Kilaboonni Piriimer Liigii 'gurguddoo ja'a' Suppar Liigii Awuroopparratti hirmaachuuf waliigalan

Madda suuraa, Getty Images
Arsenaal, Chelsii, Maanchester Yunaayitid, Maanchester Siitii, Liiverpuuliifi Tootinhaam Suppar Liigii Awurooppaa irratti hirmaachuuf waliigalan.
Murteen kun kubbaa miillaa Awurooppaa haala hin eegamneen raase kun namoota hedduus ajaa'ibeera. Xaaliyaan irraa ammoo Assii Miilaan, Inter Miilaaniifi Juuventuus Suuppar Liigicharratti hirmaachuuf murteessaniiru. Kilaboota Ispeen keessaa ammoo Riyaal Maadiriid, Baarseloonaafi Atileetikoo Maadiriid Suppar Liigii Aqurooppaa kanatti makamuuf jiru.
Suuppar Liigiin Awurooppaa akka beeksisetti gareeewwan hundeessan kunneen tapha isaanii walakkeessa torbaniirratti akka gaggeeffatan walii kan galan yoo ta'u, taphawwan liigii biyya isaanii keessatti hirmaachuu isaaniis hin dhaaban.
"Karoorri kun yeroo hojiitti jijjiiramuu jalqabutti dorgommiin bara kanaa inni jalqabaa battaluma jalqabama. Kilaboonni dabalataa sadii ammoo Liigichatti akka makaman ni eegamu," jedheera Suuppar Liigiin Awurooppaa.
Kana malees, erga Suppar Liigiin Awurooppaa dubartootaa jalqabameen booda ammoo Suppar Liigiin dubartootaas akka jalqabamu ibsameera.
Oduu Suppar Liigiin Awurooppaa akka jalqabamu Dilbata dhaga'amuu isaa hordofee Ministirri Muummee Yunaayitid Kingdom Booriis Joonsan, murtee Waldaa Kubbaa Miilaa Awurooppaafi Piriimer Liigii balaaleffataniiru.
Bulchaan kubbaa miilaa idil-addunyaa FIFAnis kanaan dura dorgommiiwwan kana fakkaataniif beekamtii akka hin kennine beeksisuun, taphattoonni dorgommii kana irratti hirmaatanis Waancaa Adunyaa irratti hirmaachuu dhabuu akka danda'an beeksiseera.
"Kubbaa millaaf jecha qaamoleen murtee kana irratti hirmaatan sirriitti marii tasgabbaa'aa, faayidaa qabuufi hundaaf bu'aa buusu taasisuu qabu," jedheera FIFAn.
Waldaan Kubbaa Miilaa Awurooppaa ibsa kaleessa baaseen, taphattoonni Suppar Liigii Awurooppaa irratti hirmaatan dorgommiiwwan biyya keessaa hunda irraa dhorkamuu akka danda'an kan ibse yoo ta'u, Awurooppaattis ta'e waltajjii addunyaarratti garee biyyaalessaatiin ala ta'uu danda'u jechuun ibseera.

Madda suuraa, Getty Images
Suppar Liigiin Awurooppaa ammoo ibsa isaa keesssatti, "Kilaboonni hhundeessan gara fuula duraatti waldaa Kubbaa Miillaa Awurooppaafi FIFa waliin haala hojjechuun danda'amu irratti marii ni taaisu," jedheera.
Liigichi kilaboota 20 kan hirmaachisu yommuu ta'u, kilaboota hundeessan 12 fi kilaboonni hanga ammaa maqaan isaanii hin eeramiin sadii dafanii itti makamuuf jiru. Dorgommii liigota biyya keessaarraa ammoo gareewwan shan dorgomanii Suppar Liigii Awurooppaatti makamu.
Akka karoorichaatti, Suppar Liigiin Awurooppaa waggaa waggaan ji'a Hagayyaa keessa kan jalqabamu yoo ta'u, taphawwan isaas walakkeessa torbaniirra kan gaggeeffaman ta'u. Kalaboonni hirmaatan 20 ammoo bakka lamatti hiramuun taphawwan dhaqaa galaan kan walfalaman ta'a jedhameera.
Ramaddii lamaan keessaa tokkoo hanga sadaffaa bahuun gareeewwan xumuran tapha nuusa xumuraatiif kan darban yommuu ta'u, afraffaafi shanaffaan ammoo walii walii isaaniin waldorgomuun abbaan mo'ate xumura nuusaatti makamu.
Suppar Liigiin Awurooppaa akka jedhetti, bifa Shaappiyoonsi Liigii caalaa foyyaa'een maallaqa kan argamsiisu yommuu ta'u, kilaboonni hirmaatanis bu'aa guddaa ittiin argatu jedhameera.












