'Shamarran Ingilaand suuraa qullaa akka erganiif halkan tokkotti dhiirota 11n gaafatamu’ - Qorannoo

Shamarree bilbila fayyadamaa jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Shamarran UK suuraa quullaa isaanii agarsiisu akka isaaniif ergan halkan tokkotti hanga dhiirota 11n gaafatamu jedha qorannoon UK’tti dhaabbati barnootaa fi sadarkaa tajaajila ijoollee to’atu Ofsted.

Qorannoo Ofsted kanaan shamarran gaafataman miidiyaa hawaasaa irratti dhiirota kanneen 'block' yoo godhanillee 'account' garagaraa bananii akka isaan quunnaman dubbatu.

Gabaasni qorannoo kanaa shamarran 10 keessaa sagal arrabsoo saalaan-looguu fi suuraa fi viidiyoon qullaa agarsiisu isaanitti ergameera.

Qaamni dhimma kana to’atu kuni qoccollaan saalaa barattoota biratti ‘baratamaa’ dhufaa jiraachuu akeekkachiiseera.

Barattoonnis yeroo baay'ee barsiisotni dhimmichaaf xiyyeeffannoo ijaa hin kennineef yeroo qoccollaan isaan mudatu hin gabaasani jedha Ofsted.

Qorannichi ijoolleen dhiiraa ‘’yeroo suuraa qullaa agarsiisu gaafatanii ‘lakki’ yoo jedhaman isa akka deebiitti hin fudhatan,’’ jedha.

Mana barumsaa tokko keessatti shamarran halkan tokkotti dhiirota 10-11 tahaniin suuraa qullaa isaanii agarsiisu akka ergan gaafatamu.

Gareewwan mirga dubartootaaf falman hojjettoonni manneetii barnootaafi qaamoleen mootummaa hojii raawwachiisan aadaa kana geeddaruuf leenjii fudhachuu qabu jechaa jiru.

Ministeeronnis manneetii barnootaa fi koolejonni dhimma haleellaa saalaa irratti leenjii akka fudhatan ni jajjabeessinaa jedhan.

‘Suuraan qaama saalaa 50 ol naa ergameera’

Suuraawwan ani ilaaluu hin feene 50 ykn 60 tahan natti ergamaniiru
Ibsa waa'ee suuraa, Suuraawwan ani ilaaluu hin feene 50 ykn 60 tahan natti ergamaniiru

Seeris shamarree ganna 21 yoo taatu shamarran isheen beektu baay'een dargaggootaa fi dhiirota ga’eessaa irraa suuraan qullaa agarsiisu akka isaaniif ergamu dubbatti.

‘’Yeroon kutaa gadi-aanaa ture Instagram, Facebook fi Snapchat irratti suuraawwan ani ilaaluu hin feene 50 ykn 60 tahan natti ergamaniiru.

"Yeroo sana waanti jalqabaa ati gootu haadha keetti himachuu dha… waan akkasii arguu hin feetu, suuricha maal gochuu akkan qabu hin beekun ture, waan hin gaafannetu sitti ergame gatii taheef sitti hin tolu,’’ jetti.

Luusiin immoo shamarree ganna 18 yoo taatu suuraa quullaa argarsiisu namatti ergamuun ‘waan baratamaa’ taheera. Saanduuqa ergaa gabaabaa miidiyaa hawaasaa keerra yoo suuraa akkasii argite ‘yeroosuma haqxa' jetti.

Suuraa quullaa argarsiisu namatti ergamuun 'waan baratamaa' taheera
Ibsa waa'ee suuraa, Suuraa quullaa argarsiisu namatti ergamuun 'waan baratamaa' taheera

Akka isheen jettutti, "Shamarran muraasni immoo irra deddeebiin suuraan akkasii ni ergamaafi garuu akka hin arginetti darbu, kuni waan addaati jettees hin yaaddu dabalataan immoo wanti gochuu dandeessu hin jiru.’’

Luusiin barsiisonni dhimma kanarratti furmaata kennuu danda’u jettee hin yaaddu.

Seersiin: ‘’Dhimma kanatti yoo buune poolisiin gidduu galuu danda’a ijaa jedhamneef kana gochuu mannaa shamarran kunneen walitti qabnee suuraawwan akkanaa yoo isaanitti ergaman akkamiin miira isaanii eeggachuu akka qaban itti himuu waayya jenne,’’ jetti.

Emii, maqaa ishee isa sirrii miti. Yeroo kutaa jaha jirtu sagantaa sirbaa tokko booda akka gudeedamte BBCtti himteetti.

Amma nama ganna 25 yoo taatu amaleeffannaa qoccollaa saalaa bal’aan jiraachuu himti kunis miidhaa irra gaheef sababadha jetti.

‘’Rakkoon guddaan immoo erga haleellaan narra gahee booda waan hiryyoonni koo naan jedhan ture. Harka 80 balleessaan isa, 20 si’i tahus, garuu waan kana akka godhu homaa isa hin kakaasne ati?’’ naan jedhan jetti.

Shamarran baay'een waan wal-fakkaataa akka isaan irra gahe itti himaniiru, mana barnootaatti gabaasuu akka qabdus beekti ture,’’

‘’Anaafi mucaa tokko gidduutti waan uumame miti. Shamarran baay'een waan akkasii irra gaheera,’’ jetti. Emiin barsiisotatti gabaastee, deeggarsi argatte baayyee gaarii akka ture himti.

Tahus suuraa qullaa walii erguun erga isheen kutaa gad-aanaatii baatee ‘baay'ee akka itti dabale,’ dubbatti.

‘’Amma ijoollee umriin anaa gadi jiran biratti ‘suuraa qullaa’ walii erguun waan eegamu dha.’’ Jaalallee qabaachuun hiiktisaa kana, nama tokko yoo jaallatte suuraa akkasii ergitaafi yoo hin ergine hin jaalattuunii jechuu dha,’’ jetti.

Ofsted manneetii barnootaa mootummaa fi dhuunfaa 30 akkasumas kooleejiiwwan lama daawwachuun dargaggoota 900 ol waa’ee qoccollaa saalaa haasofsiiseera.

''Mana barumsaa muraasa keessatti hin turree rakkoon kuni, hundumaa keessatti'',

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, ''Mana barumsaa muraasa keessatti hin turree rakkoon kuni, hundumaa keessatti'',

Shamarran harka 64 tahan fedhii isaanii malee ‘yeroo baayyee ykn takka takkaa’ dhiirotaan akka tuttuqaman himatu. Kudhan keessaa sagal immoo suuraa qullaa isaanii agarsiisu akka ergan dhiibbaan akka irra gahu dubbatu.

Barattoonni kunneen qoccollaan saalaa kuni yeroo baayyee mana barnootaan alatti iddoo sagantaa sirbaaf wal-gahanittiifi paarkii fa’itti nurra gaha jedhan.

Amalli haleellaa saalaa miidhaa qabu, yeroo baayyee sagantaa manatti qophaa’uufi iddoo namni ga’eessi hin jiretti akkasumas dhugaatiifi baalli sammuu namaa si’eessu yeroo fudhatamu fa’i mudata jedhan.

Barattoonni baayyee barnoonni waa’ee wal-quunnamtii saalaafi fayyaa, fudhatan waan jireenya isaaniitti isaan mudatu darbuuf odeeffannoo gahaa isaaniif hin kennu.

Keessumaa shamarran amala akkamiitu fudhatama qaba, kamtu immoo sirrii miti waan jedhurratti odeeffannoo ifa tahe akka hin qabne dubbatu.

Barsiisonni baayyees dhimma eeyyama keennuufi gaafachuu, hariiroo fayyaaleessa taheefi suuraa qullaa agarsiisu irratti beekumsa gahaa akka hin qabne dubbatu.

Qaamoti kana to’atan manneetii barumsaafi kooleejjota ‘’amaleeffannaa qoccollaawwan saalaa gosa hundaa adda baasuufi furmaata keennuu irratti hojjechuu qabu,’’ jedhan.

Ofsted qorannoo kana kan adeemsise erga marsariitii ‘Everyon’s Invited’ jedhamurratti namooti baayyeen waa’ee haleellaa saalaa irra gahee dhugaa bahaniin booda dha. Mootummaanis dhimmi kuni akka qoratamu gaafate.

Dhaabbanni National Society for the Prvention of Cruelty to Children jedhamu bilbila sarara bilisa gargaarsa kennu ji’a Eblaa qabee akka hojii eegalsisu ministeerotaan gaafatame.

Hanga Wiixata darbetti al 426 gargaarsaaf isaanitti bilbilameera. Hojjettoonni bilbila gargaarsa kanaas namoota 80 tahan poolisiifi tajaajila hawaasaa biroo akka argatan ergineerra jedhan.

Ofsted’tti hoggantuun olaantuu Amaandaa Ispaayimaan rakkoon kuni manneetii barnoota daawwanne hunda keessa jiraachuun ‘baayyee na rifaasisee’ jedhan.

‘’Mana barumsaa muraasa keessatti hin turree rakkoon kuni, hundumaa keessatti’’, jechuun BBCtti himan.

‘’Kuni rakkoo ilaalchaa fi amalaa baratamaa dhufe dha, manneetii barnootaafi koolejoonni qofaa isaanii furuu hin danda’an,’’ jedhan.

Waldaan dubartootaa haleellaan Saalaa akka dhaabbatu hojjetu gareen miseensota mootummaa, hogganoota barnootaa fi ogeessota haleellaa saalaa shamarranii fi dubartoota ga’eessotaa qabu dhaabbachuun kana booda maal godhamuun akka qabaatu manneetii barnootaa hundumaatti gorsuu qaba jedhan.

Hogganaan National Society for the Prvention of Cruelty to Children Piitar Waanlees ijoolleen kunneen waan irra gahe saaxilaniiru, sagaleen isaanii haala manneetiin barnootaa dhimma kana to’atan irratti dhibbaa gochuu qaba jedhe.

Dubbii himtuun marsariitii ‘Everyone’s Invited’ manneetiin barnootaa sirna rakkoon akkasii itti gabaafamu diriirsuu qabu jedhe.

‘’Kuni rakkoo jiruufi gabaafamuu dhiisuu gidduu qaawwa jiru hir’suu mala,’’ jetti.