Ajajaan duraanii Zoonii Kibbaa Goollicha Dheengee waggoota 27 booda WBO keessaa bahuu fi fuulduree qabsoo isaa

Madda suuraa, Oromia Communication Bureau
Hogganaan duraanii WBO Zoonii Kibbaa Goollicha Dheengee qabsoo hidhannoo gaggeessaa ture keessaa bahuun gara biyyaatti deebi'uun yeroo magaalaa Finfinnee gahu, buufata xiyyaaraa Booleetti qondaalota mootummaan simannaan taasifameeraaf.
Goollicha Dheengee WBO kan mootummaan dhiyeenya shororkeessaa jedhee farrajje gara Kibbaa Itoophiyaa jiru hogganaa ture.
Mootummaan ADWUI, olaantummaa TPLFn yeroo Itoophiyaa bulchaa turetti, yoo xiqqaate waggoota 27 tahaniif mootummaa Itoophiyaa waliin wal waraanaa tureera, Aabba Goollichaan.
Goollichi wal dhabdee keessoo dhaabichaatti isa mudatee fi murtoo dhiyeenya TPLF waliin tokko tahuuf waliigalame mormuun dhaaba kana keessaa bahuuf akka murteesse BBCtti hime.
Erga hoggansa Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibbaa irraa ka'ee amma waggootni sadii darbaniiru kan jedhu Goollichi, dhiibbaa qondaalota waraanaa ani hogganaa tureen narra gahaa ture irraa kan ka'e amma qabsoo hidhannoo kana dhiisee bahe jedha.
''Guyyaa ABO'n gara biyyatti galeeyyuu ani nama dhaabbiitti hidhamen ture. Miidiyaa gubbaattiyyu dirqisiifamee dubbachaan ture,'' jedhe Goollicha Dheengee.
Goollicha Dheengee ergan hoggansa irraa ka'ee waggootni sadii darbaniiru haa jedhu malee, bara 2019 keessa yeroo BBC'n gaaffiif deebii waliin taasise hogganaa waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibbaa akka tahe hime. Yeroo sana maaliif hoggansa irraa akka kaate hin himne jedhee BBCn gaafateera.
''Atuu yoo qabamtee doorsifamtee dubbadhu jedhamte du'uumoo dubbachuu filatta? Dirqisiifameen dubbachaa ture, sammuu nagaatiin hin jiraanne, doorsifamaan ture,'' jechuun deebise.
Waraana Bilisummaa Oromoo ammoo ibsa hogganaa isaa duraanii kana ilaalchisee baaseen, Goollicha Dheengee sababa fayyaa isaa irraa kan ka'e erga hoggansa irraa ka'ee waggaan tokko darbeera jedhe.
Itti-aanaa hogganaa WBO Zoonii Kibbaa tahuun Goollicha jalatti hojjechaa kan ture Gammachuu Abbooyyee bakka isaatti muudamuus ibse.
"Erga dhibee isa mudate irraa bayyaannatee irra deddeebiin gara hoggansaatti akka deebi'uuf gaafatamus tole hin jenne.
Kora ji'a Waxabajjii keessa gaggeeffame irrattis akka hirmaatuuf irra deddeebiin affeeramus wal dhabdee hogganoota kaan waliin qabu eeruun akka irratti hirmaachuu hin barbaanne hime,'' jedha ibsi baasan kun.
Dabalataan gochaan kun shira mootummaan namoota duraan WBO keessa turanii booda meeshaa hiikkachuun galaniifi jaarrolee biyyaa fayyadamuun ''gosaan'' jaarsummaa itti baasuun Goollicha amansiisuuf hojjetanidha jedhe ibsa baase.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X

Maddi wal dhabdee isaanii maali?
Haga yeroo dhiyootti hogganaan WBO Zoonii Kibbaa Aab Goollicha Dheengee akka tahe beekama ture. Goollichi erga 2017 as waraana kana hogganaa akka hin turre BBCtti hime.
Dhiibbaa qondaalota ol-aanoo WBO Zoonii Kibbaa jiran irraa kan ka'e hoggansa kana irraa kaafamera jedhe. ''Waggoota sadan darbaniif hidhaa dhaabbii keessan ture,'' jechuun himata.
Gama biraan waamicha Abbootiin Gadaa, jaarroleen biyyaa fi mootummaan akka qabsoo nagaatti makamaniif dhiyeessan fudhachuun osoo hin deebi'iin tureera.
Miseensotni WBO Zoonii Kibbaa jiran gariin waadaaleen mootummaan galaa ture guutamaa hin jiru jechuun bosonatti yoo hafan kaan ammoo waamicha kana simachuun meeshaa hiikkatanii galan.
Yeroo sana Goollicha Dheengee gaaffiifi deebii BBC waliin godhe irratti koree araaraa gara waraana Zoonii Kibbaatti ergaman waliin akka wal hin argine himee ture.

Miseensotni isaanii waamicha dhiyaateef simatanii galuu barbaadanis akka hin ittifamne himanii ture.
"Kan wal bulchaa jirru heeraafi sagantaa siyaasaa ABOtiini'' kan jedhan Abba Goollicha Dheengee, ''Kaayyoodhaaf wal tumsinee jirra, miseensi WBO osoo galuuf fedhii qabuu ittifame hin jiru,'' jedhanii ture yeroo sana.
Erga qabsoo hidhannoo keessaa bahuu isaanii BBCtti himanii osoo gara biyyaatti hin galiin gaaffiifi deebii addatti BBC waliin godhan irratti ammoo ''waraana Kibbaa hogganaa kanan ture amma miti - fagoodha barri isaa".
Goollicha hoggana kan jedhan sun dhugaa qabatamaa miti. Oromoon fagoo taa'ee ilaalu Goollichatu hooggana itti fakkaata,'' jechuun yaada duraan dubbatan waliin kan wal hin fakkaanne himan.
''Waggaa sadiirraa har'aa kaasee hogganee hin beeku. Miidiyaa irratti qofa suuraa kiyya fayyadamanii dhiyeessaa turan malee hogganaa hin turre. Zoonii Kibbaa keessatti kan hojjetamu waliigalaan karaa namoota fudhatama qabaniin malee anaan miti,'' jedhan.
''Miidiyaatti kan dubbataa turanis doorsifamee, dirqisiifameeni,'' jedhan.
BBC'n yeroo bilbilaan dubbisetti eeyyamamoo tahuu isaanii malee qaama biraan dirqisiifamanii akka dubbatan waan mirkaneeffate hin turre.
Gareen kun ibsa gama dubbi-himaa isaa Odaa Tarbiitiin baaseen, Goollicha Dheengee rakkoo fayyaa mudateen dirree irraa bahuun yaalamaa akka tureefi erga bayyaannatee hoggansatti akka deebi'uuf gaafatamus tole hin jenne jedhe.
Aab Goollicha, ofumaan jibbee kan jedhu, waan tokko jaallachuus akkasumas dhiibbaan si jibbisiisuu danda'a. Dabni namni sirrati godhus si jibbisiisuu danda'a. Murni tokko gar-tokkotti kan nama deemu yoo tahe akkam goota?
Isaan nu hoggani jedhanii Goollicha dide kan jedhu garuu waan akkasii hin jiru,'' jedhan.
Waraana waggoota 27 keessa ture kana irraa dhiibbaan narra geenyaan qabsoo hidhannoo dhiisee bahe kan jedhan Aab Goollichi, ''qajeeltoo irratti wal dhabne. Dhiibbaa guddaa narraan gahan, yaaliin ajjeechaas narra gahee ture. Qabsoo fi hoggansi amma deemus sirrii miti, haaromsuu qabna jedheen gaaffii kaasaa ture waggaa sadan darbe,'' jedhe.
''Maqaa kiyya yakkuudhaan jaalalaaf mararfannoo waggaa 27 qabu narraa fudhachuuf duulatu narratti deemaa ture.''
Wal dhabdee isaanii kanas karaa jaarrolee Booranaa furachuuf yaalanii akka hin milkoofne himan.
Waamicha gara qabsoo nagaatti makamuu ilaalchisee yoo dubbatanis, ''Dhaabni guddaa ABO'n qabsoo karaa nagaatti amanee gale. Hayyoonni Oromoos qabsoo karaa nagaa kanatti amananii galan. Goollichi qabsoo karaa nagaatti yoo amanee cubbuu maal qaba?'' jechuun deebise.

Madda suuraa, Oromia Communication Bureau
Kora WBO 2021 fi wal ta'insa TPLF
WBO dhiyeenya kora tokko gaggeessuun hoggantoota akka filate ibsee ture. Goollicha Dheengee kora Gimbii jalatti waraanni Zoonii Lixaa fi Kibbaa gaggeeffame jedhan osoo dirree jiruu miidiyaa irrattan dhagahe jedhan.
''Achirratti namoota sadiitu dubbate. Jaal Marroo Dirribaa fi Jaal Gammachuu Abbooyyee fi Odaa Tarbii ture. Xalayaa fuula sadii qaba, dheekkamsaaf akeekkachiisa qaba.''
WBO kora gaggeeffame irratti akka hirmaatuuf gaafannee tole hin jenne jedhe. Goollicha Dheengee ammoo waamichi naaf godhame hin jiru miidiyaa irraan dhagahe jechuun deebise.
Dabalataan WBO kan mootummaa ''ABO Shanee'' jedhee waamuun TPLF waliin wal tahuun mootummaa Itoophiyaa waraanuuf walii galuu dhiyeenya ibsaniiru.
Waggoota 27 darban yeroo TPLF ol-aantummaan Itoophiyaa bulchaa ture, maqaa ABOn miidhaa guddaan uummata, hayyootaafi namoota siyaasaa Oromoo irra gahaa ture.
Kaan achi buuteen isaanii dhabamaniiru. ABOn irra deddeebiin, ''nuyi TPLF waliin warra gumaati'' jechuun himaa ture.
WBO qabsoo hidhannootti jiru ammoo dhiyeenya qaama kana waliin tokkoomuun dubbii ijoo taheera.
Goollicha Dheengee hoggansa irraa erga ka'ee bubbuluu himus yaada kanaan akka walii hin galles hima.
''Waggaa 27 TPLF uummata Oromoo miidhe, ajjeese, lubbuu qeerroofi qarree ajjees. OPDO diina jennee abaarree, har'a ammoo TDF waliin qabsoofnee mootummaa Abiy fonqolchina kan jedhan kana waan waliin mari'annee murtaa'e miti. Waraanas uummatas hin mariisifne. Sirna dimokirasii keessattis fudhatama hin qabu,'' jedhe.
''Seenaa badaa hin fudhadhu. Abbaa badii tahee seenaan gaafatamuu mannaa jedhee wal madaalsisee as keessaa akka bahu murteesse.''
Kaayyoon gara fuulduraatti qabsoo keessatti qabdu maali jedhee BBCn Aab Goollicha gaafateera. ''Kaleessa hojjenneerra. Utubaan haga dhiiban qaba; haga dhiisan qaba jedha Oromoon.
Waantin ani godhu hin jiru. Qabsoo hidhannoo keessaa baheera. Ani akkuma ilma Oromoo tokkootti jiraachuun barbaada. Kanaan achi waa'ee qabsoo hidhannoo na gahe,'' jechuun deebise.
Paarlaamaan Itoophiyaa TPLF fi WBO kan ''ABO Shanee'' jedhaniin ''shororkeessitoota'' jedhee labseera. Haatahu malee, ammas kanneen hidhannoo hiikanii qabsoo nagaatti makamuu barbaadan akka dhufan waamicha gochaaf jira.
Hidhattootni sichi meeshaa waraanaa hiikkatanii harka isaanii mootummaatti kennatan seera shororkeessaa kanaan gaafatamumoo dhiifamaan darbama kan jedhu garuu ifa miti.
WBOn Kumsaa Dirribaa ykn bal'inaan maqaa Marroo Dirribaa jedhamuun beekamu dhiyeenya hoggana waliigalaa godhachuun kan filate yoo tahu, Lixaafi Kibba Oromiyaa, akkasumas gidduugaleessa keessa bal'inaan socho'aa akka jiru ni himama.
Ajjeechaa namoota nagaa irratti raawwatuuf mootummaan hidhattoota kanneen yoo himatu, isaan garuu namoota nagaa irratti ajjeechaa akka hin raawwanne waakkatu.














