Haasaan jibbinsaa oonlaayinii tibba weeraraatti %20'n dabaluun himame

Madda suuraa, Getty Images
Weerara koroonaavaayirasiitiin booda keessatti haasaan jibbinsaa oonlaayinii irratti %20 dabalu qorannoon tokko mul'ise.
Dhaabbanni tola ooltummaa dargaggootaa 'Ditch the Label' jedhamu tokko qorannoo gaggeesseen, bara 2019 hanga walakkaa Fulbaana 2021tti haasaa namootaa Ameerikaa fi UK keessaa miiliyoona 263 irratti xiinxaleera.
Kanneen keessaa haasaan namoota miliyoona 50.1 ta'anii waa'ee ykn fakkeenya haasaa jibbinsa sanyii akka tahe adda baase.
Gabaasichi akka agarsiisetti, haasaan jibbinsaa kunis irra caalaa akka malee kan dabalee yeroo oduu gurguddaan tamsa'aa turetti.
Kunis yeroo Dhaabbanni Fayyaa Adunyaa [WHO] Caamsaa 2020 keessa 'Covid-19' weerara jechuun labsetti, wayita fincila 'Black Lives Matter' Waxabajji 2020 keessaafi tiba ajjeechaa Saaraa Everaad Caamsa 2021 keessa ture.
Dhaabbanni 'Ditch the Label', dhaabbata Biraandiwooch jedhamu waliin ta'un qorannoo hojjetaniin odeeffannoo kana adda baasan.
Hojii gaggeessaan dhaabbata Dich the Label Liyaam Hakeet Radio 1 Newsbeat'tti akka himtetti, dhaabbanni ishee haasaan jibbinsaa ''akka malee dabalaa adeemuu'' fi arrabsoon oonlaayinii hammaachuu isaatti ''rifateera'' jedhe.
Akka malee kanneen fiixeetti bahan doorsisa ajjeechaa fi dubartiin tokko ammoo lubbuuma isheetiif iyyuu haala sodaachisuun namni karaa foddaashee suuraa ijoolleshee kaafachuu hanga gahe hime.
Weerarichi 'bubbee sirrii' dubbiif mijate
Liyaam akka jedhutti, yeroo weeraraatti irra caalaa uummanni gara caalu manuma waan ooluuf haallichi akka dabaluuf sababa ta'eera.
''Qorannoo keenya irraa akka hubannetti namoonni nama qoccolan [bully] fi dubbii nama barbaadan fayyaa sammuu xiqqaa kan qabanidha. Isaan kunneen madaa qoorqalbii [trauma] kanneen qaban, ykn mana keessatti nama isaan miidhu waliinkan jiraatan ykn ammoo warreen ofumaayyuu qoccoloof saaxilaman tahuu,'' jedhe.
Liyaam mukaa'uu fi miirri namootni ''jireenya isaanii keessatti to'achuu'' hin dandeenye arrabsoo oonlaayinii mudatuuf ''bubbee mijataa'' uume jedhe.
''Egaan namootni yeroo irraa hafaa guddaa qabu jechuudha, mukaa'aniiru.
Jireenya isaanii irratti akka to'annoo hin qane isaanitti dhagahama, kun haala mijataa uumaaf.''

Madda suuraa, Phoebe Jameson
Guraandhala bara kanaa Foobii Jameson ganna 19 kan taate Biristol irraa - Niwusbiititti akka himtetti bara 2020 keessa guyyaa guyyaan oonlaayinii arrabsoon ishee mudachuu himte.
"Bara 2020 guutuu keessa kun mudachaa ture. Adoolessaa jalqabee arrabsoo oonlaayinii irraa boqonnaa argadhee hin beeku,'' jette.
Ji'oota xumuraa kanatti guyyuma guyyaan tahe. Waa tokko yookaan ammoo taateen tokko yookan yaadni tokko inuma jiraata.''
'Arrabsoo oonlaayinii amaleeffanne'
Waa'ee arrabsoo oonaalyinii yeroo weeraraa keessa dabalee kana dura dhageenye. Amma gabaasni kun maaliif barbaachise?
''Sababni isaas amma amaleeffanneerra. Kun rakkoodha. Akka qaama jireenyaa barame tokkootti ilaalamuu hin qabu,'' jedhe Liyaam.
Dhaabbanni tol ooltummaa Ditch the Label wixinee mootummaa nageenya oonlaayinii jedhu keessatti hirmaatera. Kunis miidiyaaleen hawwaasaa fayyadamtoota isaaniif eeggannoo gochuu akka qabaniif seeraan dirqisiisuuf.
Liyaam ''tarkaanfii kaallattii sirrii irra fudhatamedha,'' jedhe.
Akkasumas dargaggootaaf barnootni gaariin yeroomaan jalqabee kennamuu akka qabu hime. Kunis waa'ee dhiibbaa qoollifannaan karaa oonlaayinii dhufu qabuu irratti. Kun fooramii xixiqqaa irratti kan tahuu malee malee akka Tiwiiterii fi Inistaagiraamii irratti waan tahuu dandahu miti.
Akkasumas barsiisuun cinatti akka hin amaleeffatamne duula irratti gaggeessuun dura dhaabbachuun barbaachisadha. Sababni isaa amaleeffachuun waan sirrii waan hin taaneef,'' jedhe Liyaam.
''Uummata irratti miidhaa guddaa qaba.''
Erga uggurri koroonaa UK keessaa ka'ee jireenyi bakka duraa isaatti deebi'ee haasaan jibbinsaa kun gadi bu'uusaa lakkoofsaan ibsuuf yeroo isaa miti. Garuu akka Ditch the Label irraa hubadhe jedhutti haalichi bakkuma ture akka jiru hime.
''Amma yoo fayyaa samuu biyyichaa ilaalte, ammayyuu akka gadi bu'etti jira,'' jedhe.
Kanaaf ammayyuu xiqqaateera jedhee akka hin yaadne BBCtti hime Liyaam.















