Intala horsiisee bulaa tekuwaandoon Daanii 1ffaa geesseefi dubartoota kaan leenjisaa jirtu

Laashii Salloo Moluu Waaqoo jedhamti. Godina Boorana Bahaa Aanaa Liibanitti dhalattee guddate.
Isheen intala horsiisee bulaa yoo taatu, maatiin ishees horsiisuma beelladaatiin jiraataa waan turaniif barnoota ammayyaa hin hordofne.
Shamarreen tuni amma Boorana keessatti dubartii tekuwaandoon gulantaa Daanii 1ffaa jedhamu geesse jedhamuun gurra horattee namoota kaaniifuu fakkeenya taateetti.
Magaalaa Nageellee Booranaattis mana leenjii tekuwaandoo banachuun leenjisaa jirti.
Laashiin seenaa jireenyashii, bu’aa bahii tekuwaandoon milkaa’uuf keessa dabartee fi mul’atashii fuula duraa ilaalchisuun BBC'n dubbiseera.
Akka isheen jettutti, fedhiin tekuwaandoo keessa isheetti kan uumame yeroo mana barumsaatii galtu lola ishee fi hiriyyootashii gidduutti mudatedha.
Kunis, akka ka’umsa ta’eef yaadatti.
“Yeroo mana barumsaatii gallu ijoolleen wallole. Ijoolleen nadhaante.
''Mana galeen ijoolleen kaan tekuwandoo baratte, anis yoonin baradhe amala kiyyalleen waan sirreeffadhuuf nagalchaa jedheen gaafadhe,” jetti.
Yaada tekuwaandoo barachuu kana aayyoonshee deeggaruu baatanilleen abbaan ishee garuu akka barattu waan eeyyamaniif leenjii tekuwaandoo kana waggoota jahaan dura eegaluu himti.

Dubartummaafi ilaalcha hawaasaa
Leenjii tekuwaandoo kana erga jalqabdeen booda maatiishee fi hawaasa naannoo irraa yaadni dhufuu eegale.
Kunis akka isheen barnooticha adda kuttuuf dhiibbaa kan uumu ture.
“Ilmeen dubaraa miila olqaqqabattu maali? jedhan. Ilmeen dubraa miila gargar qabachuun aadaa keenya keessa hin jirtu adabadhu mana taa’i jedhanii nadhoowwan,” jetti.
Yaadonni faallaa fi dhiibbaan maatii fi hawaasaa kuni garuu Laashii tekuwaandoo jaalattu leenji’uurraa hin hambifne.
“Yoo isaan barrii [balbala] dura taa’anii akka ani hin baane na eegan ani kara duubaatiin baheen leenjii deema.
''Leenjii kuni laftisaa mana keenyarraa fagoo waan ta’eef yeroo ganamaa bariin baha. Yeroo galgalaa ammoo halkan gala,” jetti.
Laashiif dhorkaan akka leenjii tekuwaandoo hin deemne gochuu kun mana keessaa jabaachaa deeme.
Gaaffiin cimaan manaa ka’uu eegale ammoo dhimma barii ciree maatiif qopheessuu dhiistee tekuwaandoo leenji’uu deemuu ta’uu himti.
“Ilmeen dubraa barii maatiif ciree qopheessuu dhiistee ispoortii jettee halkan baatu maani jechuu jalqabame.
''Kun tekuwaandoo na hambisuuf. Anis nan maladhe.
''Leenjii teekwaandoo barii sa’aatii 11’tti osoo hin deemin halkan sa’aatii 9’tti ka’een ciree qopheessee deemuu jalqabe,” jetti.

Daanii 1ffaa fi Mana Leenjii Tekuwaandoo
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Laashiin dhiibbaa maatii fi hawaasa naannoo irraa irra gahuun gufattee tekuwaandoo jaalattu adda hin kunne.
Waggootaaf leenjitee amma gulantaa Daanii 1ffaa jedhamu kan naannoo isaaniitti dubartiin kamuu hin qaqqabnerra geesseetti.
“Yeroo sadarkaa Daanii 1ffaa kana gahu qormaannisaa Finfinnee yookaan Baatuu ture. Ani Baatuutti qorame.
''Yeroo sana Daanii kana maal goota naan jedhu namoonni. Daanii kee kana manatti ijoolleen miilaan irra yaati malee faayidaa maal siif qaba naan jedhu ture,” jetti.
Ijoollee 100 tahan magaalaa Nageellee Booranaa irraa qormaata Daanii 1ffaa kanaaf gahan keessaa dubartiin ishee qofa ture.
“Daanii qoramee darbee jennaan gaafa Negeelleetti deebinu eebba ture. Dubartiin ana qofa ture.
''Gulantaa nuu gadiilleen keessaa dubartiin hin jirtu na qofa.
''Intala dubraa ispoortii jettanii dhiira keessa ooltee akka dhiiraa miila ol gugguurattu bu’aa maal isinii fiddi jedhanii oduutu ture san dura,” jechuun himti.
“Namayyuu namatti hin fakkaadhu. Maatii kiyya biratti ‘intala ispoortii barattu kaan laala, akkashiin miila olqaqqabattu’ naan jedhu.
''Namoonni baratan ammoo na jajjabeessu. Ani jaalala ispoortii waan qabuuf amma nama fakkeenya ta’e ta’eera,” jetti.
Erga gulantaa Daanii 1ffaa kana argattee karoorrishee ilaalcha hawaasaa kana jijjiiruuf mana leenjii tekuwaandoo banachuu fi ijoolleen dubraa biroos akka leenji’an jajjabeessuu ture.
“Daanii kiyya fudhadhee jennaan abbaa kiyyaan mana leenjii banachuu akkan barbaadu itti hime.
''Innis na jajjabeessee mana kireeffadhee leenjisuu jalqabe. Amma ijoollee 98 tekuwaandoo leenjisaan jira. Kana keessaa 22 dubartoota,” jetti.
Fuula duratti dubartoota ciccimoo tekuwaandoodhaan fakkeenya tahan horachuun ilaalcha haawaasa keenyaa jijjiiruun barbaadas jetti Laashiin.
“Dubra ciccimtuu narra olbaatee mul’attu leenjisee baasuu barbaada. Ijoollee ofiifis baratanii ijoollee kaanilleen akka gaariitti barsiisan baay’atanii arguu fedha,” jetti.












