YouTube lakkoofsa jibbaa 'dislike' dhoksuun isaa maal fayyada?

Madda suuraa, Getty Images
Kanaan booda fayyadamtoonni YouTube viidiyoon tokko deebii jibbaa (dislike) meeqa akka argate arguu hin danda'an.
Dhaabbatichi akka jedhutti, jijjiirama kana kan taasiseef fayyadamtoonni ‘boombii jibbaa roobsuu ’(dislike bombing) irraa eeguu fi “dhiphinaa fi qaanii” namoota viidiyoo maxxansan irraa hir’isuuf jedheera.
Ergaa jibbaa roobsuu ykn dislike jechuun sochii qindaa'aa namoonni viidiyoon maxxanfame akka hin ilaalamneef jecha jibbaniidha.
Namoonni viidiyoo hojjatan tokko tokko sagantaa radio 1Newsbeat’tti akka himanitti, murteen YouTube kun “danuu fayiidaa hin qabu” yoo jedhan, kaan ammoo fayyaa xiinsammuu isaanii eeguu akka danda’u himu.
Jijjiiramni kun sadarkaa sadarkaan hojiirra oolaa kan jiru oggaa tahu, beeksisumti YouTube oduu kana ittiin beeksise mataansaa hanga dhoksamutti jibba kuma hedduutti lakkaa'amu argateera.
Namoonni viidiyoo hojjechuun maxxansan garuu, ammayyuu viidiyoon isaanii jibba meeqa akka qabu arguu danda’u.
‘Hamilee namoota jibba raabsanii cabsuuf’
“Namoota hamoo inteerneeta irratti namoota waa uuman salphisuu barbaadanii fi jibba raabsuu hedduu ni hir’isa,” jedha raappeeriin Keenzoo Jeeyi.
Biraadfoord irraa barataan yunivarsiitii umurii ganna 18 kun, YouTube irratti muuziqaa isaa beeksisa, ta’us hordoftoota 200 qofa qaba.
Namoota viidiyoo uuman xixxiqqoo akka Keenzootu murtee kanaan eegama jedha YouTube.
“Wanta tokko onneekee guutuun hojjatee sana boodaa, jaalalaa fi jibbi inni argatu akkati eegde ta’uu dhiisu danda’a, sun ammo onneekee cabsuu danda’a,” jedha.
“Instagiraamii irratti mallattii jaallachuu irraa waanan kaaseef, namni meeqa jaallate kan jedhutti dhimma akka hin qabanneef na gargaareera,”
Jalqaba wagga kanaatti YouTube lakkoofsa jibbaa dhorksuun yaalii taasisee ture, kanaanis hojii qindoominaa namoota jibba raabsanii hir’iseera jedha.
Namootni tokko tokko ammayyuu alakkoofsa jibbaa arguu kan danda’an ta’us, YouTube mala haaraa kana suuta suutaan hojiirra olchaa jira, kanaaf kun wanta yeroo dheeraaf turu miti.
‘Mallattoon jibbaa wantoota xiyyeeffannoo argachuuf maxxanfaman dhorku’ (click bait)
Fayyadamtoonni hedduun lakkoofsa jibbaa arguu dhiisuu akka hin feene himu.
Chiriis Bartan, fayyadamtoonni wantoota ‘click bait’ ta’an irraa eegu jechuun lakkoofsa jibbaa arguun utuu hin badu ta’ee hawwa.
“Utuu viidiyoo tokko hin daawwatani akkam akka gaarii ta’e baruu ni barbaadda,” jedha daraggeessi ganna 27, Hampishaayer irraa ta’e kun.
“Yeroo hedduu mataduree ykn suuraa viidiyoo irratti dursee mul’atu amanuu hin dandeessu. Viidiyoo barumsaa jibba hedduu qabu yoo agarte akka inni si hin gargaarre barta.”
Malootni ammuma YouTube namoota jibba raabsan dhorkuuf qabuun gammadaa akka ta’e hima.
Yaada viidiyoo jalatti barreeffamu hunda ykn gariin dhorkuu danda’u dabalatee, malli itti lakkoofsa jaalalaa ykn jibbaa viidiyoo isaanirra jiru namootni yoo barbaadan dhooksuu akka danda’an himu.
Namootni tokko tokko YouTube murtee kana kan murteesse, tarii viidiyoon jibbaa guddaa qabu kanuma YouTube ofiisaa maxxanse waan ta’eefi laata jedhu.
Viidiyooon YouTube Rewind 2018 jedhu jaalala miiliyoona sadii qabatuus jibba miiliyoona 19 ol qaba.
YouTube murtee kana kan fudhate sababa kanaaf miti jedha.















