Lammii Itoophiyaa sodaa Naaziif Juudoo eegalanii hanga daanii 6ffaatti fulla’an

Tsaggaayee Dagginah leenjistoota waliin

Madda suuraa, Tsegaye Degineh

Ibsa waa'ee suuraa, Tsaggaayee Dagginah leenjistoota waliin

Tsaggaayee Dagginah (PhD) gara Jarman kan imalan barnootaaf ture. Awurooppaa bar-kurnee sadii oliif jiraataniiru.

Barnoota idileen cinaatti bishaan daakuu barachuuf fedhii qabu turan. Booda qalbiin isaanii waan biraan hatame. Judoo fi Juujutisuu.

“Dargaggoota wayita turre, mankaraarsitoonni Naazii nuu ari’u turan. Ofirraa ittisuuf jedheen eegale,” jedhu maaliif akka ispoortii kana filatan yoo ibsan.

Akkuma eegalaniin jabinni warra Jarman ispoortii waliin hojjetanii dhiisanii akka bahan isaan kajeelchisee ture.

“Warri Jarman daa’imummaa irraa eegalanii Juudoo waan barataniif, ana caalaa jaboo turan. Isatu na rifaasise ture,” jedhu.

Tsaggaayeen duruma ennaa Itoophiyaa turan kaaraatee ni jaalatu turan. Kitaaba Abbaan isaanii bitaniif kennaniif dubbisuun kaaraatee barachuuf yaalii godhanii akka turan himu.

‘Itoophiyaaf dorgomuu nan hawwa ture’

Juudoon anaaf wanta yeroo hojiin ala bashannanaaf hojjetamudha jedhu.

“Ispoortichi naamusa barsiisa. Garraamummaa, Ija jabina, ofitti amanuu, amanamummaa si barsiisa,” jechuunis faayidaa ispoortii kanaa ibsu.

Tsaggaayee Dagginah

Madda suuraa, Tsegaye Degineh

Ibsa waa'ee suuraa, Tsaggaayee Dagginah

Ispoortichi kan ittiin nama miidhan osoo hin taane kan ittiin of eegan, ofirraa qolatan akka ta’e kan himan namni kun, of to’achuu fi of baruufis ni fayyada jedhu.

Jarman akka gahaniin jireenyi itti ulfaatee ture. Juudoon jabina akka kenneef himu. Jabina sammuu fi qaamaa akkasumas fayyummaa fi hariirooo hawaasummaatiif bu’a qabeessa jedhu.

“Umuriin koo ganna 20 fi 30 keessa wayita ture Itoophiyaaf dorgomuu nan hawwan ture” jedhu.

Paaspoortii Itoophiyaa qabatanii Jarmaniif dorgomuu hin danda’an ture garuu kilabootaaf dorgomaniiru.

Injifatanii garuu?

“Injifachuunis, injifatamuunis jira. Warra Jarman waliin morkachuun ulfaataa ture. As yoon dhufu baay’ee huuqqataan ture. Yuunivarsiitii barachaan ture kanan ispoortii hojjedhu. Irree baafte, humna, dhaabbii gaarii fi hafuura dheera qabatteetti kan dorgomtu. Ta’us dorgommiin mo’adhes, mo’ames jiru” jedhu.

Barnoota booda hojii, bultii ijaaruu fi ijoollee horachuun dhufan, Juudoon garuu hin hafne.

“Cabuun, dhukkubsachuunis jiraachuu mala. Garuu kan ispoortii nama dhaabsisu miti. Torbeetti al tokko waggoota 21f yuunivarsiitiitti waa’ee Juudoo barsiisaan jira, sunis itti fufa.

Federeeshinii Biyyaalessaa Jarman keessatti poolisootaa fi ispoortessitoota ni qoru.

Daa’imman Juudoo waan leenjisaniif carraa argataniin jidduu jidduutti waa’ee Afaan fi muuziqaa Itoophiyaa barsiisu.

Tsaggaayeen ammatti Juudoon qabattoo gurraacha bira taruun daanii jahaaffaa qabu. Kana jechuun ispoortii Juudoon digirii jaha qabu akka jechuuti.

Daaniin kan kennamu leenjiiwwan gara garaa erga xumuraniin booda waldaa Juudoo Biyyaalessaan gahumsi nama sanaa madaalameeti.

Addunyaa Juudoo keessatti Daaniin inni dhumaa 10ffaa yoo ta’u Tsaggaayeen 6ffaarra gahaniiru.

Daanii torbaffaa argachuuf waggoota eeguun irraa eegama.

Pireezidantii Federeeshinii Juudoo Addunyaa kan ta’an pireezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin Juudoon Daanii 8ffaa qabu.

Bara 2012 ture daanii 8ffaa kan argatan. Tewodor Ruzeveelt, Wiiliyaam Heeg, Isteevan Seegaal, namoota bebbeekamoo Juudoo hojjetan keessaati.

Tsaggaayee wayita Juudoo shaakalu

Madda suuraa, Tsegaye Degineh

Ibsa waa'ee suuraa, Tsaggaayee wayita Juudoo shaakalu

Tsaggaayeen gumaacha gama ispoortiin hawaasaaf gumaachaniin badhaasa pireezidantii Jarmaniin kennamu argataniiru.

Badhaasichas Jarmanitti ambaasaaddarri Itoophiyaa Aadde Muluu Solomoon argamanitti fudhatan.

Juujutisuu ammayyaa gara Itoophiyaatti…

Tsaggaayeen ispoortii Juudoo fi Juutitisuu gara Itoophiyaa fiduu keessatti qooda olaanaa qabu turan.

“Sadarkaa Ispoortiitti Juudoon gara Itoophiyaa akka dhufu kan taasise anadha. Bara 2010 hiriyaa koo lammii Jarman tokko waliin kana goone. Juujutisuun ammayyaa bara 2007 gara Itoophiyaa akka dhufu kan taasises anadha.”

Ta’us Itoophiyaa keessa namoonni Juudoo shaakalan akka turan himu.

Waldaan Juudoo f Juujutisuu Itoophiyaa keessatti akka hundeeffamu tumsuu himu.

Wayita ammaa Itoophiyaa keessatti ispoortii qofa osoo hin taane bulchiinsa piroojaktii fi aadaa hojii irratti dhaabbilee gara garaaf leenjii kennaa akka jiran himu.

“Buunyaan funyaan koo cabeera”

Xumura irratti Dr Tsaggayee gaaffilee lama gaafanne:

Namaan wal loltanii beektuu?

“[kolfaan eegalan] Juudoo eegaluu koon dura warri Naazii nu ari’u turan. Ispoorticha ergan eegaleen booda, gaaf tokko mi’a bituuf manaa baheen, hokkorri ka’e.

"Warra Naazii turan. Gateettii nan tuqanii yoon ofirra garagalu bunyaan funyaan na cabsan. Boodarra ofirraa ittisuu danda’eera. Amma namaan atakaaroo keessa hin seenu. Jechaanis namoota deebisuun ni danda’ama.”