Intarneetii fayyadamuun araada nutti tahaa jiraa?

Madda suuraa, Getty Images
Kaam Adaayir araada geemii viidiyoo akka qabu kan inni hubate araadni kun hamma lubbuusaa balleessuu barbaadutti gaafa isa gahedha.
‘’Araada kanaan waggaa kudhaniif rakkadheera, barnoota koo sadarkaa lammataa addaan kutee, yunivarsiitiillee hingalle, maatii koottis akkan hojii qabuttan itti himaa gowwomsaa bahe.
Dhumarratti of ajjeesuuf dhaamsa dhumaan barreessuu jalqabe, halkan sana dha akkan gargaarsa barbaadu kaniin hubadhe. Yeroo ammaa geemii osoo hin taphatiin guyyaa 3,860 dabarseera.’’
Adaayir lammii Kaanadaa nama ganna 32ti. Yeroo ammaa garee wal-gargaarsaa onlaayinii ‘Game Quitters’ jedhamu kan namoota araada geemii dhiisuuf wal’aansoorra jiran deeggaru hundeessee qaba. Gareen kunis guutuu addunyaarraa miseensota 75,000 qaba.
Intarneetii ykn teeknolojii yeroo weerarri koronaavaarirasii uggura keessatti addunyaan jiruufi jireenya akka hin dhaabne godhus namoota akka isaaf garuu yeroo rakkisaa ture.
‘’Yeroon weeraraa sun Twitch (tamsaasa kallatti geemii) fi Yuutiyuubii irratti akkan yeroo dabarsu na godheera.
Haa tahu malee deebi’ee gara araadaatti hin galle, garuu miseensonni Game Quitters baayyeen yeroo weerarichaa araada geemii kanaatti akka deebi’an nan beeka,’’ jedha Adaayir.
Waraqaa qorannnoo joornaalii CNS Drugs irratti maxxanfameen Martha Shaw fi Donald W Black, Yunivarsiitii Ayoowaa, damee fayyaa sammuu(Psychiatry) geemiin suusii intarneetii warreen bal’inaan mul’atan keessaati jedhu.
Namoonni baayyee suusiin kuni akka alkoolii fi baala sammuu namaa si’eessuu mitii jedhanis warreen araadichaan rakkataniif garuu ba’aa keessaa bahuu hin dandeenyedha, jedha waraqaan qorannoo kuni. Dr Andrew Doan niiwrolojistii yoo tahan yaada kanaan waliigalu, ugguramuun yeroo weeraraa immoo dhimmicha ittuu hammeesse jedhan.
‘’Jireenya keessatti dhiphinni amala keessatti dhokannuu fi itti baqannu akka barbaadnu nu taasisa, kanaaf namoonni bashannan, miidiyaa hawaasaa fi geemii fa’a fayyadamuun irraa baqachuu barbaadu. Yeroo Covid sana uggura keessa turres kanumatu mul’achaa ture,’’ jedhan.
‘’Intarneetii akka malee fayyadamuun dhiphinarraa baqachuuf yaaluun suusii baafachuuf sababa tahuu mala,’’ jedhu.
Yeroo dheeraa intarneetii irratti dabarsuu...
Araada intarneetii ittisuudhaaf dhaaboti teeknolojii meeshaalee fayyadama marsariitii geemiis tahe kaan daangessu kalaqaniiru. Isaan keessa tokko Linewize yoo tahu maatiin ijoollee isaanii akka ittiin to’ataniif kalaqame.
Dhaabbata Linewise Saan Diyeegootti ogeessa xiin-sammuu kan tahan Teodora Pavkvic, ijoollee fi dargaggoon yeroo dheeraa intarneetii irratti akka dabarsan maatiin ijoollee waan battalatti irratti waliigalani dha jedhu.
‘’Yeroo dijitaala irratti dabarsiinu fayyaalessaafi jiruu keenya kaan waliin madaalawaa gochuun dandeettii sammuu kan barbaadu yoo tahu sammuun keenyi immoo hanga waggaa 25tti isaaf qophii miti, ‘’ jedhu.

Madda suuraa, Getty Images
Kana malees, ‘’waltajjiiwwan onlaayinii kunneen yeroo dheeraa irratti akka dabarsiinutti saganteeffamaniiru, xiyyeeffannoo fi odeeffannoo keenya fudhachuu dabalatee jechuu dha.Kunis balaa baayyee qabaatus, keesumaa ijoolleef immoo haala isaan hin miineefi itti gaafatamummaa fudhachuu danda’aniin fayyadamuuf ulfaataadha.’’
Ga’eesotaafillee suusii intarneetii appiiwwan onlaayinii fayyadamuun gara araada qotinyaatti geeddaramuu mala jedhan.
BetBlocker appii marsariitiiwwan qarshiidhaaf qotinyaa wal-qabachuu (gambling) irratti hojjetan ugguruufi yeroo fayyadamaa kan daangeessudha.
Takkaa akka hin fayyadamne daangessinaan hamma guyyaan kaa’ame darbutti marsariitiiwwan kunneen argachuun hin danda’amu.
Appiin BetBlocker kuni michuu, hiriyyaa ykn jaalalleen akka to’atuttis dha kan qophaa’e.
Kalaqaan appii BetBlocker’s Duncan Garvie, ‘’fayyadamtoonni marsariitii qarshiidhaaf qotinyaa irratti wal-qabaniifi kaan guyyootaaf torbeefi sa’atii saaxilamoo itti tahan irratti daangeffama yeroo uumuu akka danda’anitti hojjetame, kunis carraa marsariitiiwwan kunneen akka salphaatti argachuu keenya hir’isa,’’ jedhan.
Dr Doan beekumsi isaan suusii geemii viidyoo irratti qaban akkasumaan waan dhufe miti, ofiisaanii saaxilamaa araada kanaa turan.
‘’Yeroon barnoota fayyaaf Joon Hopkiins Yinivarsiitiifi isaa boodas shaakallii fayyaa biraa irra yeroon ture geemii viidiyoo torbeetti sa’atii 80 -100 waggaa kudhaniif taphadheera,’’ jedhu.
Dhimma araada kanarratti kitaaba Hooked On Games jedhamu kan barreessan yoo tahu, intarneetiin akka lamatti ilaalamuu danda’a jedhu. Innis akka nama waan mi’ooftuu sukkaara qabu nyaatuufi nama kuduraafi muduraa nyaatutti dha jedhan. Inni abbaa kuduraafi muduraa dhiphina isaa hir’isuufi suusii gargaraa irraa isa eeguuf garagaara.
Sukkaarri dijitaalaa kan marsariitii saal-quunnamtii (pornography) fi fayyadama miidiyaa hawaasaa hojii idileen ala jiruu garuu keesumaa dhipinarraa baqachuuf fayyadamnaan suusii nutti taha jedha kitaabichi.
Dr Doan yeroo intarneetii irratti dabarsinurraa kaa'uun suusiin geemii fi intarneetii akka hin babal’anne yaaddoo qabu.
Haa tahu malee Kaam Adaayir dhaaboti teeknolojii kanneen akka Linewize, BetBlocker fi GamBlock rakkoon kana furuuf ni gargaaru jedhee amana. Namni kamiyyuu suusii gosa kamiinuu qabameera jedhee yoo yaade hakiima dubbisuu qaba jedha.
Hojiin Adaayir joornaalii Qorannoo Fayyaa Sammuu kan maxxanfame yoo tahu. Yeroo ammaa akka addunyaatti dhimma araada kanaarratti.
‘’Gargaarsa gaafachuun jireenya koo oolcheera,’’ jedha. Yeroon suusii keessa ture, waliin dhahaa, qofaa tahuu kan jaalatuufi nama namatti hin makamneen ture. Amma gammadaafi dhiphina jireenyaa keessatti of gargaaru nama danda’u dha,’’ jedha.
















