Dabalataanis haakimoonni rakkinni kun na ilaallata jedhanii hanga danda'aniin hojjachuunsaaniifi hawaasnis tarkaanfiwwan fudhatamuu qabu hunda haalan fudhachuunsaa, akkasumas mootummaan itti gaafatamummaasaa haalan bahuun Chaayinaa rakkoo guddaa jalaa akka ishee baase dubbata.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa