Namoota suuraa qullaa dubartootaa maallaqatti geeddaruun jiraatan

Dubartii mobaayila qabattee jirtu

Dubartoonni addunyaa hedduun erga suuraan iccitii isaanii, odeeffannoon dhuunfaa fi viidiyoowwan isaanii miidiyaa hawaasummaa Reddit jedhamurratti qoodamee booda qaamolee eenyummaasaanii dhoksuun gurmaa'aniin doorsifamaa jiru.

BBC'n nama garee kana duuba jira jedhee adda baase fuula dhoksuun mul'iseera, namtichi akkas jedhee barreessa- comment godha.

''Qullaasheetiif Paawundii 5, ergaa kallattiin naaf ergaa.''

''Viidiyoo ishee kan gurgurtaaf ta'u garii harkaan ga'anneerra.''

''Isheerratti maal hojjenna?''

Yaadonni kennaman nama suukanneessu. Suuraawwan qullaa dubartootaa hedduutu haala kanaan maxxanfamanii jiru.

Jalatti ammoo dhiironni yaada ergaa sodaachisa gudeeddii of keessaa qabu kennu.

Yaadonni barreeffaman gariin kan asirratti ibsuuf nama qaanessaniidha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Suuraa fi viidiyoowwan hedduun miidiyaa hawaasummaa nama dhuunfaarraa fudhatamuun kanneen Reddit irratti maxxanfamaniidha.

Gariin kanneen qullaa hin taanes jiru, garuu barreeffamoonni jechoota saal-quunnamtii fi tuffiin guutaman jala guutaniiru.

Gareen suuraa fi viidiyoo dubartootaa gabaaf dhiyeessan maamiloota hedduu argatan.

Gareen eenyummaasaa dhoksu kun eeyyamaa fi fedhii dubartootaa malee suuraasaanii guuranii maxxansu, ergasii baayyee qoodama, ni gurgurama-daldala haaraa.

Haalli kun addunyaa saal-quunnamtii keessatti haaloo walba'uuf warraaqsa haaraa eegalame fakkaata.

Gochaawwan saal-quunnamtiin walqabatan eeyyama qaama dhimmi ilaallatuun ala onlaayinii ba'u, irra hedduu waahila irraa adda ba'an qaanessuuf tooftaa haaraa ta'ee kan dhufedha.

Viidiyoo fi suuraan iccitii (qullaa) dubartootaa namoota kumaatamaan lakkaa'amaniif qofa qoodamee miti kan hafu.

Namoonni hadhaba dhokatanii miidhaa geessisuu hedan odeeffannoo dubartoota kunneen hunda erga walitti qabatanii booda ifatti saaxiluun akka miidhaman godhu- Adeemsi kun doxing jedhamee beekama.

Namoonni of dhoksanii dahatanii haleellaa raawwatan kunneen lakkoofsa bilbilaa, teessoo nama dhuunfaa fi miidiyaa hawaasummaa namaa walitti gurmeessuun onlaayinii baasu.

Dubartiin dabi kun irratti raawwatame yaadota doorsisaa fi ergaawwan saal-quunnamtii akkasumas maqa balleessii hedduuf saaxilamti.

Haalli kun interneetiin akkuma bu'aa guddaa qabu, jiruu namaa gadadoof akka saaxilus nutti mul'isa, wanti nama gaddisiisu ammoo kun kan ta'aa jiru miidiyaa hawaasummaa isaan jajjaboo irrattidha.

Reddit miidiyaa hawaasummaa guyyaatti namoota miiliyoona 50 caalan keessummeessuudha.

Reddit kanaan duras ergaawwan haleellaa saalaa fi doorsisaa dabarsuun maqaansaa ka'eera.

Bara 2014 suuraan iccitii namoota bebbeekamoo miidiyaa hawaasummaa kanarratti qoodameera.

Waggaa afur booda miidiyaan hawaasummaa kun garee iccitii namootaa saaxiluun miidhaa geessisan secca'ee ugguree ture.

Kubbaaniyyaan biyya UK kun komii irratti ka'uuf wayita deebii kennu, namni kamuu eeyyamaa fi fedhii abbaa dhimmi ilaaluu malee suuraa iccitiis ta'e viidiyoo saal-quunnamtii maxxansuu akka hin dandeenye seera cimaa baaseera.

Seerri kun garuu waan hojjetaa jiru hin fakkaatu, sababni isaa ammallee suuraa fi viidiyoowwan namootaa fedhii malee gadi dhiifamaa jiru.

Keessattuu dubartoonni UK keessa jiraatan hedduu dararaman.

Kan hedduu hammaate isa dubartoota Eeshiyaa gara Kibbaa irratti xiyyeeffateedha, gareen kun fayyadamtoota 20,000 qaba.

Dhiironni suuraa kana jalatti yaada kennan kanneen hawaasa tokko keessaa ba'aniidha.

Afaan Ingilizii, Hindii, Urduu fi Pujunbai jedhamaniin yaada kennu.

Suuraawwan 15,000 caalan balaa kanaaf saaxilamaniiru. Kanneen keessaa suuraawwan 150 caalan kan qullaa dubartootaa fi kanneen saal-quunnamtii wayita raawwatan mul'isuudha.

Dubartoonni kunneen hundinuu arrabsoo saal-quunnamtii fi ergaa doorsisaan hiraarfamaniiru.

Kan nama ajaayibu ammoo dubartoonni kunneen keessaa tokkollee miidiyaa hawaasummaa kanarra suuraansaanii akka ba'uuf hin eeyyamne, fedhiis hin qaban.

Suuraan dubartoota hedduu qullaa yookiin kan saal-quunnamtiin walqabatu miti, garuu yaadni jalatti barreeffamu garuu akkaan rifaasisaadha.

Dubartoonni hedduun erga suuraansaanii fuula Instagram irraa fudhatamuun miidiyaa hawaasaa irratti maxxanfamee booda yaadota doorsisaa fi arrabsoo saal-quunnamtiin walqabatu keessummeessaa oolu.

Suuraawwan fi viidiyoowwan hedduun kanneen iccitiin waliif ergamaniifi miidiyaa hawaasummaaf kanneen hin taanefaatu maxxanfamanii argamu.

Viidiyoowwan wayita saal-quunnamtii raawwatan waraabamanillee maxxanfamaniiru.

'Sin argadha'

Ergaan tokko suuraa dubartii qullaa saal-quunnamtii raawattuu qabatee ba'e. isa booda yaadonni jalatti kennaman.

''Abbaan viidiyoo waan kanaa qabdan,'' jedhe namni eenyummaansaa hin beekamne tokko.

''Foolder ishee guutuu Paawundii 5n qaba, naaf barreessaa!'' jedhe namni biraan ammoo.

''Social miidiyaan ishee namni beeku?'' jedhe namni sadaffaan.

Dubartiin kun wayita hiriyaa ishee duraanii waliin saal-quunnamtii raawwattu iccitiin waraabamuushee quba hin qabdu.

Itti aansuun wayita odeeffannoon dhuunfaa ishee qoodamu, doorsisii fi arrabsoon isheetti heddummaate.

''Ana waliin saal-quunnamtii hin raawwattu taanaan viidiyoo kanan maatii keetiif erga. Nan dhufa, sin argadha,'' jechuun qoccolaan ishee tokko itti dhaadate.

Dubartiin Paakistaan kun erga dabi kun irratti raawwatamee booda hawaasarraa adda of baaste, mana ba'uus ni dhiiste, dhumarratti lubbuushee balleessuuf murteessite.

Erga lubbuushee balleessuuf yaaltee booda, waan mudate maatiisheetti himuuf dirqamte.

Haatii fi abbaanshee waan mudatetti hedduu gaddan, jette.

''Waan mudate hundatti nan qaana'e. Anatu maatii kiyya haala kan keessa galche. Baayyeen gadda,'' jette.

Dubartiin kun yeroo hedduuf Reddit quunnamteetti. Yeroo tokko viidiyoonshee battaluma maxxanfame haqame. Kanneen biroo garuu haquuf ji'oota afur fudhate.

Kanarratti hin dhaabbanne, qabiyyeedhumti haqame sun miidiyaa hawaasummaa kaan irratti qoodamee waan taa'eef ammallee jira.

Kanaafuu kan haqame ji'a booda deebi'ee Reddit irratti maxxanfame.

Georgie

Ogeeyyiin salphina karaa onlaayinii hambisuu irratti hojjetan, suuraa iccitii fi qullaa namootaa maallaqatti geeddaruun kun akkaan babal'achaa jiraachuutti yaadda'an. Maqaa-Collector Culture- jedhus kennaniif.

Dhimma kanarratti ogeessa kan ta'ee fi Yuuniversitii Durham keessatti Pirofeesara Seeraa kan taate Clare McGlynn, ''kun taatee yeroo tokkoo yookiin gocha nama muraasa yookiin garee tokkoon raawwatamu osoo hin taane akkaan kan babal'ateedha. Namoota kumaatamaan lakkaa'amantu kana raawwataa jiru,'' jette.

Gurgurtaan suuraa kun garee xiqqishuu namoota muraasa qaburraa hanga marsariitii namootaa kumaatamaan lakkaa'aman qabuutti gaggeeffamaa jiraachuus himte.

Reddit bara darbe qofa suuraawwan akkanaan hatamanii maxxanfaman 88,000 caalan haquu himee, dhimma kana xiyyeeffannaa addaan akka ilaalus ibsee ture.

Kana qofaa osoo hin taane mootummaan UKs dubartoonni wayita suuraasaanii miidiyaa hawaasummaarratti maxxansan akka of eeggannoo godhan akeekkachiiseera.

Dubartiin kan biraa Georgie jedhamtu wayita namoonni isheen hin beekne ishee quunnamuun suuraanshee iccitii interneetii irratti qoodamuu itti himan namuma muraasa seetee turte.

Dhimma kanas poolisiitti iyyatteetti.

''Suuraa jedhame kana namni meeqa akka ilaale (akka harkaa qabu) beekuuf na rakkisa. Namoonni baayyeen akka hin ilaalle gochuun karaan ittiin danda'amu hin jiru. Battala kanatti namoonni ilaalaa jiru ta'a,'' jette.

Hiriyaan ishee duraanii suuraa sana maxxansuu akka itti hime kan dubbatte shamarreen kun, garuu inni ishee miidhuuf yaadee akka hin taanes ibsiteetti.

Akkas jedhee amanuun hiriyaa ishee duraanii kun adeemsa seeraa irratti hudhaa ta'eera.

Seerri faallaa haaloo ba'uu saal-quunnamtiii yeroo ammaa UK keessa jiru akka addeessutti, namni tokko kan seeraan adabamu yoo nama miidhuuf jecha eeyyama nama sanaa malee suuraa iccitii miidiyaa hawaasummaa irra baasedha.

Komishiniin seeraa, qaamni dhuunfaa mootummaaf hojjetu, jalqaba qaamni suuraa namaa interneetii irra baase akka haqu gaafata, kanarratti hundaa'uun qaamni maxxanse kun nama miidhuuf yaadee ta'uu fi dhiisuu adda baasa.

Dubartiin Georgie jedhamtu kun wa'ee waahilashee duraanii suuraashee maxxansee irratti wayita yaada kennitu: ''Inni akkanni adabamu hin fedhu. Garuu lamuu akkanni deebi'ee waan akkanaa akka hin hejjennen barbaada,'' jette.