Kumsaa 'Marroo' Dirribaa erga du'eera jedhamee himame booda TV irratti mul'ate

Madda suuraa, @AJSTREAM
Ajajaan Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) zoonii Lixaa Kumsaa Dirribaa (Marroo), erga du'eera jedhamee himameen yeroo dheeraan booda TV gubbaatti mul'ate.
Hoogganaan garee hidhattootaa kun qondaala poolisii biyyattii tokkoon, ''du'uusaa dhageenyeerra'' erga jedhamee, booda yeroo duraatiif qaamaan miidiyaarratti gadi bahuun mul'ate.
Miidiyaa Al-Jazeera irratti Wiixata kaleessa mul'achuu Kumsaaa Dirribaa hordofee namoonni hedduun lubbuun jiraachuusaatti wayita gammadan, kanneen ammallee sobadha jedhan jiru.
Marroon kan mula'te wayita Lixa Oromiyaatti rakkoon nageenyaa hammaachaa dhufeetti, akkasumas gareen inni hoogganu ajjeechaawwan garagaraan wayita himatamaa jirutti.
Sagantaa al-Jazeeraa haalaan eegamaa ture kanarratti ergaa waraabame kan dabarse Marroon, haleellaa hidhattoonni isaa ittiin himataman waakkateera.
Viidiyoon deebii Marroo Al-Jazeeraan gabaabsee marii qopheessee irratti dhiyeessee kun yoom akka waraabame miidiyichi wanti hime hin jiru.
Ajjeefamuun isaa yoom himame?
Xumura ji'a Mudde darbee keessa ajajaan poolisii Godinaa Qeellam Wallaggaa Inspeektar Zalaalam Namoomsaa, ajajaan waraanaa kun ajjeefamuu himan.
Viidiyoon wayita poolisiin kun ajjeefamuu Marroo dubbatu agarsiisu namoota mootummaa wajjin hidhata qabaniin guddoo qoodamaa ture.
Ajajaan poolisii kun "ajajaan waraanaa Lixaa Jaal Marroo kan jedhamu ykn Kumsaa Dirribaa kan jedhamu kun lola Aanaa Gidaamii ganda Giraay Soonkaatti godhameen rukutamee miliqe" jedhan.
"Yeroo hedduufis daggala keessa dhoksaan yaalchisaa turan. Yeroo ammaa eeruun hawaasarraa arganne aanaa Gidaamii naannoo Abuunoo Komaattir jedhamu keessatti du'eera kan jedhudha,'' jechuun dubbatan.
Qabiyyeen kun hin argamne
irratti dabalatan ilaali FacebookQabiyyeewwan maddawwan alaa irraa ta'aniif BBCn itti gaafatamaa miti.Xumura maxxansa Facebook, 1
Kumsaa 'Marroo' Dirribaa maal jedhe?
Miidiyaa biyya Qatar kan tahe Al-Jazeeran kan qophaa'u sagantaan 'The Stream' jedhamu, gaazexeessituu gurra horatte Femi Oke jedhamtuun dhiyaata.
Xiyyeeffannoon sagantaa marii kanaas ''Itoophiyaan walwaraansa sabaatti arifachaa jirtii?'' kan jedhu ture.
Xiinxalaa fi Yunivarsiitii Kiil UK argamutti kan barsiisan Dr Awwol Qaasim Aloo dabalatee, gaazexeessaa Zakkaariyaas Zalaalam fi Ameerikaatti Dura taa'aa Waldaa Amhaaraa kan tahe Tewodros Tirfee sagantaa marii kanarratti affeeramanii turan.
Durseeyyuu Marroon irratti dhiyaata kan jedhu waan qoqqoodamaa tureef, namuu si'oominaan eeggataa ture.
Gidduutti viidiyoo waraabameen kan Afaan Ingiliiziin dubbate Marroon, isaan dura ammoo xalayaan ''Ajajaa Olaanaa WBO'' guyyuma sana barreeffameefi dubbi himaa idil-addunyaa dhaabichaa nama Odaa Tarbii jedhamanii mallattaa'e dhiyaatee ture.
Akka gaazexeessituun kun jetteetti odeessa miidiyichaan hojjetame irratti deebii akka nuu kennan wayita gaafannutti haasofsiifne jetti.
Gaazexeessaan marii kanarratti dhiyaate Zakkaariyaas Zalaalam guyyootaan dura mataduree ''Haleellaa lixa Itoophiyaatti hammaateen, lammiileen nagaa baqachaa jiru,'' jechuun odeessa hojjetee ture [Afaan Ingiliziitti si geessa].
Akka odeessa kanaatti miidhamtoonni ajjeechaawwan raawwatamaniif Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) himatu.
Marroo Dirribaa deebii viidiyoo waraabameen al-Jazeeraaf kenneen loltoonni isaa ajjeechaa jedhame akka hin raawwannee fi qorannoon walabaa akka godhamu gaafate.
Viidiyoon Marroo yoom waraabame?
Viidiyoon Al-Jazeeraan dabarse gabaabbinaan oggaa tahu, guutummaan viidiyichaa miidiyaalee hawaasaarratti gadhiifameera.
Viidiyoon kun yoom akka waraabame saganticha irratti wanti himame hin jiru. Sababa kanaanis marsaalee hawaasaa gubbaatti falmii kaaseera.
Rogeeyyiin mootummaatti hidhata qaban viidiyoon miidiyicharra bahe kun kan ture tahuu fi Marroonis lubbuun hin jiru jechuun cichanii mormu.
Qabiyyeen kun hin argamne
irratti dabalatan ilaali FacebookQabiyyeewwan maddawwan alaa irraa ta'aniif BBCn itti gaafatamaa miti.Xumura maxxansa Facebook, 2
Gama kaaniin Marroo Dirribaa viidiyoo guutuu marsaalee hawaasaa irratti gadi dhiifame irratti gabaasa Al-Jazeeraan guyyoota kudhan dura hojjeteef deebii kenne, kanaaf viidiyoon kun dhiyeenya kan waraabame kan jedhanis jiru.
Sagantaan 'The Stream' jedhamu kun amma dura Jawaar Mohaammad waltajjii gurra itti horatedha.
"'I am an Oromo first' yookaan 'Ani dursa Oromoodha' - jechuun waggootaan dura asirratti dubbate.
Yaanni isaa kunis namoota isa deeggaraniifi isa qeeqan biratti ijoo dubbii ta'ee ture. Dr Awwol Aloo haala yeroos uumame 'dambalii siyaasaa' jechuun ture kan ibse.
















