Facebook fi hiikkaa isaa dhugaa 'meta'

Nama mallattoo haaraa Facebook - Meta fuulduartti ofee ka'aa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Jechi maxxantuu taate ofisheetiin oduu yoo taatu yeroo hedduu hin dhageenyu, tahus jijjiirraa maqaa Facebook taasiseen ''meta'' 2021 keessa jecha taatee jirti.

Ogeessi muuziqaa Nathan Dufour hiikni jecha kanaa durii maal akka taheefi bara amma jirru keessatti maal akka fakkaatu akkasiin nutti hima.

Facebook maqaakoo jijjiiradheera jechuusaa hordofee, waa'ee jecha 'meta' hedduu dhageenyeerra.

Afaan Ingiliizii keessa maxxantuu tahuun jechoota kanneen akka "metaphor", "metastasise" fi "metamorphosis" kan tajaajilu jechi kun, yeroo ammaa of danda'uun maqaa tahee dhaabbachuu danda'eera.

Fayyadamtoota isaas gara addunyaa "metaverse"tti geessuuf waadaa seeneera.

Addunyaan metaavars dhaabbata Meta, addunyaawwan dhugaa fi varchuwaala tahan kan walitti fidudha jedha. Kanaanis fayyadamtoonni onlaayiniirraa: maxxansuu, gadi sololaachisuu ykn maruu fi yaada kennuu qofaan fayyadamni isaanii otoo hin daanga'in, addunyaa dhugaa kompiyutaraan kalaqame keessa akka seenan taasisuu galmasaa godhateera.

Addunyaan akkasii garuu ammallee jiru. Akkam jennaan? geemota kompiyutaraa kanneen akka Minecraft, Roblox fi Second Life taphachuun addunyaa ''metaverse'' keessa seenuun ni danda'ama.

Haatahu malee gaaffiin ijoon asitti ka'u: metaverse maali? Waan gaariidhaa? kan jedhudha.

Jechi yookaan maqaan metaverse jedhu yeroo duraaf kan uumame barreessaa Neil Stephenson jedhamuun 1992tti yoo tahu, asoosama isaa 'Snow Crash' jedhamu keessatti itti fayyadame.

Seenaan kitaaba kanaa addunyaawwan walmaddii lama keessatti kan hundaa'e oggaa tahu - inni ijoon kan dhugaa jiru wayita tahu, addunyaan inni biraan ammoo kan onlaayinii irraafi metaverse jedhamudha.

Maqaa jijjiirraa facebook duuba yaadrimeen asoosama kanarraa madde haa jiraatuu haa dhiisuu garuu ammaaf ifa miti.

line
The metaverse supposedly spans the physical and digital worlds

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Metaavarsiin addunyaawwan dhugaa jirufi kan dijitaalaa keessa ceha jedhama

Meta'n dhaabbata jecha maxxantuu taate fudhacuun maqaa godhe isa jalqabaa miti - Afaan Jarmanii keessa maxxantuun 'über' jedhamtus maqaa dhaabbata guddaa taatee jirti.

Jechi meta jedhu jecha Giriik μετά jedhurraa kan argame yoo tahu, hiika garagaraa qaba. ''Wajjin'', ''booda'', ''maddii'', ''dabalataan'' fi ''caalaa'' jechuun hiikama.

Fakkeenyaaf jechi Afaan Ingiliizii metaphor ykn jechama jechuun Afaan Oromootti hiikamuu danda'u - achi dhufteen isaa waa tokko waan biraatti (meta) ceesisuu (phora) akka jechuuti.

Kanaaf jechi dhiyeenya barame ''metaverse'' akkamiin isa durii wajjin akka walitti hidhatu hubachuu dandeenya. Kunis dhugaan tokko walmaddii adeemuu yookaan isa amma jiru waan biraatti kan ceesisu yookaan kan caalu akka jechuuti.

Tarii dhaabbanni Meta maqaasaa geeddarachuuf wayita murteessu, seenaa jechichi qabu irratti hundaa'ee yookaan dhiisee ifa tahuu baatus, dhimma kana wayita kaasnu falaasamaa warra Giriik Aristootil kaasuun keenya waan oolu miti.

Waa'ee hojii nama kanaa ''metaphysics'' jedhamu tari dhageessaniittu - ykn barattaniittu taha. Innis damee falaasamaa waa'ee jiraachuu - tahuu fi waan mirkana tahe qorachuurratti kan xiyyeeffatedha. Gaaffileen ciccimoo dhala namaa fi jireenyaa damee kana keessa ka'u yookaan gaafatamu.

Yaadrimeen metaafiiziks falaasama warra Lixaa keessatti hanguma fudhatamummaan isaa dabalaa dhufeen, maxxantuun meta jedhamtus, akka waan caalutti, hubannoo tahetti fudhatamaa dhufe.

Yaada kanarraa ka'uun jechi kun waan akka of baruu fi of beekuu wajjin walitti hidhata qabaachaa dhufeera.

Jechi kun itti-fayyadama afaan Ingiliizii guyyuu keessattillee baramaa dhufeera. Namni tokko hubannoo ofiif qabu haalaan of-ibseera taanaan "that's so meta" ittiin jedhuun.

Kana callaa miti, jechi kun 'meme' keessallee akka qoosaatti faayidaarra haalaan oolaa jirti.

Gama indastirii bashannanaatiniis yoo fudhanne yaadrimeen kun akka akkaan hojiirra oolaa jira.

Kaampaanii Meta callaa miti kan addunyaa metaavars keessa seenaa jiru - dhaabbileen kanneen akka Disney jedhamanis yaada kanatti dhimma waan bahaa jiran fakkaata.

Dhaabbanni Disney dameewwan filmii yookaan addunyaawwan kanneen akka Star Wars, Marvel fi kaanis dhuunfatan, addunyaawwan kalaqaman kanneenitti hordoftoonni taa'anii qofa akka daawwatan osoo hin taane, achi keessa seenuun akka hirmaatan gochuun isaanii waan oolu miti.

Dhiyeenyuma kanallee waltajjiin hordoftoota dhimma kana jaalatan walitti fidu 'New York Comic Con' daawwattoonni isaa miseensa "Metaverse Membership" jedhamu akka tahan dhiyeesseera.

Characters from Ready Player One, at the launch of the movie

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Taatoowwan fiilmii Ready Player One gaafa eebba fiilmichaa

Gaaffiin ogeessaafi barreessaan muuziqaa Nathan Dufour dhaabbilee Meta fi kanneen metaavarsitti isin geessina jedhaniif dhiyeessu - ''meta'' wayita jettan maal jechuu keessani?

Metaavarsiin addunyaafi uumama nu keessa jiru kanaaf bu'aa kan busuudhaa? Moo addunyaa kana keessa dabarree gara isa biraatti akka ceenuuf nu gaafachaa jirtu? (akka waan as jiru kanarraa baqachuun danda'amutti!). Wayita 'meta' jettan ''waliin, walfaana'' jechuu keessan moo yookis achii ol isa jiru kaastu?

Gaaffileen kunniin gaaffii falaasamaa fi tekinooloojii biraatti nu geessa jedha barreessaan kun. Innis, tarkaanfiin dhala namaa waan as jirutti gammachuu dhabuun yookaan dharraa bahuu dhabuun, waan hin mul'anne faana dhawuudha kan jedhudha.

Gama kaaniin garuu jecha meta jettu hidda 'Proto-Indo-European' ilaalla taanaan, 'me' yookaan ana dhimma jedhutti nu geessa. Innis ''wajjin'' yookaan ''keessa'' hiikka jedhu qaba.

Dhimmichi akkas taanaan waan nu sodaachisu yookaan nu rifaasisu hin qabaatu. Maaliif jennaan uumamumaan dhalli namaa, ta'iiwwan yookaan dhimmoota tahan gidduu argamuu jaalata waan taheef.

Dhalli namaa daangaa waa gochuu qabuufi yaada tekinooloojii fayyadamuun murtaa'uu dhabuu gidduu taahuu fedha.

Kanaaf nutis gidduu kana keessa teenyee, addunyaa metaavarsii akkamii qabaachuu akka feenu xiinxaluu qabna. Metaavarsiiwwan keenya sochii waloo qabnu sanarraa nu fageessu yookaan ammoo walitti nu fiduun nu michoomsu kan jedhu walumaan kan ilaallu taha.

Miliquu, moo wal-qunnamtii dhugaarra hundaa'e? Achi kan ce'e moo, walfaana kan tahu? Maxxantuun kun ammallee dhimma guddoo qabdi.