Dubartiin teeknooloojiin Iloon Maask qullaa ishee mul'ise, 'namummaa irraa mulquu' himatte

Madda suuraa, Samantha Smith
Dubartiin teeknooloojiin akka ishee qaanesse himatte. Samaantaa Ismiiz gaazexeessituu [dhaabbii hin taane] dha.
Namoonni teeknooloojii hubannoo nam-tolchee qabeenya Iloon Maask ta'e- AI Grok jedhamu fayyadamuun erga qullaa ishee mul'isanii booda miirri ''namummaa dhabuu'' akka itti dhagahame BBCtti himte.
Dubartiin kun akka jettutti kanneen Grok AI fayyadamuun uffata irraa mulquun qullaa dhaaban ''qabiyyee saal-quunnamtii irratti qindeessuun'' akka ishee qaanessan himatte.
Dhiheenya kana teeknooloojiin dijiitaalaa karaa ittiin namoonni qullaa dubartootaa ilaalan ta'uun baratamaa dhufeera.
BBCn dubartoota hedduu qullaasaanii akka agarsiisan gaafatamuu miidiyaa hawaasummaa X irratti barreessan argeera.
Namoonni hedduun qullaa dubartootaa ykn uffata qullaasaanii mul'isuun akka argaman chatbot gaafatu.
Gaaffiin isaanii kunis beekamtii dubartootaan ala. Namoonni kunneen erga suuraa dubartootaa qullaasaanii mul'atan argatanii booda qabiyyee saal-quunnamtii itti maxxansuun dhiheessu.
Teeknooloojii badiin kun ittiin raawwatamu- Grok kan of jalaa qabu XAI, dhimma kanarratti yaada akka kennuuf gaafatamus deebii hin kennine.
Samaantaa Ismiiz waa'ee suuraan ishee geeddaramuu X irratti maxxansite. Osoo namoonni hedduun akka qullaanshee mul'atuuf Grok hin gaafatin dura maxxansite.
Maxxansa ishee kanarratti dubartoonni rakkoo walfakkaataan isaan mudate hedduun yaada kennaniiru.
''Kun hundi eeyyama dubartootaan miti kan ta'aa jiru,'' jette.
''Qullaa mul'achuun amala ana ibsu miti, an qullaa hin dhaabbadhu. Garuu suuraan qullaa mul'atu kan kiyya fakkaata. Akka kankoo ta'etti natti dhagahama. Waan namni wayi suuraa qullaa koo ykn uffata qullaa koo mul'isu waliin maxxansee fakkaata.''
Ministeerri dhimma biyya keessaa UK appiiwwan qullaa mul'isan ugguruuf seera qopheessaa ture.
Akka seera yakkaa haaraa ba'eetti namni appiiwwan kunneen fayyadamuun dubartoota qullaa dhaabe kamiyyuu ''hidhaa fi maallaqaan'' adabama.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Jaarmiyaan to'annoo kominikeeshinii Ofcom jedhamu kampaaniiwwan teeknooloojii qabiyyeewwan appiiwwan ykn pilaatfoormiiwwan isaaniirratti darban sirriitti sakatta'uu fi hordofuun balaa mudachuu malu hambisuu qabu jedhe.
Suuraawwan AI dhaan hojjetaman ilaalchisee X ykn Grok qorachaa jiraachuusaa garuu adda baasee hin ibsine.
Grok appii teeknooloojii AI fayyadamuu fi bilisa ta'edha. Namoonni gariin kaffaltiidhaan kan sadarkaa fooyya'aa (premium) fayyadamu.
Namoonni X fayyadaman maxxansa isaanii jalatti Grok yoo 'tag' godhan deebii kennaaf.
Yeroo baayyee maxxansa namoota kaaniirratti yaada kennuuf ykn deebii kennuuf fayyada.
Garuu namoonni AI fayyadamuun suuraa interneeta irraa buufame (download) gulaaluu danda'u.
Teeknooloojiin kun fayyadamtoonni akka suuraa fi viidiyoo qullaa ilaalan, darbees akka qabiyyee saalquunnamtii fakkeessan, eeyyamuusaaf qeeqamaa jira.
Kanaan dura viidiyoo Teeyilar Siwift gocha saal-quunnamtiitti fakkeessuun agarsiisuun himatamee ture.
Yuniversitii Durham jedhamutti pirofeessara seeraa kan ta'an Kileer MakGiliin X ykn Grok yoo fedhan miidhaa akkanaa geessisuurraa of qusachuu qaba jechuun akeekkachiisan.
Akka waan himannaarraa bilisa ta'aniitti of yaaduun hafuu qaba jedhan.
''Appiin kun qabiyyeewwan viidiyoo fi suuraa qullaa agarsiisan akka mul'atan ji'ootaaf eeyyameera. Hanga ammaatti tarkaanfii hin fudhanne. Qaamni dura dhaabbates hin jiru,'' jedhan.












