Namoota ishee gudeedanii maatiishee gartokko ajjeesaniif dhiifama goote, ta'us ammallee biraa hin hafne

Feenii ISKOOBAR

Madda suuraa, Daniel Pardo, BBC

Ibsa waa'ee suuraa, 'Ani haadha ijoollee afuriiti, sadan isaanii ammayyuu jiru. Garuu ijoolleen guddifadhe baay'een qaba. Ijoollee ijoolleekooti sagalan qaba'
    • Barreessaa, Daniel Pardo
    • Gahee, Reporting from Urabá (Colombia) for BBC News Mundo

***Akeekkachiisa : Barreeffamni kun ibsa miidhaa saalaa suukaneessaa tahe of keessaa qaba***

Feenii Eskoobaar, hoggantuun hawaasaa Kaaba Lixa Kolombiyaa, imimmaan ishee akka fixatte dubbatti.

''Sagaleekoo dhagahi'' naan jette. '' Yeroon dubbadhu, addaan citee achumaan gadi bu'a. Garuu hin boo'u. Amma bo'uudhaaf imimmaan naaf hafeeru hin qabu.''

Yeroo gaddaan guutamtu, harki ishee hollachuun akka malee jeeqamti. Eskoobaar umuriishee ganna 57 darbetti naannoo waraanni itti heddumatu Yurabaa keessati waan dabarsite natti himtee yeroo raawwattu, akka cabbiitti qorrite.

Riphee loltootaafi humna waraanaan gudeedamteetti, doorsifni ajjeechaa irra gaheera. Qe'ee ishee irraa buqqifamteetti. Ijoolleen isheerraa dhalataniifi kan abbaa warraashee guddifatte ajjeefamuun yeroo gaddaa hedduu dabarsiteetti.

Abbaan warraashee yeroo baay'ee dhugaatii dhugee mana yeroo galu baay'ee ishee dararaa ture.

Dhukkubni kaanserii ishee qabeyyuu sababa dhiphina waraana naannichaa irraa akka tahe himti.

''Dhiphina sana hundaa, meeshaa ittisaa kaawwachaan ture, kuni hundi keessakoo fixuun harmakoo narraa fudhate. Kaanseriin qaama koo keessa faca'e. Amma ijikoo mirgaa badaa hin argu. Dhiphina sanaan qaamakoon summeesse. Har'a kaanseriin diinakoo isa hamaadha.''

Namoota jireenyishee akka fiilmii fakkaatu dubbataniin maal jetti?

''Dubartoonni biroo si'a torbaafi saddet humnaan gudeedaman jiru. Ammas daangaa isaanii keessatti kan gudeedamaa jiran jiru... jireenyikoo kanaan yoo wal bira qabamu homaayyuu miti,'' jette Iskoobaar.

Iskoobaar hoggantuu hawwaasaa Kolombiyaa keessaa nama tokko. Dhaabbata 'Mujeres del Planton' jedhamu hogganti.

Dhaabbatichi sagalee akka argataniif kan falmu, ijoollee isaanii yakka keessatti akka hin kufne kan ittisu, sarbama isaanirra gahu kan mormuufi yoo miidhaan irra gahu dhaabbachuu baates haqa akka argatan kan hojjetudha.

Iskoobar ammas hojii keenya keessa galte jedhamuun namoota gareen saamichaafi miidhaa geesisaniin doorsifamaa jirti. Gareen kun miseensota garee waraanaa waggoota kurnaniif ishee hordofaa turanidha.

Kun doorssa akkasumattii miti. Bara 2020 keessa hoggantoota dhaabbilee hawwaasaa 309 tahantu Kolombiyaa keessatti ajjeefame. Namoota 40 kan tahan ammoo jalqaba ji'oota bara 2021tti ajjeefamaniiru, akkaataa daataa dhaabbata biyyichaa Indepaz jedhamuutti.

Iskoobaar yeroo dhiyootti ragaa namoota mirga namoomaa sarbuun ajjeefamaniitti makamuu akka dandeessu sodaa qabdi.

''Garuu ani du'a hin sodaadhu. Yeroo hundayyuu nan jedha, du'uufan dhaladhe,'' jette.

1px transparent line

Odeessaalee yakka dirqamaan gudeeduu biroo:

1px transparent line

'Akka dhiirota Maachoo'

Dubartootni kunneen hoggantoota siyaasaa fi dhaabbilee hawwaasaati. Weellu durii garbummaa irraa gara bilisummaa sirbame sirbaa jiru

Madda suuraa, Daniel Pardo, BBC

Ibsa waa'ee suuraa, Dubartootni kunneen hoggantoota siyaasaa fi dhaabbilee hawwaasaati. Weellu durii garbummaa irraa gara bilisummaa sirbame sirbaa jiru

Iskoobaar Kaaba Kolombiyaa, naannoo gammoojjiifi hawaasa hiyyeeyyii lafichaa Waayyuu jedhaman keessatti dhalattee guddatte. Maatiin ishee yeroo isheen ijoollee turtetti gara Yurabaa, cina Panamaa jirutti deeman.

Booda haadha ishee irraa adda bahuun gara naannoo riphee loltootni 'Popular Liberation Army' jedhaman baay'inaan jiran 'Gulf of Uraba' jedhamutti deemte.

Akkaataa aadaa Guwaajiraatti, bara dargaggummaa isheetti maatiin ishee nama filatanitti heerumsiisan. Akka aadaa isaaniitti abbaanshee ilmoo re'ee fudhachuun intala isaanii Iskoobaariin kennan.

''Hojii dhiiraa jedhamus sana booda hojii qonnaa eegalte. Barii sa'a 10:00ttin hirribaa ka'a. Horii elmeen, bobbaasa. Akkamiin akka jiboota kolaasan nan beeka. Hojii barbaachisu kana hundaa nan baradhe. Akkamiin akka guluffii fardaa leenjisanis beeka. Akka dhiirota Maachoo," jette.

Akkuma dhiiraatti humna cimaa qabaachuu, mirgaafi itti gaafatama qixa taheef saaxilamuun adabbii cimaan keessa darbedha jette.

'Dubartii cimtuu tahuukeef waanuma si mudatudha'

Fanny Escobar

Madda suuraa, Daniel Pardo, BBC

Ibsa waa'ee suuraa, In Colombia, many community leaders say they fill the void left by an absent government

Bara 1990 keessa yeroo naannichi humnoota waraanaa naannicha socho'aniin qabame; yeroo waraana Kolombiyaa sana haleellaa humni kun dhaaqabsiiseen yeroo kamiyyuu caalaa namootni baay'een ajjeefaman.

Akka ragaan agarsiisutti gareen waraanaa hidhatee socho'aa ture, humni waraanaa lola galaniin, qonnaan bultoota miliyoona jaha tahan Yurabaa keessaa lafa isaanii dhabsiisan.

''Humni waraanaa foxxoqee socho'u waan barbaadan hojjetan. Garuu akkasuma hamoodha,'' jette Iskoobaar. Waan suukaneessaa yeroo sana ishee mudate dubbachuu jalqabdu hollachuu eegalte.

Namootni fardaan deemaa turan obboleettiin kee ni bareeddi na jedhan. Kanaafuu guyyaa 20 booda deebi'anii akka ishee fudhatan natti himan,'' jette.

Iskoobaar obboleettii ishee dhoksuun hamma isaan deebi'anii dhufanitti qofaashee mana teessee isaan eegde.

Close up of Fanny Escobar

Madda suuraa, Daniel Pardo, BBC

Ibsa waa'ee suuraa, Fanny Escobar is 57 years old, and says she was born to die

Yeroo deebi'anii dhufan bishaan na gaafatan.

''Guwaajiraatti bishaan okkoteedhaan waan keenyuuf ni diilallaa'a. Yeroon isaaniif kennuuf ol seenu namni lama mana keessa anuma cinaa jiru,'' jette Iskoobaar.

''Karaa balbala duubaa ammoo dhiirotni biroo shan ol seenan. Isaan keessaa namni iskaarvii morma irraa qabu tokko kolfe. 'Is this the 'berraca'? [jechuun kun dubartii ishee rakkistuu kolombiyaa]. Ishee aangoo guddaa qabdumoo?''

Akkam ooltan naan jedhe. Kabajamoo maal isin gargaaru? Abban manaakoo hin jiru. Akkasumas hogganaankoo. Horii bobbaasuu deemaniirun,'' jedhe jetti.

''Kanumaan nuyis isaaniin hin barbaannu si barbaanna, ''ishee rakkistuu', jedhan jetti.

Akka isheen qofaashee turte beeku. Maatiin ishee tokkollee akka hin jirres beeku. Kanaafuu ishee gudeeduu dhufan.

Miseensota dhaabbatichaa

Madda suuraa, Daniel Pardo, BBC

Ibsa waa'ee suuraa, Dhaabbata Mujeres del Plantónnaannolee Kolmbiyaa shan keessatti miseensota hedduu qaba. Dhaadannoon isaanii ''gonkumaa hin callisnu'' kan jedhudha

"Hogganaan isaanii jalqaba na qabee na dhungate. Sana booda siree irratti na darbatee warri kaanis waan barbaadan narratti hojjetan. Akkas na jedhan, cimtuu waan taateef 'berraca' ofirraa ittisuu qabda ture, na jedhan.''

Na dhiitan, na reeban. Namni lama akka barbaadanitti natti fayyadamanii... kolfan.

''Gochaa abaaramaa akkasii booda... homtuu natti hin dhagahamu. Qaamakoo akkan dhiisetti natti dhagama. Akkan nama eenyuummaasaa dhiisee ofirraa godaane wayii natti dhagahama. Akka dhukkubbiin homaatuu natti hin dhagahamneetti.''

Iskoobaar yeroo gudeedamte sana ulfa turte.

''Waa'ee mucaa ulfaa'ee yaaduun jalqabe. Na ajjeesaa, garuu mucaakoo dhiisaa. Nan yaadadha, deebi'ee dhufeen mucaakoo akka hin miine gaafachaan ture. Meeshaa waraanaan na waraanan.

Na waraananii keessaa baasan. Dabalanii waan na waraanan natti fakkaate. Lafatti waanan kufeef waanan du'aa jirun sehe,'' jette.

Sana booda ulfishee irraa bahe.

''Haloo na bahan. Jireenyakoo balleessuu yaadan.... kanaanis milkaa'aniiru,'' jette.

Akkaataa dhaabbata qorannoo Kolombiyaa 'Observatory of Memory and Conflict' jedhamuutti bara 1958 hanga 2018 gidduutti namoota 15,738 irra miidhaan qaamaa gaheera.

Gudeeddiin duras, ammas akka meeshaa waraanaatti itti fayyadamu.

Miidhamni Feenii Iskoobaar as irratti hin xumuramne. Humni waraanaa kun abbaa warraashee ''miseensa tokkummaa daldaltootaa'' waan taheef ajjeesan. Booda ilmi isaa ''waa'ee dhugaa ajjeechaa abbaasaa waan ifatti dubbateef itti dabalanii ajjeesan,'' jette.

Mujeres del Planton

Madda suuraa, Daniel Pardo

Ibsa waa'ee suuraa, Dubartoota baay'eef hoggantootni dhaabbilee hawwaasaa gargaarsa kennu

Mormii callisaa

Iskoobaar ammalle hollachuu jalqabde. Kanaaf akka afuura fudhattun itti hime. Garuu harkashee qaqabachaa akkas jette: '' Itti haa fufnu.''

''Ammas irra deebiin nan ka'e sababni isaa jireenyaafi galmi isaa akkas waan taheef. Yeroo tokko tokko yeroo kufnu, cimnee akka kaanuufi,'' jette.

Kan nama ajaa'ibu ammoo, nama ishee gudeedeefi barootaaf ishee ari'ataa tureef dhiifama gochuu nan danda'a jette. ''Dhiifamaan jijjiirama fiduun salphaadha,'' jette.

Bara 2013 keessa, loltootni karaa guddaa magaalaa Yurabaa irratti dubartoota sadii gudeeduun ajjeesan. Akkuma guyyoonni darbaniin namni yakka hojjete osoo hin adabamiin kan hafu fakkaata.

Iskoobaariifi ollaan ishee qondaalota abbaa taayitaa mana murtii irratti mormii walitti fufe gaggeessan.

Haala kanaan ture dhaabbanni ishee 'Mujeres del Plantón,' kan hojii jalqabe.

Dhaabbatichi amma kutaa hojii Kolmbiyaa shan keessa jira. Dhaabbilee miti mootummaa adda addaa gargaaruun leegaasii hojii 'Ruta Pacifica de Mujeres' hordofu. Kun mormii dubartootni 2,000 tahan 1990 keessa dhageesisanidha.

Feeni Iskoobar

Madda suuraa, Daniel Pardo, BBC

Ibsa waa'ee suuraa, Feeni Iskoobar hojiin ishee akkuma gageesitota dhaabbilee hawwaasaa kaanii uummata ishee akkuma maatiisheetti kunuunsuudha

Akka biyyoota Laatin Ameerikaa kaanii Kolombiyaa keessatti warraaqsi siyaasaa hin gaggeeffamne. Aadaan fincilaa hin jiru jedhama. Garuu naannolee kanneen keessatti mormiin karaa callisaa taheen gaggeeffamaa ture.

''Yurabaan ammoo bakka jeequmsi irraa hin fagaannedha. Gidduugala mormiis taateetti. Irra caalaan isaa ammoo dubartootaan gaggeeffama. Sababni isaas baay'een isaanii abbaa warraa malee hafaniiru. Duudhaan hawwaasa isaanii cabuu argan,'' jette Ariinaa Kuustaa ogeettiin Sooshooloojiifi dhaabbata 'Ideas fo Peace Foundation' jedhamutti ammoo qorattuu taate.

"Hojiin isaanii waliigalaa gara fincila daandiitti bahuu miti. Dhimma hawwaasaa kamiyyuu ni qindeessu, ni furu. Dhiyeessii bishaanii, mana barumsaafi daandii naannoo isaanii to'atu,'' jette Kuustaan.

Har'a Iskoobaariifi hoggantootni dhaabbata isaanii 'Mujeres de Plantón' humna garee hidhattootaa Apaartadoo keessaaf yaaddoo guddaa tahaniiru.

Ijoollee daandii gubbaa Yurobaatti taphatan

Madda suuraa, Daniel Pardo, BBC

Ibsa waa'ee suuraa, Sodaan koo inni guddaan ijoolleen keenya, ijoolleen ollaa keenyaa fi ijoolleen ijoollee keenyaa ''jireenya yakka hojjechuu'' kanatti harkifamuu laata isa jedhudha jette Iskoobaar

"Dirree taphaa sana argitee?'' jechuun gaafatte Iskoobaar. ''Gabaa qoricha sammuu hadoochuu banaa tahedha. Yeroo hundumaa halkan halkan achi turu. Waan xixiqqaa hidhanii walii isaaniif, ijoollee keenyatti, ijoollee ollaa keenyaatti, ijoollee ijoollee keenyaatti kennu.''

''Gareen saamtotaa kun ijoollee gara qoricha sammuu hadoochu fayyadamuutti galchu. Waan xixiqqoo suuta suutaan itti kennuun gara araadaafi daddabarsa qoricha kanaatti isaan galchu. Sana booda ammoo bakka nama biraa qabatte jechuun, yookaan ammoo waan isaan hojicha didaniif yookaan ammoo waan gurguruufii didaniif isaan ajjeesu,'' jette Iskoobaar.

"Kanaaf jecha baanee 'murga' [fincila] jalqabne. Haala kanaan bakka gurgurtaa qorichaa isaanii kudhan akka cufaman goone,'' jette.

Hoggantootni dhaabbilee hawwaasaa hojii yakkaa akkasii haala kanaan akka dhaabbatu godhan kan jettu Iskoobaar, sababa kanaaf akka isaan irratti xiyyeeffatameef garee yakka hojjetu kanaan ajjeefaman jechuun himti.

line