Waraana Itoophiyaa: Labsii muddamaa booda Finfinneetti meeshaan waraanaafi qarshiin hedduu to’atamuu poolisiin hime

Meeshaalee to'ataman

Madda suuraa, Addis Ababa Police

Erga labsiin yeroo muddamaa guutuu biyyaatti labsameen booda Finfinnee keessatti meeshaalee waraanaa fi maallaqa gocha seeraan alaatiif oolfamuf turan hedduu to'achuu poolisiin beeksise.

Dubbii Himaan Poolisii Magaalaa Finfinnee Komaandar Faasikaawu Fante BBCtti akka himaniitti, magaalatti keessatti meeshaaleen waraanaa, maallaqniifi meeshaaleen biraa to'atamu kan danda'ame ''hordoffiifi sakkatta'iinsa namoota gareewwan shororkeessaa waliin hidhata qabu jedhaman irratti gaggeeffameen,'' jedhaniiru.

Haaluma kanaanis ALI Onkolooleessa 23-30tti hordoffiifi sakkata'iinsa poolisiin kutaalee magaalattii garaa garaa keessatti gaggeeffameen, qawwee kilaashinkoovii seeraan alaa 580, shuguxiiwwan 600 ol akkasumas rasaasawwan hedduun ta'atamu himan.

Kana malees birriin miiliyoona afurii, doolaarri kuma 40 ta'u, bilbilli saataalaayitiifi raadiyoon quunnamtii, uffanniifi meeshaaleen loltummaafi pooliisii garaa garaa to'atamuu dubbatan.

Kanaan alas waraqaan eenyummaa fi paaspoortiiwwan sobaa akkasumas ''wantoonni gochaa shororkeessummaaf olfamuuf turan jedhaman kan biiraa'' qabamuu Komaandar Faasiikaawu BBCtti himaniiru.

Hordoffiifi tarkaanfii poolisiin taasisaa jiruun ''gochaawwan Finfinnee keessatti raawwatamuuf turan adda addaa to'achuufi akka hinraawwatamne taasisuu akka danda'e'' dubbatan.

Labsii yeroo muddamaa guutuu biyyaatti ALI Onkolooleessa 23, 2014 labsame hordofuun hordoffii magaalaa keessatti taasifamaa jiruun meeshaalee adda addaafi namoota shakkaman to'atamaa jirus jedhan.

Waa'ee namoota to'annoo jala olfamaa jiranii

Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa gabaasa guyyaa Roobii baaseen labsii yeroo muddamaatiin walqabate Finfinnee keessatti namoonni hedduun to'annaa jala oolfamaa jiraachuufi isaan keessaa irra caalaan isaanii saba Tigree kanneen ta'aniidha jechuun ibseera.

Haala kan ilaalchisuunis Dubbii Himaan poolisii magaalattii Komaandar Faasikaawu Fantaa BBCtti akka himaniitti, ''hidhaan dhalattoota Tigraay qofaa waan ta'aniif akka hinraawwatamneefi ragaa eeruufi hordoffii argamu irratti hundaa'uun kan raawwatamedha'' jedhan.

''Dhalattoota saba biraas yoo ta'e ergama garee shororkeessaa fudhachuun, maallaqni fi leenjiin kanfalameef, kaan ammoo meeshaa hidhatanii magaalattii keessatti hookkara uumuuf kan qophaa'an to'ataa jirra.''

Jidduu kanatti namoota nagaa to'achuun akka danda'amu kan himan qondaalli kun, wayita haalli akkasii uumamutti, komaandi poostiin bulchiinsa magaalaa Finfinnee fi dhaabbilee motummaa federaalaa irraa babbahee dhimmicha qulqulleessuun namoota nagaa kanneen ta'an akka gadhiisu beeksisaniiru.

''Kanaafuu tarkaanfiichi kan fudhatamaa jiru waan dhalattoota Tigree ta'aniif qofaa osoo hintaane, namoonni ergama gare shororkeessaa raawwachiftoota ta'un argaman kaanis to'atamaniiru. Tarkaanfichi eenyummaa kan buu'uurreeffate miti,'' jechuun himaniiru.

Atsixaa poolisii Finfinnee

Madda suuraa, Addis Ababa Police/fb

Biyyattiin labsii yeroo muddamaa jala jiraachuu kaasuun namoota to'annoo jala oolfaman irratti haalli adeemsi seeraa idilee hojiirra itti oolfamu kan himan Komaandar Faasikaawu, haaluma qajeelfama labsiin yeroo muddamaa kun kaa'een tarkaanfiin barbaachisaan fudhatamaa jiraachuu ibsan.

''Kanaanis namoota nagaa kanneen seeraan ala ta'an adda baasuun namoota nageenya ummataa balaarra buusuuf ergama hammeenyaa raawwachuufi raawwachiisuuf bobba'an haala of eeggannoon guutameen adda baasuun tarkaanfiin fudhatamaa jira,'' jedhan qondaalli kuni.

Gama kaaniin ammoo miseensonni poolisii kanneen namoota to'annaa jala oolfaman doorsisaniifi kanneen to'ataman irraa maallaqa fudhachuun gadhiisisuuf yaala shan, dallaalota adeemsicha keessatti hirmaatan to'atamuun qorannoon irratti gaggeefamaa jiraachu dubbatan.

Haalli akkasiis bal'inaan kan hin raawwatamne akka ta'e kan kaasan Komaandar Faasikaawu, gochaa seeraan alaa namoota muraasaatiin maqaan miseensa poolisii waliigalaa ka'u hinqabaatu jechuun hordoffiin taasifamuun tarkaanfiin fudhatamu dubbatan.

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa gabaasa kaleessa baaseen, haalli namoonni labsii yeroo muddamaa hordofuun to'ataman itti jiran kan walitti baayyateefi mijataa akka hintaane ibsuun atattamaan haalli akka fooyya'uuf gaafateera.

Kana ilaalchisuun kan gaafataman Komaandar Faasikaawu, manneen sirreessaa Finfinnee keessa kan beekaman ta'usaaniifi iddoowwan kanneen keessatti hanqinni iddoowwan mudachuu akka danda'u ibsu.

''Kanaafuu xiyyeeffannaan addaa kennamuun namoonni kutaa dhiphoo keessatti walitti baay'atanii akka hin hidhamneefi tajaajilli barbaachisaan akka dhiyaatuuf hojjatamaa jira,'' jedhan.

Labsii yeroo muddamaa dhuma baatii Onkololeessaa labsame irratti, ''Namoonni gareewwan shororkeessaa waliin walta'iinsa qabu jedhamuun shakkaman ajaja mana murtii malee to'annoo jala oolchuufi yeroo labsiichi hojiirra oolaa jruu keessatti ammoo to'annoo jala tursiisuu ykn seera idileetiin ittigaafatamoo akka ta'an gochu'' akka danda'amu labseera.

Komisinichi gabaasa baaseen namoonni labsii yeroo muddamaa kanaan to'annoo jala oolfaman, ''kanneen eeruu qofaan to'ataman haala labsichi gaafatuu osoo ragaan shakkii sababa qabuu irratti hinargamiin, keessattuu jaarrolee, dubartoota hoosiisan fi namoonni rakkina fayyaa qaban atattamaan akka gadhiifaman'' gaafateera.