Gujii Bahaatti hoogganoota mootummaa dabalatee namoonni 60 ol to'ataman

Godina Gujii Baha aanaa Liibanitti hoogganoota mootummaa dabalatee namoonni hedduun poolisiin to’atamuu BBCn mirkaneesse.
Namoonni kunneen erga to’atamanis osoo mana murtiitti hin dhiheessiin amma guyyaa afur mana hidhaa jiraachuu maatiinsaanii himaniiru.
“Waajira keessaa dhufanii fuudhan, yeroo fuudhan kana sababa womaatuu nuuf hin kennine, si barbaanna jedhanii deemaniin,” jetti Diiramuu Godaanaa haati warraa Obbo Oborsoo Ullufoo kan waajjiirraa lafaa aanaa Liiban keessa hojjatu.
“Wanti isaan hidhaniif kana, balleessan isaan hojjatan tana jedhanii wanti hanga ammaa gaafatan hin jiru.”
Obbo Oborsoo Waliin, itti-gaafatamaa waajjira fayyaa aanaa Liiban Obbo Huqqaa Raachaa, itti-gaafatamaa waajjiira Galii, Obbo Kanaa Saruu, itti-gaafatamaa Paartii Badhaadhinaa aanaa Liiban Obbo Waariyoo Soraa fi kanneen biroo hidhamanii jiran.
Hoogganoota kan malee, dargaggooti to’atamanii mana hidhaa jiran 60 ol ta’uu jiraatonni himaniiru.
Godinicha keessatti waldhibdeen siyaasaa erga uumamee rakkoo guddaa geessisaa jira. Akka jiraattonni ibsaniitti, maqaa ABO Shaneettin nama hidhuuf dorsisuun waan baratame.
Maqaa shaneetin mootummaan godinichaa dhiibbaa isaanirra geessisa jiraachuufi sababa Boorana ta’anif irratti xiyyefachuu jiraattonniifi maatiin namoota hidhamanii mootumma himatan.
Mootummaan gama isaatin himata kana dhara jechuun morma.
Maaliif hidhaman?
Obboleessi itti-gaafatamaa Waajjirra Galii, Obbo Bororee Saruu, waan isaan hidhamaniif bulchaa godina Gujii Obbo Taddalaa Uddoo gaafataniillee yakkaan addan baasanii mirkaneefatan akka hin jirre hubachuu dubbata.
Kanaaf, sababa isaan dhimma godina gaafataniif hiitanii jedhanii jaarroleen Obbo Taddalaa gaafannaan, deebii qajeelaa akka hin argatin himan.
Akka Obbo Bororeen himuutti, Obbo Taddalaan, “Oddeefannoo gama waajiraa isaaniitii arganne malee wanti gama keennaan shakkine hin jirtu. Waan jedhan sun mirkaneefannee yoo wommaa hin jirre gadhiifna ykn yoo waan gorsa barbaachisaa taate jaaroleen gorsa kennitiif,” jedha
Hatau malee, haasaa isa keessatti, Obbo Taddalaan akka waan isaan humna hidhatee bosona jiru Waraana Bilissumma Oromootin waliin hariiroo qabanii shakkii qaban dubbate jedha Obbo Bororeen.
Garuu hoogganooti kunneen sodaa nageenna isaaniif duraanuu mana isaanii keessa akka hin rafne maatin ni dubbatu.
“Warri kun namoota halkaniifi guyyaa rakkoo jirtu furuuf afuura baafachuutti hin jirre. Kan sodaa nageennatiif mana ijaarate keessa buluutti hin jirre, hidhatoota waliin hariiroo qaban jedhanii shakkamuun waan nama ajaa’ibsiisuu,” jedha Bororeen.
Gama kaanin, haati warraa Obbo Oborsoo Ullufoo, Aadde Diiramuu Godaanaa duraanuu hidhuuf dorsisaa turan amma ammoo haala yeroo jechuun qaban jetti.
“Sababi hidhaniif tokko hin jiru, sababa isaan waan godina Borana baha gaafataniif hidhan. Isaan dhiisii, jaaroleen dhimma kana gaafachuuf hanga amma fFinfinne jijrti,” jetti Aadee Diiramuu.
Deebii mootummaa godina Gujii
Bulchaan godina Gujii Obbo Taddalaa Uddoo namoonni kunneen hidhamusaanii mirkaaneessee, garuu maaliin akka shakkamanii hidhaman hanga yoonaa akka hin qulqulleesiin BBCtti hime.
Yakkaa idilee ta’uu danda’a, shakkii biraallee ta’uu danda’a, diinni naannoo keennaa kana keessa hin sochoo’a, hariiroon diinaa jiraachuu mala garuu akkana jennee waan ifa goonuu hin qabnu. Warri to’ataman jiru, bakka seeratti to’ataman waan ta'eef yeroo qulquleefanne deebii kennuu dandeenna,” jedhan.
Namoonni kunneen hariiroo hidhatoota waliin qabachuun shakkamuu kan hime Obbo Taddalaan, dhimma kana qulqulleefataniiru yoo ta'eef gaafatamanii, “Amma kana hin jennu.
San ta’uu danda’a kan biroo ta’u danda’a, dubbiin qoranna jala jirti, kana jenne wanti himuu dandeennu hin jiru waan ta'eef yeroo galmeen isaanii qulqulaa’ee ifa ta’eetti, qaama dhimmi ilaallatu yoo kan dhiheessan ta’e dhiheesinee yookiin gadhiifna,” jedha.
Obbo Taddalaan hanga ammaa waan isaan dalagan waan beekuu hin dandeenneef ibsa bal’dhaa kennuu hin dandeennu jedha.
Dabalataan, namoonni aanicha keessaa shakkaman baayyee waan ta’eef namoonni dabalataan to’atamuu hin ooluu jedha.
Namoonni 60 ol hidhamaniiru jedhamus Obbo Taddalaan garuu namoota afur qofa akka beekan himuun lakkoofsa sirrii qulqulleeffachuuf jirra waan ta'ee ni ibsina jedhan.
Himannaa Boorana irratti xiyyeefatan jedhu ilaalchisuun bulchaan kun nama yakkaa hojjate cufaa irratti tarkaanfii fudhan malee Boorana qofaamiti jjedhan.
“Waan Boorannarratti xiyyeefanne hin qabnu, addaan baafamee boorana qofaati yakkaa raawwate jedhanii wanti ilaalame hin jiru. Gujiii yoo ta’e, Arsii yoo ta’e namuu yakkaa hojjanaan hin to’atama,” jedhan.
Gaafii Godina Boorana Baha
Godinni Boorana Baha nuuf haa mirkanaa'u gafii jedhuuf maqaa magaala Nageellee Booranatin walqabate Bitootessa keessa Godina Booranaa keessatti guyyaa sadiif hiriirii gaggeeffamaa ture.
Abbootin Gadaa dhimma kana gaafachuuf wajjiira ministeera muumeefi Pirezidaantii naannoo Oromiyaa deemullee himan.
Gaafii dhimma kanaatif aanaa Liiban keessa nama hidhuutti jiran himata jedhu irra Bulchaan Godina Gujii Baha Obbo Taddalaa Uddoo dhimmi kun mootummaa kanaan dura gaafatama jiraachuu himan.
“Godina baasuuf aangoo kan qabu hin jiraata, kun gaafii mootummaan deebii kennu malee, gafii yakkaa ta’ee namni itti hidhamuu miti. Gosummaa yoo jenne Oromiyaa hunda keessatti gosummaan bakki nama qoramuu ni jiraata. Garuu dhimma gosaatif gaafii mirga kan godina gaafataniif walitti hidhuu hin qabnu,” jedhu.
Erga aanaan Booranaa hedduun godina Gujii jalaatti deebi’ee qajeelumaafi ila dansaan gosa tana hin ilaalan jechuun Booranni komata ture. Akkan jechuun waan finnii qabu diinagdeen taanaan, aadaa taanaan, siyaasaan taanaan, gosoota Gujii fi Boorana mootummaan wali hin qixeessu jedhanii himatan.















