BBC'n gaazexeessaa suuraa qullaa agarsiisuuf 'qarshii kanfale' hojiirraa dhorke

Madda suuraa, AP Media
BBC himannaa gaazexeessaa oduu dubbisuun walqabatee odeeffannoo dhaabbaticha qaqqabeen hojjataa hojiirraa dhaabsisuu Daarektatti Olaanaa dhaabbatichaa Tiim Deevi beeksisan.
BBC gaazexessaa oduu dubbisu irratti himannaan suuraa qaamaa saalaa agarsiisuu daa'imarraa argachuuf maallaqa kanfaleera jedhuu erga irratti dhiyaateen booda poolisii qunnamus hime.
Himatamaan kunis suura jedhame kana argachuuf jecha paawundii 35,000 daa'ima jedhame kanaaf kanfale jedhame.
Haata'u malee, BBC dhimmi gaazexessaan ammatti eenyummaan isaa hin eeramne kanaa atattamaan akka adda bahuuf hojjataa jirra jedhe.
Himannaan gaazexeessaan jedhame kun maallaqicha daa'ima jedhameef kanfaluu kan eegale wayita inni mucaa waggaa 17 jiru ta'un jalaqaba ruyyaa Jimaataa miidiyaa The Sun'n gabaafame.
Polisiinis BBC'n isaan quunnamu himuun garuu himannaan seeraa akka hin banamne beeksiseera.
BBC'n garuu Wiixata har'aa dhimmicharratti mari'achuuf pooliisii waliin akka wal argu himeera.
Odeessa dhimma kanarratti guyyaa Dilbataa The Sun maxxanseen, gaazexeessichi erga odeessi kun maxxanfameen boodas mucichaaf miira ''naasuutiin'' bilbileef akka ture hime.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gaazexeessichi mucichaan ''maal akka raawwate'' gaafachuun, haati mucichaas bilbiltee akka qorannichi dhaabbatuuf akka gaafattu akka itti hime gaazexaan The Sun dabaluun gabaaseera.
BBC gama isaatiin ibsa guyyaa Dilbataa baaseen, haala danda'ameen saffisaan hojjachuun tarkaanfiin itti aanuu seeraan akka fudhatamuuf hojjataa jiraachuu hime.
''Jalqaba BBC waa'ee dhimmichaa kan dhagahe Caamsaa keessa ture. Himannaa haaraan garuu guyyaa Kamisaa nuuf dhiyaate.
''Nuti garuu haaluma hojimaata keenyaatiin aanga'oota dhaabbatichaan alaa waliin wal qunnamaa turre,'' jedhe.
Itti dabaluunis dhaabbatichi guyyoota dhufan keessatti adeemsicha irratti waan haaraa akka kennu eegama jedheera.
Miidiyaan The Sun garuu maatiin mucaa miidhamee ibsa BBC kanatti aaruu himeera.
''Isaaniis erga jalqaba dhimmichi BBCtti himameen booda namni dhimmicha adda baafachuuf isaaniif bilbile kamuu hin jiru'' jechuusaanii gaazexichi gabaase.
Gulaaltuun dhimma Aadaa BBC Kaatee Raazaal ''dhugaan himannaa kanaa eessa akka jiru ammatti hin beeknu'' jette.
Isheenis ibsi dhaabbatichaan kenname, yaaliin qorannoo jalqabaa deebii gahaa maatii irraa dhabameen danqamuu kan agarsiiseedha jette.
BBCn ibsa guyyaa Jimaataa baasee tureen, himannicha irratti tarkaanfii fudhachuuf adeemsi gaggeeffamaa jiraachuufi ''dhimmicha haalaan hubachuuf qaamolee himannicha dhiyeessaniitti dubbachuuf yaalaa jiraachuu'' hime.
''Yeroo kamiittuu yoo odeeffannoon dabalataa dhiyaate...karaa gaazexaa dabalatee, sirriitti kan tarkaanfii fudhannu ta'a haaluma adeemsa keessoo keenyaatiin,'' jedhee BBCn.
Daarektarri Olaanaan BBC Tiim Deevi, imeelii hojjattootaaf barreessaniin, himannaawwan akkasii kun ''xiyyeeffannoo guddaan'' ilaalama jedhan.
Haalichi garuu ''wal xaxaa'' fi dhaabbatichi kan dhimmicha adda baasuudhaaf atattamaan hojjataa jiruudha jedhan.
Kana malees, ''dhimmichi haala sirrii ta'een akka ilaalamu ni hojjannas'' jedhan.
Akkasumas Aab Tiim ''oduuwwan qabatamaan'' karaa intarneetiin waa'ee dhiyeessitoota sagantaa BBC irratti dubbatamaa jiru balaaleeffatan.
Dubbii Himaan poolisii magaaalaa Landan gama isaaniitiin, ''humnootiin isaanii jalqaba himannicha BBC irraa isaan qaqqabuu'' himuun, garuu ammoo himannaan seeraa idilee dhiyaateef gara biraa akka hin jirre beeksise.
Dabaluunis, poolisiin osoo tarkaanfii akkamii fudhachuu akka qabu hin murteessiin dura odeeffannoon dabalataa barbaachisaa ta'u himeera.












