Dargaggeessi 'jabaa sibiilli itti inaafu' ta'ee egeree isaa tolfachuu qaba - Mulee Tasfaayee
"Tattaaffii kee hardhaatu jiruu kee boriif utubaadha. Bor jireenya gaarii jiraachuu feeta taanaan har'a aarsaa kaffaluun dirqama.
''Rakkoofi dhiphuu si mudatu hundaaf furmaata nama irraa hin eegiin. Furtuun rakkoo keetii sammuu kee keessa jira," jechuun intarneeta saatelaayitiirraa argatuun Garba Guddaa Hindii walakkaarraa karaa Facebook dargaggootaaf ergaa dabarsa Muler Weest.
Godina Wallaggaa Lixaatti dhalatee kan guddate Mulee Tasfaayee ykn Muler Weest, doonii biyyoota Eeshiyaa, Baha Giddu-galeessaafi Awurooppaa gidduu deddeebiyuun zayita boba'aa akka petirooliyeemiifi diizilii dhiyeessurra hojjeta.
Dargaggoon kun Electrical and Computer Engineering baratee ogummaan isaa ammoo dooniirratti hogganaa mana motoraa ykn Chiif Ingiinar akka ta'e hima.
Muler gaaffii BBCn muudannoo hojii galaanarraa maal akka fakkaatu, akkasumas guyyaa ayyaanaa akkamiin akka dabarsan isaaf dhiyeesse keessatti, umuriin dargaggummaa yeroo hiree ofii boruu murteeffachuuf namaaf kennamedha jedha.
Yeroo hojii idilee isaarraa aara galfatuttis barreeffama gaggabaabaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaarratti baasuun gorsa ergaa jajjabduu qabdu yeroo maxxansus ni mul'ata.
Dargaggoonni hojiitti jabaatoo ta'an, kanneen ammoo karaa ittiin fala jireenyaa barbaaddachuun isaaniif galteefi jireenyasaanii boruu jijjiiruudhaaf tattaafatan akkuma jiran, dargaggoonni yeroofi humna isaanii wanta hin taanerratti dabarsaniis jiru jedha Muler.
Lammii Itoophiyaa tokkoofi Ertiraanota lamarraa kan hafe lammilee biyyoota gara garaa waliin hojjechaa kan jiru Muler, umuriin dargaggummaa aadaafi dirree hojii adda ta'etti salphaatti baruudhaaf yeroo sirriidha jedha.
"Kanan isaan [dargaggoota] gorsu, qabsoon hunda caaltu jireenya ofii mo'achuudha. Kanaaf, humna keenya, beekumsaafi dandeettii keenya hundumaa jireenya keenya boruu jijjiiruurratti yaa dabarsinu.
''Jireenya keenya egeree foyyeeffachuudhaaf yaa jabaannu; 'jabaa sibiillillee itti inaafu' yaataanun," jedha dargaggoo Muler Weest.
Kampaaniin inni keessa hojjetu wiirtuun isaa biyya Raashiyaa magaalaa Mooskoo akka ta'e eeruun doonii amma irra hojjechaa jiru ammoo kan kireeffatee ittiin hojjechaa jiru dhaabbata Sea-eagle jedhamu Singaappoor irraa ta'edha jedha.
"Biyyoota Eeshiyaafi biyyoota Arabaa gara gara keessa deddeebiyuun boba'aa kan akka diizilii, petirooliyeemiifi zayita boba'aa adda addaa bitnee gara biyyoota Tarkii, Indiyaafi Chayinaa dabalatee hanga Singaappooritti deemnee raabsina (gurgurra)."
Hojii kana hojii biraarraa maaltu adda godha?
Muler Weest akka jedhutti, hojii dooniirraa kana wanti adda godhu baayyee naamusa barbaadu isaati.
Abbaan amala ofii of keessatti qabateedha kan hojjetu akka ta'e eeruun, badii namni tokko balleesse dhiifama malee hojiirraa nama ariisisa jedha.
Kanaaf ammoo sababa yeroo himu: "Galaanaan marfamnee jirra waan ta'eef sababa nama tokkootiin balaan guddaan hojjettoota dooniifi doonicharraan gahuu danda'a waan ta'eef yeroo hunda itti-gaafatamummaa fudhattee socho'uu qabda.
''Hojii keerratti yeroo hundumaa dammaqaa ta'uu qabda. Kanaaf, hojii biroorraa kan adda isa godhu naamusa isaati."
"Siif jajjabina, haadhakeef ammoo jannatan hawwa..."
Dargaggoo Muler turtii waggaa afur hojii isaa kana keessatti dabarseen mudannoowwan baayyee akka qabu hima.
Tokko garuu kan keessa isaa gaddisiiseefi madeessee kan darbe waan ta'eef jireenya isaa keessatti yoomuu akka hin daganne kaasa. Kunis akkaataa du'aan boqochuu haadha isaa itti dhaga'edha.
"Boqochuu haadha kiyya akkaataan ittiin dhagahe baayyee nama madeessa. Guyyaa guutuu hojiirran oolee baayyee dadhabeen dhufen ture.
''Yeroon bilbila koo bane ergaa gabaabaa ilaalu, "Muler akkam nagaa keedhaa? Siif jajjabina, haadha keef ammoo jannatan hawwa," ergaa jedhudha kanan arge.
''Amanuu hin dandeenye sababiin isaas maatiin waan tokko waan natti himan hin qaban. Hundumtuu nagaa akka ta'edha kanan beeku," jechuun ibsa.
Maatiin isaa kan isa dhoksaniif dhaga'ee haala hamaa ta'e keessa akka hin galleef yaadaniiti kan jedhu Muler, yeroo sanatti hundumtuu bilbila cuccufatanii akka turan miira addaatiin akka yaadatu hima.
Galaanarra hojjechuun, keessumaa yeroo haaraa ta'anitti kallattii afraniinuu yeroo ilaalan waan lafti jira namatti hin fakkanneef nama sodaachisuu danda'a.

Madda suuraa, Muler West FB
Garuu gaafa baramaa deemu , danaan [kaartaan] jira waan ta'eef lafa arguudhaaf maayila hangam akka nama hafeefi eessa akka jiran shallaganii arguun ni danda'ama jedha.
Ayyaana Waggaafi hojii dooniirraa...
Ayyaana waggaa bakka karoorfatan caalaa bakka akka carraa buufatanitti akka dabarsan ibsa dargaggoo Muler.
Dooniin isaanii bakka buufataa ykn ulaarra jira yoo ta'e Kaappiteenii doonichaarraa waraqaan hayyamaa 'Gate-pass' jedhamu sa'aatii 24f ykn sa'aatii 48f boqonnaa fudhatanii bahanii bakka fedhanitti bashannananii dabarsuun ni danda'ama jedha.
Kanarraa kan hafe garuu dirqama hojiirra jirama taanaan, doonii keessa Cheefonni adda addaa kan nyaata adda addaa qopheessan jiru waan ta'eef nyaanniifi dhugaatiin adda addaas waan jiruuf achuma keessatti hojjettoota waliin kabajatu.
"Hojiirra taatees akka tasaa guyyichayyu osoo hin beekiiniyyu dabarsuu dandeessa, hojichi si ko'omsee jechuudha."
Carraan maatii waliin wal arganii ayyaana kabajachuun rakkisaadha kan jedhu Muler garuu, "miidiyaa hawaasummaarratti namoota beektu tokko tokko biyya dooniin sun itti dhiyaatee dhaabbatutti waliif barreessitee wal argitee waliin dabarsuu ni dandeessa," jechuun hima.
Kanarraa kan hafe ammoo hojjettoonni doonii hedduun waan jiraniif hojjettoota sana waliin walitti qabamanii gammachuun ayyaaneffachuu akka danda'an ibsa.

Madda suuraa, Muler West FB
Jireenya lafarraafi galaanarraa keessaa kam caalsifatta?
Muler jireenya galaanarraa keessa wantoota jaallatu baayyee qaba.
Isaan keessa akka fakkeenyaatti kan kaasu, kutannoo hojjettoonni hojiidhaaf qaban gaafa ilaalu, jaalala hojjettoota gidduu jiruufi jireenya hawaasummaa dooniirra jiru gaafa ilaalu baayyee akka isa gammachiisu dubbata.
Kana malees, tasgabbii jiruufi wantoota tokko tokko gaafa ilaalan jireenya galaanarraa akka fialatan kan nama taasisan jiru jedha.
"Wantichi dirqama filannoo taanaan garuu jireenya lafarraa filatta, sababiin isaa ammoo jireenyikee akkasitti itti hin fufu, bor maatii horachuu dandeessaa, ijoolleen dhufuu waan danda'aniif filannoo taanaan jireenya lafarraan filadha.''


















