Abbaan seeraa nama shamarree gudeede akka fuudhuuf gaafachuun mormii jabduu kaase

Madda suuraa, GETTY IMAGES
Yaada himannaa dirqiin gudeeduu lama irratti kenneef, abbaan seeraa olaanaa mana murtii waliigalaa Indiyaa saffisaan akka hojii gadhiisu iyyannoon biyyattii keessatti baayyachaa jira.
Dubartooti mirgaaf falman 5,000 ol, rogeeyyiin, lammiilleen jecha kanaaf quuqaman, xalayaa abbaa seeraa kanaaf barreessaniin yaada kenneef dhiifama akka gaafatu ibsan.
Wanti abbaan seeraa jedhe nama hedduu aarsee kun maali?
Gaaffii lama kanneen ''nama aarsan'' gaafate.
Tokkoffaa: ''Ni fuutaa?''
Gaaffileen mormii kaasan keessaa tokko 'gaa'ela godhattanii' kan jedhuufi shamarree gudeede 'fuutaa' jechuun gaafachuudha.
Teessuma abbootii seeraa sadii keessaa, dursaa kan ta'e, abbaan seeraa Bobde, namicha umriin isaa ganna 23 ta'e shamarree tokko gudeeduun himatame akkas jechuun gaafate: 'Ishee gudeedde fuutaa?' jedhe.
Itti fufuun, "yoo gaa'ela godhattan ani siin gargaaraa yookiin hojii dhabdee mana hidhaa galtaa?" jedhe abbaan seeraa kun.
Shamarreen tun, bara 2014/15 keessa yeroo gudeedamtetti umuriinishee ganna 16 waan turteef yaadi isaa kun nama hedduu rifachiise.
Akka xalayaa gareen gochicha morman barreessan kanaatti, namni shamarree kana gudeede fira ishee yoo ta'uu, ishee hiraarsuu, hidhuufi afaan qabuuf, irra deddeebin daa'ima umrii 16 gudeeduun himatame .
Dabalataan namni kun beenzila itti firfirsee gubuu, asiidii itti dhangalaasuuf, obboleessa keen ajjeesa jechuun sodaachisuun himatame.
"Gudeedamuun wallaaltuu mana barumsaa kun kan barame, osoo isheen of ajjeesuuf jettuudha," jedha xalayichi.
Maatiin shamarree kanaas erga isheen guddattee namicha ishee gudeeduun himatame kanatti eerumsiisuuf haati isaa waan waliigalteef, poolisiitti himachuu dhiisuuf waadaa galanii turan jedha xalayichi.
Biyya yeroo baayyee warri miidhaman gocha gudeeddii keessatti deebiyanii qubni itti qabamu ykn yakkamoo ta'aniifi rakkoo umurii guutuu diida qabamanii jiraatan kana keessatti, maatiin shamarran kanaas haadha gurbaa ishee miidhe kanaan waliigalan.
Haata'u malee, yeroo himatamaa kana duuba deebiyanii qoratanitti waadaa sana diigee nama biraa fuudheera. Dhimmi shamarree miidhaan irra ga'ee ammoo poolisii geesse.
Himatamaan kun hojjataa mootummaa waan ta'eef yoon to'atame hojiin dhabaa jedhee mana murtii irratti iyyatee, mirgii wabii eegameef ture.
Haata'u malee, manni murtii dhimmi kun hamtuudha jedhe, ajaja wabii haqe.
Achiin boodaa, namichii kun mana murtii olaanaatti iyyatee, Wiixata manni murtichaa torban afuriif akka hin to'atamne eegumsa kenneef booda, abbaan seeraa jecha aarsaa kana dubbate.
Jechi isaa deebii akkamii argachaa jira?

Madda suuraa, GETTY IMAGES
Xalayaan dubartooti mirgaaf falman beekkamoo Indiyaafi dhaabilleen miti-mootummaa mallateessan kun yaadni abbaan seeraa olaanaan Bobden kenne suukanneessaa ta'uu ibsa.
"Himata gudeedamuu daa'imaa irraati, gaa'ela akka furmaataaatti dhiheessuun, gadda guddaa kan geessisu waan ta’eef, mirga haqaa ishee argachuu kan dhorkudha.
"Namni gudeedee fuudhuu qaba jechuun," ati abbaan seeraa olaanaan Indiyaa yeroo murteessitutti jedha xalayichi, "akka isheen umrii ishee guutuu nama kanaan dirqamaan gudeedamaa, miidhamaafi hiraarfamaa jiraattu itti murteessiteetti ilaalama," jedha.
Erga shamarreen tokkoo bara 2012, magaalaa Deelhii otoobisii keessatti gareen gudeedamtee duute boodee, hiriirri bahamee, miidiyaaleen addunyaa gabaasanii, yakkawwan dirqamaan gudeeduufi miidhaan saal-qunnamtii waliin walqabatan biyyattii keessatti xiyyeeffannaa argateera.
Erga sanaa booda, himannaa dirqiin gudeeduurratti ajaji mana murtii, jechi namoota siyaasaafi abbootii seeraa gad fageenyaan qorannoo gaggeessuu eegalan.
Yaadi abbaa seeraa olaanaan, keessattuu gama lamaan gidduutti waliigaltee fiduuf yaalame jedhan kanas waan hin malle jechuun guddoo qeeqan.
Namooti duula kan adeemsisaa jiran, yaadi abbaa seeraa kun, "namoota nama gudeeduuf erga waraqaa-ragaa kennee, gocha seeraa biratti beekamtii qabu godha," jedhan.
Xalayaan kun, himata biraa guyyuma sana abbaan seeraa olaanaan Boobideen dhaggeeffate kan inni gaafii lammaffaa kan nama aarsee gaafate ibsa.
Innis akkas jedha: 'Qunnamtiin saalaa gaa'elaa keessatti gudeeddii jedhamaa?'
Deebiin maal fakkaatti?
Duulii waggaa dheeraa adeemsifamullee, Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii yaada-kennullee haga ammaa Indiyaan, gudeeddii gaa'ela keessa, yakkatti ramaduu didde.
Namootii duulaa kana adeemsisaa jiran, jechii Boobideen kan rakkina qabu, keessattuu biyya dubartooti guyyaa guyyaan miidhaan saalaa irra gahaa jiruuf mana keessatti miidhaan qunnamtii saalaa kan barame ta'e.
Abbaan seeraa olaanaan kun qeeqa kanarratti haga ammaa yaada hin kennine.

















