Mootummaan Jabuutii walitti bu'insa saboota Somaaleefi Affaar biyyattii keessatti mudate balaaleeffate

Madda suuraa, Getty Images
Mootummaan Jabuutii walitti bu'iinsa gareewwan saboota Somaaleefi Affaar biyyattii keessa jiraatan jidduutti dhiheenya kana kutaalee magaalaa guddoo Riippablika Jabuutiitti mudate cimsee akka balaaleeffatu beeksiise.
Gabaasaaleen akka mul'isaniitti, walitti bu'iinsa saboota Somaaliifi Affaar Jabuutii keessa jiraatan jidduutti uumame kanaan, namoonni muraasni ajjeefamanii, kaan miidhaaf saaxilamaniiru.
Lakkoofsi namoota ajjeefamanii adda bahuu baatullee kanneen du'an namoota nagaa akka ta'an himameera.
Akkasumas walitti bu'iinsa kana hordofee manneen jireenyaa gubachuufi humnootiin nageenyaafi poolisiin Riippablika Jabuutii hokkaricha gaazii imimaaneessaan bittinseera.
Namoonnis dhagaa fi meeshaalee biraa poolisoota irratti darbataa akka turan dhagahameera.
Ministirri Dhimma Biyya Keessoo Jabuutii Nuh Haasaan ibsa Dilbata kaleessaa kennaniin, ''Har'a walitti bu'iinsa cimaa mudateen manneen jireenyaa namootaa gubataniiru. Kun ammoo dhimma mootummaan obsee bira hintarreedha,'' jedhan.
Qondaalli mootummaa kun dabaluunis, ummanni Jabuutii keessattuu maatiin akka tasgabbaa'aniifi tasgabbeessan waamicha taasisan.
Nuuh dabaluunis ''Ammaan booda mootummaan qaamoolee jeequmsa akkasii kakaasan irratti tarkaanfii barbaachisu ni fudhata,'' jechuun akeekkachiisan.
Torban darbe keessa walitti bu'iinsa naannoolee Affaariifi Somaalee Itoophiyaa jidduutti umamee tureen, lubbuun namoota 300 ol badee, bu'uraalee misoomaa irra badiin qaqqabuu gabaasuun keenya ni yaadatama.
Daandii konkolaataai sararri baabuuraas Jabuutii irraa Finfinnee geessu sababiidhuma walitti bu'iinsa kanaatiin cufamee akka ture aanga'oonni naannoo Somaalee BBC'tti himanii turan.














