Kilaboonni kubbaa miilaa Inglizii duula lagannaa miidiyaa hawaasaa eegaluuf

Tiwiitara, faacebookiifi instagraam

Madda suuraa, DeFodi Images

Pireemiyer liigiin Inglizii, Supar Liigii dubartootaafi Liigiin kubbaa miilaa Ingliiz guyyoota afuriif miidiyaa hawaasaa lagachuuf.

Kilaboonni kunneenis murtee kana irra kan gahan loogiiwwaniifi miidhaawwan (abuse) miidiyaalee kanneen irratti argan mormuun.

Mormiin miidiyaa hawaasaa fayyadamuu dhaabuun gaggeeffanu kunis Ebla 30 irraa eegala.

Waldaa Kubbaa miilaa akkasumas waajiraalee dhimmichi nu ilaallata jedhan kan biraa dabalatee dhaabbanni tola ooltummaa 'Kick it Out' jedhamus lagannaa kana keessatti akka hirmaatu himame.

Dura taa'aan dhaabbata 'Kick it Out' Saanjaay Baandaarii ''lagannaan kun hangam akka rakkanne mul'isuuf'' jedhaniiru.

''Ammaan tanattis kan nama gaddisiisu miidiyaalee hawaasaa gochaawwan hamaa ta'aniif saaxilamaa jiru.''

''Nutis waliin ta'uun lagannaa kana kan taasifnuuf aanga'oonni ergaa keenya akka hubataniif. Tarkaanfii akka fudhatan barbaadna. Jijjiiramni akka ta'u barbaadna,'' jedha.

Miidiyaaleen hawaasaa kanneen fuulasaanii dhoksuun hojii badii raawwataniif osoo hintaane maatii ispoortiif mijachuu qabaata jedha.

Bara darbe bifa qaama isaa irratti hundaa'uun aleellaan (abuse) kan irra gahee tabataan Yunaayitid Deeviid Maakgoldiriik ''yeroonsaa amma'' jedheera.

''Waanti narratti raawwate xabattoota kaan biroo irras gaheera. Wanti ta'ee umamuu qabaata. Bifa bu'uureeffachuun miidhaa raawwachuun kaaniif salphaadha,'' jedha.

Gooldriik Sanbata galgala xaba Biraayitan waliin tureen goolii tokko lakkoofsiisuun garichi akka mo'atu dandeessiseera.

Tabataan kunis yaada xabichaan booda kenneen, ''Supar Liigii sa'aatiiwwan 48f dhabamsiifneera. Jibba sanyummaa balleessuun maaliif dadhabnee?'' jechuun gaafata.

Xabataan sarara fuulduraa Biraayitan, lammii Faransaay Niil Mooteem haaluma walfakkaatuun miidiyaa hawaasaa irratti haleellaan irra gaheera.

Tabataan kunis sagalee karaa Iskaay Ispoortiin kenneen, ''lagannaan kun sirriidha'' wayita jedhu dhagahameera.

''Tabattoonni karaa miidiyaalee hawaasaatiin miidhaa hedduutu irra gaha. Kana ofiirraa qolachu qabna. Ammas waliin dhaabbachuun keenya dansaadha,'' jedhe.

Kilaboota dabalee qaamolee bulchiinsaa akkasumas waldaan murteessitoota kubbaa miilaa facbook, instaagraamiifi tiwiiratii guyyaa shaniif lagachuuf waliigalaniiru.

Tobaniin dura gareen Siraansii Siitii jedhamu tokko sababii haleellaa tabattoota isaa irra gaheen torban tokkoof lagannaa taasisee ture.

Tabataan Arseenaal duraanii Tiiyoorii Heenarii sanyuummaafi haala biraatiin haleellaan waan irra gaheef gutummaa guutuutti ofiisaa miidiyaalee hawaasaa irraa ofi qusachuu beeksiisun isaa ni yaadatama.

BBC waliin turtii taasisee kan ture gaheessii waggaa 43 Heenariin ''gahee jechuun gaheedha'' jedhuun mormiisaa ibsate.

Liivarpoolis erga tabattoota isaa gurraacha ta'an sadi irratti haleellaan raawwateen bodoa aarii isaa ibsuunsaa ni yaadatama.

Kaayyoon lagannaa kanaas miidiyaalee hawaasaa jibba akka dhorkaniifi barumsa akka kennaniif ta'u ibsichi eereera.

Motummaan Yunaayitid Kingdam kubaaniyoonni miidiyaalee hawaasaa gurguddoonni rakkinicha ittisuu yoo hindandeenye ta'e addabbii akka kaa'u akeekkachiisee ture.

Dhaabbanni facebook ammoo Guraandhala keessaa tarkaanfii cimaa fudhachuuf akka yaadee himee ture.

Facebook jalatti kan bulu instaagraam ammoo torban darbe keessa mala fayyadamtoonni namoota hiriyaa isaanii hintaane irraa ergaan akka hinerggineef dhorku argadheera jedhee ture.