Guteerez hojjetoonni UN Itoophiyaa keessatti hidhaman akka gadhiifamaniif gaafatan

Antooniyoo Guteerez

Madda suuraa, Getty Images

Barreessaan Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN) Antooniyoo Guteerez hojjetoonni dhaabbatichaa Itoophiyaa keessatti hidhaman akka gadhiifamaniif waamicha taasisan.

Dubbi himaan Antooniyoo Guteerez Barreessaan Olaanaa UN kun hanga beekanitti hojjetoota Dhaabbatichaa to'annoo jala oolfamanirratti himannaan hin banamne, sababii maaliif akka to'atamanillee hin ibsamneef jedhaniiru.

Konkolaachistoota meeshaa gargaarsa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii torban darbe to'atamanii turan keessaa walakkaa kan ta'an gadhiifamuu isaanii UN beeksisee ture.

Konkolachistoota Dhaabbaticha waliin hojjetan 72 keessaa aanga'oota Itoophiyaatiin to'ataman keessaa 34 gadhiifamanillee kanneen hafan 36 ammallee hin gadhiifamiin akka jiran dubbi himaan UN ibsanii turan.

Konkolaachistootaan alattis lammileen Itoophiyaa hojjetoota UN ta'an 10 hidhamanii jiru.

Guteerez Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii Itoophiyaatti hojiiwwan murteessoo ta'aniifi walaba ta'an akka hojjetu yaadachiisanii, mootummaan Itoophiyaa hojjetoota UN akka hin hiineef gaafataniiru.

Barreessaan Olaanaa UN kun, aanga'oonni Itoophiyaa hidhaa eenyummaa sabaa irratti hundaa'uun gaggeeffamu akka dhaabaniif gaafataniiru.

Aanga'oonni Itoophiyaa garuu namoonni to'annoo jala oolfamaa kan jiraniif, "eenymmaa isaanii bu'uura godhachuudhaan miti," jedhu.

"Waraanni nageenya waaraa Itoophiyaatiif fala miti, akkasumas tasgabbiillee hin buusu," kan jedhan Barreessaan Olaanaa kun, qaamoleen walitti bu'insa keessatti qooda fudhatan dhukaasa dhaabuun garaa garummaa isaanii mariin akka furaniif gaafataniiru.

Dhiyeessi gargaarsa namoomaa nageenyi isaa mirkanaa'eefi dhorkaan irra hin kaa'amne atattamaan deebiyuu qaba kan jedhan Guteerez, "qormaanni Itoophiyaa mudate kan hiikoo argachuu danda'u marii Itoophiyaanota hunda hirmaachiseenidha," jedhaniiru.

Waraanni Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamaa jiru hammaachaa deemuu hordofee mootummaan Itoophiyaa labsii yeroo muddamaa guutummaa biyyattiitti hojiirra oolu labsuun isaa ni yaadatama.

Labsiin yeroo muddamaa labsamuu hordofee ammoo qaamoleen nageenyaa mootummaa namoota hedduu to'annoo jala oolchaa jiru.

Kana hordofee kaleessa Komishiniin Olaanaa Mirgoota Namoomaa UN Itoophiyaatti torbanoota darban keessa addatti dhalattoota Tigraay irratti hidhaan fuulleffatan heddummaachuun na yaaddesseera jedhee ture.

Dubbi himaan Komishinichaa Liiz Tiroosel ibsa baaseen Finfinneetti, Gondaritti, Baahir Daarittiifi bakkawwan birootti labsii yeroo atattamaa labsame hordofee Poolisiin sakatta'insa taasisaafi namoonni kuma tokkoo ol hidhamuu isaa ibseera,

Odeeffannoo biroo walfakkaataniif: