'Sababa dhalataa Tigraay ta'eef qofa namni qabamee hidhamu hin jiru'- Poolisii Finfinnee

አዲስ አበባ

Madda suuraa, Addis Ababa City Press Secretary

Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa labsii yeroo muddamaan walqabatee halli namoota hidhamaa jiranii xiyyeeffannoo atattamaa barbaadaa yoo jedhu Poolisiin Finfinnee ammoo Sababa dhalataa Tigraay ta'eef qofa namni qabamee hidhamu hin jiru' jedhe.

Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa ibsa roobii baaseen labsiin erga bahee booda haala namootni itti qabaman, qabinsa isaaniifi wantoota sirrachuu qaba jedhe irratti yaada sirreefamaa dhiyeesseera.

Komishinichi buufataalee poolisiifi bakka tursiisaa daawwachuun akkasumas hidhamtoota, maatii isaaniifi poolisoota fi hooggantoota isaanii dubbisuun odeeffannoo walitti qabaa akka jiru himeera.

Haata'u malee qabinsa namoota hidhamaniifi haala mana hidhaa ilaalchisee ragaa argachuuf danqaan isa mudachuu ibseera.

Kutaalee magaalaa Finfinnee shan keessatti ''olii ajajni nuu dhufu malee ragaa hin laannu'' jedhamuun gaafatama labsiidhaan kennameef raawaachuu akka hin dandeenye komishinichi komateera.

Komishinichi lakkoofsa sirrii erga labsii yeroo muddamaa namoota Finfinnee keessatti qabamanii argachuun rakkisaa ta'uu himee, kutaa magaalaa Qiirqoos keessatti qofa namootni 714 qabamuu isaanii mirkaneesseera.

Hidhaan kun torbanootaaf magaala Finfinnee keessatti raawwachaa waan tureef kan hidhaman kumootaan kan lakkaawwaman ta'uu akka hin oolle komishinichi gabaaseera.

Magaalaa Dirree Dhawaa keessattis namootni 300 ta'an hidhamuus ibseera.

Komishiniin Mirga Namoomaa UN ibsa Kibxata baaseen ''hidhaa sabummaarratti xiyyeefateedha ''ittiin jedhe kanaan akkaan yaaddahuu beeksiseera.

Hoogganaan Daayireektoreetii hariiroo hawaasaa Komsihinii Poolisii magaalaa Finfinnee Komaandar Faasikaaw Fantaa ''sababa dhalataa Tigraay ta'eef qofa namni qabamee hidhamu hin jiru'' jedhan.

''Dhalataa saba biraas ta'anii garee shororkeessaa kanarraa ergama fudhatanii, maallaqni kafalameefi, leenjiin kennameefi, tokko tokko isaanii meeshaa waraanaa osoo hin hafiin hidhatanii, magaala keessatti shororkaa uumuuf, oduu sobaa tamsaasaa, bakka akkasii geenyeerra, akkana ta'aa jira, tokkoo tokkoon kee ni waraanamta jedhanii namoota kaan warra doorsisan qabaa jirra.''

Kana keessa namootni nagaan qabaman akka jiraniifi hojiin qulqulleessanii gadi dhiisuus hojjetamaa akka jiru himaniiru.

Hidhaa dhalattoota Tigraay

Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa namootni hidhamaa jiran eeruu namootaanii jedheera.

''Harka caalu eeruu namootarraa argame jedhameen akka to'annoo jala oolaniifi isaan keessaa hedduun isaanii dhalattoota Tigraay ta'uu beekuu dandeenyeerra.''

Komishinichi hidhaan kun sabummaarratti kan xiyyeefate ta'uu ilaalchisee qaamolee seera raawwachiisan irraa deebii ''namootni kan hidhaman sababa sabummaa isaanii osoo hin taanelabsii yeroo muddamaa irratti hundaa'uun shakkamaniiti'' kan jedhu akka ta'e ibseera.

Itti dabaluunis Paarlaamaa Itoophiyaa dhaabbileen lamaan shorokeessummaan farrajaman sabummaa kan bu'uureffatan waan ta'eef hidhaan namootaa saba tokkorraa fakkaachuu danda'a yaadi jedhu kennamuufii gabaaseera.

Qabinsa Hidhamtootaa

Komishinichi hidhaa tibba kanaan maanguddoo waggaa 80 dabalatee, haadholii hoosisan, namootni rakkoo fayyaa sammuu qaban, waldhaansa itti fufaa ta'e kanneen hordofan fa'aa hidhamuu isaanii gareen hordoffii isaa hubachuu ibseera.

''Buufataaleefi bakki tursiisaa gariin akka malee dhiphoo, mana fincaanii gahaa kan hin qabne, kan ifaafi qilleensa gahaa hin argannedha. Fakkeenyaaf kutaa magaalaa Qiirqoositti jaarroliifi kan rakkoo fayyaa sammuu akka qaban dubbatan dabalatee namootni 241 kutaa ballini isaa meetira 20 fi 10 ta'e keessa mana fincaanii tokko qofa waliin fayyadamuuf dirqamaniiru.''

''Sadarkaa mootummaatti bulchiinsa magaalattiin xiyyeeffannaan kennameefi kan hojjetamaa jiru, yoo xiqqaate namni tokko kutaa dhiphaa keessatti akka hin hidhamne, bakka nyaatni jiru, bakka yaala fayyaa gahaa argachuu danda'u fi kkf mijeessuuf hojjetamaa jira'' jechuun haala hidhaa isaanii wayyeessuuf mootummaan akka hojjetu Komaandar Faasikaaw himaniiru.

Komishinichi hidhamtootni dubbiseen hedduun isaanii sababa itti shakkamanii hidhaman akka hin beekneefi poolisiiniis maaliif akka isaan qabe akka itti hin himne dubbachuu ibsa isaa keessatti eereera.

Kanneen hidhaman hedduun ''sababni isaa sabummaa isaanii ta'uutti amanuu'' jedheera.

Komishinichi ''shakkiin ragaa qabu kanneen irratti hin dhiyaanne, jaarroliin, haadholiin hoosisaniifi kanneen rakkoo fayyaa sammuu qaban atattamaan hiikamuu qabu'' jedheera.

Hidhaan kamuu miira labsii yeroo muddamaa kan hubateefi madaalawaa loogiirraas bilisa akka ta'u gaafateera.

Qabinsi isaaniis akka wayyaa'u waamicha godheera.