'Oromoo namni ijjeesu diina Oromooti jennee labsine' - Abbaa Gadaa Jiloo Maandhoo

Madda suuraa, Marsaa Hawaasaa
Abbootiin Gadaa Gujii hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo Gujii keessatti 'namoota nagaa ajjeesaa jiru'' jedhanii, hidhattoonni kun 'diina Oromooti' jechuun labsan.
Amma dura haaluma wal fakkaatuun Abbaan Gadaa Booranaa hidhattoota kana 'nyaapha uummataati' jechuun labsanii ture.
Paarlamaan mootummaa federaalaas hidhattoota 'Shanee' jechuun waamu kana TPLF waliin shororkeessitoota jechuun labsee ture.
"Nama Oromoo ta'ee Oromoo ijjeesu, kan ajjeesee dibatu, kan ajjeesee mataa gubu, kan ajjeesee huccuu irraa hiikkatu inni diina jennee" jedhan Abbaan Gadaa Gujii Jiloo Maandhoo.
Waggoota sadan darban rakkoon Gujii keessa jiru hammaataa dhufe kan jedhan Abbaa Gadaa Jiloo Maandhoo, "WBO'n Oromoof qabsaa'a jedhaa, yoo kan Oromoof qabsaa'u teetee Oromoo ijjeesuu hin qabu" jedhan.
Godinaalee Gujii lamaan keessatti waggoota sadan darban namootni 2000 ol ajjeefamaniiru jedhan Abbaan Gadaa Gujii Jiloo Maandhoo.
Gujiin qubsumaan ykn gabalaan bakka sadiitti qoodamee Abbootii Gadaa sadiin bula. Isaanis Uraagaa, Maattii fi Hookkuu yoo ta'an, Jiloo Maandhoo Abbaa Gadaa Uraagaati. Uraagaan angafa waan ta'eef Abbaan Gadaa Uraagaa akka Abbaa Gadaa waliigalaa Gujiitti ilaalamu.
"Nuti haala siyaasaa moti kan jenne, Oromoon Oromoo ijjeesuu hin qabu, Oromoo namni ijjeesu diina jenne" jedhan.
Haata'u malee labsiin kun hidhattoota Oromoof qabsoofna jedhanii bosona jiran akka ilaallatu himan. "Oromoof qabsoofna jedhaniiti uummata keenya fixuu jirani, Oromoo Oromoo ijjeesu kanaaf jenne" jedhan.
Himanna Abbaan Gadaa Jiloo Maandhoo, ajjeechaa namoota nagaa 2,000 ta'anii, WBO ittiin himatan ilaalchisee qaama WBO deebii yoo qabaate gaafachuuf yaaliin godhame atattamaan hn milkoofne.
Murtee kanarra kan gahan uummati bahee Abbootiin Gadaa diina Gujii fixaa jiru akka seera itti tolchu waan gaafateefi jedhan.
Hidhattoonni namoota nagaa hin ajjeesnu jechuun akka waakkatan kan gaafataman Abbaan Gadaa kun, "reefumallee guyyaa tokkotti nama 13 mana tokko keessatti lafa Dugda Daawwaa jedhanitti ijjeesani, bulii torba hin geenye" jedhan.
"Namuma nagaa ijjeesan malee, namni nagaa hin qabne mana ifii hin jiru, namni nagaa hin qabne hin tikfatu hin waarfatu" jedhan.
Itti dabaluunis "namni mootummaa barbaadu warra mootummaan lola malee uummata fixaa?, uummata kan dhumatuu jiru" jedhan.
Keessaahuu Gujiitti uummata nagaa tikfatu, uummata qotatutu dhumataa jira jedhan.
Humnoonni mootummaas namoota nagaa ajjeesuun ni komatamu. Labsiin kun isaanis akka ilaallatu gaafatamanii 'waa'ee isaanii nuti hin beeknu' jedhan.
"Nu mootummaayyuu hin feenu"
Murtee kana kan murteessan dhiibbaa mootummaan isaan irraan gaheen ta'uu gaafatamanii, "nu mootummaayyuu hin feenu, mootummaan otoo jiraate namni haganni dhumataa?" jedhan.
"Mootummaan adoo jiraate hagana ennaa nu fixan nama 2000, mootummaan nurraa dhoowwuu qaba ture" jechuun komatan.
"Mootummaa osoo hin taane uummatni bahee nuti dhumne, mootummaanillee nu bira hin ejjuu, akkanumatti dhumatuu jirra, murtee kana nuuf dabarsaa jennaan dabarsine" jedhan.
"Uummati gara itti goru wallaalee, burjaaja'ee, hin nagadatuu, hin qotatu, nama du'ee booya hin dhaqu, gara itti deemu hin qabu" kan jedhan Abbaan Gadaa Jiloo Maandhoo, "nagaa fidinnaa jennee labsii kana baasne" jedhan.
Eegi Abbaan Gadaa Booranaa labsee booda Booranni nagaa ta'e kan jedhan Abbaan Gadaa kun, labsiin isaanii kun Gujiif nagaa akka fidu abdatu.
Hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo kan bara 2018 erga ABOn biyyatti deebi'een booda dhaabichaarraa foxxoquu himan, Kibbaa fi Lixa Oromiyaatti mootummaan wal lolaa jiru.
Baatilee muraasa darban sochii waraanaa isaanii guddisuun godinaalee Oromiyaa gara garaa keessatti magaalotaa fi aanaalee to'achaa jiraachuu himu. Mootummaan kana ni waakkata.















