Feesbuuk WBO fi qabiyyeewwan sochiisaa leellisan maalirraa ka'ee uggure?

Loogoo Feesbuukii

Madda suuraa, Getty Images

Miidiyaan hawaasaa guddichi, Feesbuuk, Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) fi qabiyyeewwan isa leellisan kaan feesbuukiirraa haquu addatti BBC'f mirkaneesse.

Dhaabbatni Feesbuuk Waraana Bilisummaa Oromo tarree ''dhaabbileefi namoota hamoo'' jedhu jala waan galcheef guutummaatti Feesbuukiitti fayyadamuu akka hin dandeenye ugguruu hime.

Dubbii himaan dhaabbata Feesbuuk BBC'f deebii gama iimeeliin kennaniin Waraanni Bilisummaa Oromoo Feesbuukiirraa kan uggurameef ''jaarmiyaalee hamoo, keessumaa kanneen mootummaa hin ta'iiniifi hokkora uuman imaammata jedhuun'' akka ta'e beeksisaniiru.

WBOn ifatti Adda Bilisummaa Oromoorraa adda bahuu labsuun dura, damee waraanaa ABO ta'ee baroota hedduuf hidhannoon qabsoo gaggeessaa ture, ammaan kana kutaalee Oromiyaa hedduu keessatti sochii waraanaa gochaa jira.

Mootummaan Itoophiyaas ji'oota dura WBO, kan ABO-Shanee ittiin jedhee ibsu TPLF waliin jaarmiyaalee shororkeessoo jechuun labseera.

WBO Feesbuuk gubbaa dhorkamuun maal jechuudha?

Dhaabbanni Feesbuuk WBO feesbuukii irraa uggureera jechuun, maqaa WBO ykn kanneen jaarmiyicha bakka bu'aniin fuulli banamu ykn banamee jiru ni haqama, kan banamuuf jiraatus hayyama hin argatu jechuudha.

Qabiyyeewwan namoota biraan maxxanfaman ''garee kanaaf deeggarsa kennu ykn hokkora gareen kun uumu leellisu'' ni haqamu.

Feesbuuk murtee kanarra gahuun dura ogeeyyii dhimmichatti dhiyeenya qaban waliin mari'atee, sirna jiru tokko tokkoon akka hordofu dubbii himaan dhaabbatichaa ibseera.

Murtee Feesbuuk kana ilaalchisee yaada qaban akka ibsan BBC'n dubbii himaa WBO Odaa Tarbii dubbisee, murtee kana quba akka qaban himaaniiru.

Murteen kun gareewwan adda addaan ''sagalee saba Oromoo fi cunqurfamoota biroo ukkaamsuuf'' dhiibbaa duula pirooppaagaandaan dhufeedha jechuunis ibseera.

Itti dabaluunis biyyattii keessatti ''gareeleen mirga namoomaa sarbuufi ajjeechaa raawwachuuf kan ragaan irratti dhiyaatu biroon bilisaan Feesbuuk osoo fayyadamanii, WBO pirooppaagaandaa bu'uura hin qabneen ugguruun imaammata Feesbuuk irratti eenyu dhiibbaa gochaa akka jiru agarsiisa,'' jedheera.

'Imaammata jaarmiyaaleefi namoota hamoo'

Imaammatni jaarmiyaaleefi namoota hamoo feesbuukii, imaammata jaarmiyaalee shororkeessoo, garee jibbaa fi jaarmiyaalee yakkaa dabalatee qaamolee biroo ilaallatuudha.

Imaammatni qaamolee miti mootummaa hokkora uuman jedhu, Imaammata jaarmiyaaleefi namoota hamoo jedhu jalatti kan argamu yeroo ta'u, kunniin qaamolee namoota nagaa irratti hin xiyyeeffanne garuu ammoo mootummaa fi hoomaa waraanaa irratti hokkora kan uuman hiika jedhu qaba.

Dhaabbatni Feesbuuk imaammata isaa kana irratti hundaa'uun qaamolee miti mootummaa hokkara uuman jechuun erga farrajee, akkaawuntii jaarmiyichaafi qabiyyeewan garee sanaaf deeggarsa agarsiisan akkasumas miseensota isaanii beekamoo feesbuk irraa nan ugguura jedha.

Qabiyyeewwan maxxansa feesbuuk kanneen sochii hokkoraa jaarmiyaa kanaa leellisanis ni ugguuramu jedheera.

Dhaabbilee shororkeessaa

Feesbuuk jaarmiyaalee akka al-Qaayidaafi ISIS shororkeessitoota jedhee labseera. Jaarmiyaaleen shororkeessoon jaarmiyaalee miti moootummaa hokkora uuman irraa akkamiin adda bahu gaaffii jedhuuf deebii kenneera.

Dhaabbileen shorokeessoon namoota nagaa irratti haleellaa humnaa karoorsanii raawwatu, jaarmiyaaleen miti mootummaa hokkora uuman garuu namoota nagaa osoo hin taane mootummaa fi hoomaa waraanaa irratti xiyyeefatu jedha Feesbuuk.

Aanga'ootni mootummaa Itoophiyaa Marroo Dirribaa ajjeefamuu himaa erga turan booda Al-jazeeraa irratti mul'ate

Madda suuraa, @AJSTREAM

Ibsa waa'ee suuraa, Aanga'ootni mootummaa Itoophiyaa Marroo Dirribaa ajjeefamuu himaa erga turan booda Al-jazeeraa irratti mul'ate

Sanas ta'e kana jaarmiyaaleen Feesbuuk shorokeessoo fi qaamolee miti mootummaa hokkora uuman ittiin jedhe lamaanuu miidiyaa hawaasaa kana akka fayyadaman hin hayyamamuuf.

Gareeleen kunniin ugguramuu qofa osoo hin taane gareelee kanaaf waltajjii kana irratti deeggarsa agarsiisuun ugguraaf nama saaxila.

Leellisuu, deeggarsa agarsiisuu, bakka bu'uu

Leellisuu: gaarummaa waayee WBO odeessuu ykn tarkaanfii gareen kun fudhatu akka milkaahinaatti leellisuun feebuuk biratti fudhatama hin qabu.

Bakka Bu'uu: Fuulli, piroofaayiliin ykn ta'iin WBO bakka bu'uun ykn bakkan bu'a jechuun baname kamuu ni haqama.

Fakkeenyaaf ''miseensa WBO ijoodha'' kan jedhu ni haqama.

Deeggarsa: WBO deeggarsa maallaqaa/kan gosa kaanii walitti qabuuf akkasumas waraana filachuuf qabiiyyeewwan maxxanfaman ni ugguuramu.

Fakkeenyaaf ''WBO deeggarsa walitti qabaa'' kan jedhu ni ugguurama.

Mallattoofi hooggana WBO

Dhaabbatni Feesbuuk WBO, ABO irraa qaama waraanaa fottoqee bahee ta'uu isaa quba akka qabu akkasumas mallattoo garee kanaa adda baasuu beeksiseera.

WBO hoogganuun kanneen beekaman keessaa inni ijoon Kumsaa Dirribaa (Jaal Marroo) ta'uus akka beeku dhaabbatichi ibseera.

Dhaabbati Feesbuuk jaarmiyaa kanaan cinaatti jaarmiyaaleefi namoota dhuunfaa immaammta qaama mootummaa hin ta'iin hokkora uuman jedhuu fi kaan jalatti adda baasee tarkaanfii irratti fudhachuus BBC'tti himeera.

Guutuu addunyaatti haleellaa siyaasa, sochii jibbaa fi yakkaa hammaataa jiru waliin yeroo ilaalamu kanneen imaammatoota isaan adda bahan guutuu ta'uu baataniis hordoffiin isaan godhan itti fufiinsa kan qabu ta'uu dhaabbatichi ibseera.

Jaarmiyaalee ramaddiiwwan hordoffii dhaabbatichaa jala galan adda baasuuf sadarkaaleen adeemsaa keessa darbaman jiraachiisu himeera. Ta'uus kanneen yaaddoo guddaa uuman dursa kennee akka hordofu ibseera.

Ammaan tana jaarmiyaaleen ykn namoonni dhuunfaa Itoophiyaa keessa jiran kan dhaabbatichi qorannoon irratti gaggeessaa jiru yoo jiraate beekuuf gaaffii dhiyeessuus dhaabbatichi dhimma kana irratti yaada kennuurraa of qusateera.