Dirree Dhawaa hanga Ameerikaa, achiis hanga pireezidantii Tekwaandoo Afrikaatti- Maastar Hasan Abdulqaadir

Master Hasan Abdulkadir, pirezidaantii ITF Afrikaa

Madda suuraa, Master Hasan Abdulkadi

Master Hasan Abdulkadir Ayimoo ispoortii Tekwaandootiin qabattoo gurraacha torbaffaa kan qaban yoo tahu amma pirezidaantii Tekwaandoo Afrikaa tahuun hojjechaa jiru.

Dirree Dhawaatii ka'uun hanga Ameerikaatti, achiinis hanga gaggeessaa Tekwaandoo Afrikaa ta'uutti gahaniiru. Adunyaa irratti Teakwaandoon kan beekaman namoota Kooriyaa Kibbaa fi Ameerikaattis leenjii isaanii xumuruun badhaasota gurguddaaf gahaniiru.

Master Hasan bara 1983 magaalaa Dirree Dhawaatti dhalatanii achumatti guddatan. Yeroo ammaa kana Ameerikaa kutaa Minesootaa keessa jiraatu.

Akka Itoophiyaatti dorgommii hedduurratti hirmaachuun shaampiyoonaa tahuu danda'aniiru.

Pirezidaantii duraanii Itoophiyaa Girmaa W/giyorgisi irraa dabalatee, Ameerikaa dhaabbilee leenjii Tea Kwon do irraa badhaasotaa adda addaa argataniiru.

Biyyattis Oromia Star Tae kwon do club kana jedhamu hundeessuun dargaggoota cicimoo naamusa gaarii qaban oomishaa jiru. Barattootni isaanii ammoo deebi'anii namoota hedduu leenjisuun gahoomsaa jiru.

Bara 2021 keessa hojii boonsaa Itoophiyaa fi biyyoota ollaa Itoophiyaa tahan akka Somaaliyaa fi Jabuutiitti hojjetaniin pirezidaantii Tea kwon do Afrikaa tahuun filamanii hojjechaa jiru.

Waraqaa ragaa Master Hasan pirezidaantii Yuuniyeenii ITF Afrikaa akka tahan himu

Madda suuraa, Master Hasan Abdulkadir

Kitaabota lama waa'ee barnoota Tea Kwon do irratti xiyyeeffatan akka namaaf galutti Afaan Oromoon barreessanii dhiyeenya kana eebbisiisaniiru.

Master Hasan ispoortii Tekwaandoodhaan namoota bebbekamoon leenji'uun digirii isaanii qabattoo gurraacha [ Black Belt Dan Degree] torbaffaa argataniiru.

Master Hasan hojii ogummaa isaanii kanaan Itoophiyaatii hanga Ameerikaatti namoota hedduu leenjisuun eebbiisiisaniiru.

Kana qofa osoo hin taane namoota ispoortii kanaan adunyaa irratti maqaa guddaa qaban gara Itoophiyaa deemuun akka leenjii kennaniifi dargaggotni akka barataniif jajjabeessan gochaa turan.

Bara 2019 keessa leenjisaa isaanii qabattoo gurraacha arfaffaa kan tahan Daalton gara Itoophiyaatti afeeruun barattootni Tae Kwon do 3,000 tahan saganticha irratti hirmaataniiru.

Daalton hojii boonsaa Master Hasan hojjetan kanaaf dhaabbata ol aanaa International Taekwon-Do Federation kan Jeneraal Choi Hong Hi bara 1966 Kooriyaa Kibbaa Sehul keessatti hundeessan irraa waraqaa beekamtii kennaniif ture.

Master Hasanii fi leenjii Tae Kwon do

Master Hasan umurii ganna 11 tahanii yeroo ispoortii kana jalqaban namni isaan leenjise Inistaarkter Nagaash Dassee Booraa nama jedhaman.

Namni kun ofii isaanii namoota adunyaa irratti maarshaal aartii kanaan maqaa guddaa qaban keessaa tokko yoo tahan lammii Kooriyaa Kibbaa Jeneraal Cho Hongi hi jalatti leenji'an.

Mee waa'ee Jeneraal Cho Hongi hi waan isinitti hima. Namni kun lammii Kooriyaa Kibbaa yoo tahan nama ispoortii Teakwando kana hundeesse jedhamuun amanamu.

Bara 1966 keessa osooma miseensa waraanaa Kooriyaa tahanii jiranii ispoortii kana biyyoota akka Jarmanii fi Nezerlaandis fa'aa keessatti barsiisaa turuun booda International Taekwon-Do Federation hundeessan.

Amma dhaabbata kanatu beekamtii gurguddaa akka adunyaatti namoota Tae Kwon do'n leenji'aniif kenna.

Tea Kwon do jechuun dorgommii ispoortii miilaan wal dhiituu, buunyaan dhahuu fi saffisaan fi aartii adda taheen mataa fi hojjaa irratti xiyyeeffachuun haleeluu jechuudha.

Maarshaal aartii fi kaaratee walitti fiduun Cho Hongi hi Tea Kwon do kana bu'uuresse jedhama.

Gara Master Hasanitti yoo deebinu baratoota qabattoo gurraacha [Black Belt Dan Degree] qaban 300 ol leenjisanii qabu.

Walumaagala gara namoota 4,000 ol tahan leenjisuun eebbisiisaniiru.

Daanii jalqabaa kan argatan Sabum Dessuu Semmaan leenji'anii yoo tahu kan lammaffaa Leongi Wei Mengi nama jedhamantu leenjise.

Kanumaan itti fufuun Ameerikaatti kan argamu Yuunaayitid Tae Kwon Do kan Jason Waadiliin hundeeffame irraa qabattoo gurraacha torbaffaa argatan.

Urjii Oromiyaa fi Badhaasota

Barattota Tea Kwon do kan Master Hasan leenjisaa ture

Madda suuraa, Master Hasan Abdulkadir

Master Hasan Abdulkadir bara 2004 gidduugala leenjii Urjii Oromiyaa ykn Oromia Star Tae kwon do club' jedhamu hundeessuun leenjisaa ol aanaa fi pirezidaantii kilabichaa tahuun hanga bara 2015tti hojjechaa turan.

Kana malees pirezidaantii Dirree Dhawaa Yuunaayitid Tae kwon do, Itti aanaa pirezidaantii Waldaa Tae Kwon do Itoophiyaa tahuun hojjechaa turan. Dabalataan bara 2006 -2007 daariktera teeknikaa Garee Aadaa fi Aartii Oromoo tahuun hojjechaa akka turan himan.

Hojii tola ooltummaa keessatti hirmaataa turuu isaanii kan himan Master Hasan Waldaa Qaxxamura Diimaa Itoophiyaa damee Dirree Dhawaa keessatti hammatamuun waa'ee tajaajila duraa [First AID] bakka hedduutti barsiisaa akka turan himan.

Kitaaba waa'ee tajaajila duraa [First Aid[ Afaan Oromoon barreessunis waldichaaf gumaachaniiru.Master Hasan bara 2003 dorgommii akka Itoophiyaatti gaggeeffame irratti sadrkaa lammaffaan xumuran. Waggaa sadiin booda ammoo itoophiyaa irraa sadarkaa tokkooffaan xumuran. Bara 2009 dorgommii Waldaa Tae kwon do Itoophiyaan qophaa'e irrattis tokkoffaa tahuun medaaliyaa injifataniiru.

Bara 2010 keessa hojii gaarii nama hojjete jedhamuun kantiibaa magaa Dirree Dhawaa kan turan Adam Faaraa irraa medaaliyaa warqee argataniiru.

Bara 2011 akkasuma ''dargaggoo fakkeenyaa gaarii tahuu fi milkaa'e bara kanaa'' jedhamuun pirezidaantii duraanii Itoophiyaa Girma W/ GIyoorgis harkaa medaaliyaa warqee fudhachuu himan.Kana qofa osoo hin taane gama ispoortii kanaan nama carraa hojii uumu jabaa 'Examplary Entrepreneural Activity' jedhamuuni ministera Dargaggootaa fi dhimma Dubartootaa Itoophiyaa irraa medaliyaa warqee argachuu himan.

Akkasumas bara 2021 keessa hojii maarshal aartii keessatti hojjetaa turaniin 'Martial art Medal of Merit' jedhamuun Dhaabbata Yuunaayitid Taekwondo Alliyaansi jedhamu irraa meedaaliyaan kennameeraaf.

Magaalaa Atilaantik Siitii, Niw Jersii keessatti badhaasni hojii boonsaa maarshaal aartiin hojjetaniif kennamuufii himaniiru.

Master Hasan badhaasota adda addaa kan mo'atan yoo tahu gama barnoota isaaniinis aadaa Oromoo beeksisuu keessatti gahee isaanii bahataa turaniiru.

Waraqaa qorannoo Aadaa Oromoo jedhu yuunvarsiitii Waashingitan keessatti bara 2017 dhiyeessuun Waldaan Qorannoo Oromoo [OSA] waraqaa beekamtii kennuufii himaniiru.

Ispoortiin Tea Kwon do dargaggoota naamusa gaarii qaba oomishuu irra darbee namoota hedduufis madda galii fi biizinasii guddaa taheera.