European Super League: Kilaboonni Ingiliiz jaha Suppar Liigii Awurooppaa keessaa godaanan

Madda suuraa, EPA
Kilaboonni Pirimeer Liigii jaha kanneen Suppar Liigii Awurooppaarratti hirmaanna jedhan hunduu, dorgommicha keessaa bahan.
Maanchistar Siitiin kilaboota bahan keessaa isa jalqabaa oggaa tahu, Cheelsiin ammoo dorgommicha keessaa bahuuf kan isaan dandeessisu dokimantii qopheessaniiru.
Kanneen hafa afur - Arsenaal, Liivarpuul, Maanchistar Yunaayitidiifi Totanihaam - haala walfakkaatuun keessaa godaananiiru.
Suppar Liig ''sadarkaalee barbaachisan'' irra deebiin ilaaluun pirojekticha ni midhaassina jedheera.
Garee 12n kan ijaarame Suppar Liig guyyaa Dilbataa hundeeffamuusaa erga beeksiseen booda, asiifi achii mormii guddaa irra buusan.
Maanchistar Siitiin akka mirkaneessetti ''Suppar Liig keessaa godaanuuf haala barbaachisu ifatti jalqabeera.''
Livarpuul gamasaaniitiin liigii citee adda bahe kana keessaa hirmaannaa qaban adda kutuusaanii beeksisaniiru.
Maan Yunaayitid ammoo ''yaada deeggartoota keenyaa, mootummaa UK fi qaamolee dhimmichi ilaallatu kaan sirriitti erga caqasnee booda,'' murtoo keessaa bahuu akka murteessan himan.
Arsenaal ammoo xalayaa barreesseen deeggartoota isaa dhiifama gaafachuun ''dogoggora hojjenne'' jedhan. Kanaanis yaada deeggartoota isaaniifi hawaasa kubbaa miilaa caqasuun, keessaa bahuuf murteessuu ibse.
Durataa'aan Totanihaam Daani'el Liivaay, kilabni isaanii ''yaaddoo fi aarii'' murteen dabre uumeen gaabbuusaanii himan.
Kilabni Cheelsii ammoo ''garee dhuma torban dabre keessatti makaman keessaa bahuuf, haaldureewwan jira eegaluusaa,'' mirkaneesse.
Pireezidantii Uefa Aleksandar Ceferin murtoo kilaboonni keessaa bahuuf fudhatan akka simatan himuun, kilaboonni kunniin dorgommii kanaaf qofa osoo hin taane, Awurooppaa maraaf waanta gumaachan guddaa qabu jedhan.
''Amma wanti murteessaan gara fuulduraa mil'achuudha. Tapha kanaaf miira tokkummaa duraan qabu uumuufi gara fuulduraa imaluudha.''
Minisitirri Muummee UK Boris Joonsan ergaa Twitter gubbaa maxxansaniin: ''Oduu kaleessa galgala dhageenye nan simadha. Kuni deeggartoota kubbaa miilaa, kilabootaafi hawaasa biyyattii keessa jiraniif bu'aa isa sirriidha. Tapha biyyaaleessaa keenya jaalannu kanaaf, eegumsa gochuu itti fufuu qabna,'' jedhan.
Suppar Liigiin Awurooppaa ibsa baaseen waan jedhe: ''Haala amma jiruun piroojekticha irra deebiin ilaaluuf sadarkaalee barbaachisan ni qoranna. [Galmisaas] deeggartoonni kubbaa miilaa akka itti bohaaraniifi hawaasni kubbaa miilaas kanfaltii isaaf malu akka argatu gochuufi.''
Kilaboonni Ingiliiz 'gurguddoo jaha' jedhaman, Ispeenirraa ammoo Atileetikoo Maadrid, Baarseloonaafi Riyaal Maadrid; akkasumas Xaaliyaan irraa AC Miilaan, Inter Milaan fi Juventus, kilaboota liigii adda citee bahe kana keessa kanneen hirmaachuuf karoorfatanidha.
Kanaanis dorgommii guyyoota gidduu torbee hundeessuu ture kaayyoon jaraa.
Karoorri kunis deeggartoota, anga'oota kubbaa miilaa, qondaaltota mootummaa Awurooppaa keessa jiraniin hadheeffatamee mormame.
Deeggartoonni 1,000 tahan istaadiyemii Cheelsii kan tahe Stamford Bridge fuulduratti, tapha gareensaanii Biraayitan wajjin qabu dursanii walitti qabamuun, mormii dhageessisaa turan.

Madda suuraa, Getty Images
Karoorichi maal ture?
Kilaboonni gurguddoon 12 tahan waliigaltee liigicha hundeessuu yoo mallatteessan isaan keessaa jaha kilaboota Piriimer Liigii Ingiliziiti.
Arsenaal, Cheelsii, Liiverpuul, Maanchister Siitii, Maanchister Yuunaayitidii fi Tootenihaam yoo tahan kaan ammoo AC Miilaan, Atileetiikoo Maadird, Inter Miilaan, Baarseloonaa, Yuventus fi Riyaal Maadirididha.
Kilaboonni liigicha hundeessan guyyoota torban gidduutti dorgommicha gaggeessuu kan barbaadan yoo tahu, liigii biyyaalessaa keessa jiran keessattis itti fufuun dorgomu.
Suupper Liigiin Awurooppaa kun garee 20 of keessatti qabata jedhamee yaadame. Kilaboota liigicha hundeessan 12 fi sadii ammoo amma itti dabalamu jedhamee kan eegamudha. 15n isaanii miseensota dhaabbataa yoo tahan, dorgommicha keessaa qabxii xiqqaa yoo fidanis gadi bu'uu hin danda'an.
Miseensonni shan kaan ammoo dorgommii wagga waggaan gaggeeffamuun dorgommichaaf darbuun itti dabalamu.
Dorgommiin haaraan kun Shaampiyoonsi Liigii amma gaggeeffamu kan morkatu yoo tahu, addunyaa irratti dorgommii kilaboota gurguddaa isa ol aanaa taha jedhama.














