'Suuraa iccitii qullaakoo gadhiifameen miidhaan narra ga'e har'as na biraa hin hafne'

Sagantaa TV dhimma jaalala dhiiraa fi shamarranii irratti xiyyeeffatu 'Love Island' jedhamurratti dorgomtuu cimtuu kan turte Zaaraa Maakdarmat, fedhiishee malee suuraan iccitii qaamashee yeroo lama qoodameera.
Haalli kun fayyaa sammuu ishee akkaan kan miidhe ta'uu kan dubbatte Zaaraa Maakdarmat, kanneen miidhaman biroofis deggersi akka godhamu gaafatteetti.
''Jaal'atamuu qofadha kanin barbaadaa ture. Akkan sirriitti beekamuufan kana gochaa ture, garuu balaa hamaa natti fide'' jechuun miidhaa xiinsammuu ishee mudate ibsiti.
Shamarree umrii ganna 14 taatee barataan mana barumsaa tokkoo suuraashee kan baay'ee jaal'attuu fi olkaawwatte akka ergituuf gaafachuu himti.
Turtiin mana barumsaa Sanaa Zaaraadhaaf gaddisiisaa ture, doorsisaa fi qophummaatu itti taphate.
Osoo gurbaan sun suuraa ishee sana jaal'atee hiriyootashee keessaa daran akka beekamtuu fi akka olaantummaa argattu yaadaa turte.
Garuu gurbaan suuraa iccitii sana hawaasa mana barumsaa hundatti tamsaase, balaa hamaan Zaaraa mudachuu eegale.
Zaaraan haala ishee mudate wayita yaadattu akkana jette:
''Maal akka ta'e hubachuullee hin dandeenye. Jireenya koo keessatti yeroo murteessituutti na mudate. Guddadhee eenyummaa koo ibsuuf wayitan tattaafadhutti na mudate.''
''Yeroo dukkanaa ture. Suurichi erga hunda bira ga'ee matatu gadi na cabe. Hin nyaadhu, hin rafu, dorgommii sanarraa abdiin kute. Suuraan sun kana caalaa yoo qoodame arrabsamuu fi doorsifamuun koo ni dabala jedheen yaadaa ture. Kanaafuu hamma of-ajjeesuuttin ga'e. Miidhaansaa haga har'aa na biraa hin hafne''

Zaaraan nama amantutti suuraashee ergitee wayita ganamtu isa kana qofa miti.
Bara 2018 umriishee wagga 21'tti wayitasheen sagantaa kanarratti hirmaatus yeroo lammaffaaf ishee mudate.
Isa alanaarrattimmoo suuraanshee hedduun garee WhatsApp hedduurratti qoodame.
Zaaraan yeroo kana gamoo warri sagantaa 'Love Island' irratti dorgoman keessa tursiifaman keessa turte, bilbillishees ishee bira waan tureef, waanti mudate kun bitaa itti gale.
Ergasheen sagantaa xumurtee booda namoonni garee Love Island keessaa gara hoteelashee deemanii oduu haaraa kana gurrashee buusan.
Yeroo kanatti ammoo oduun waa'ee suuraasheetii gaazeexaadhaanis ba'eera.
''Miira natti dhagahame dubbachuun natti ulfaata. Maatiin kee wayita sitti qaana'an arguu caalaa maaltu hamilee nama buusa'' jette Zaaraan imimmaan buusaa.
''Lammata akkamiin namni gara kiyya ilaala? Baay'ee qaanessaadha. Du'uun barbaadee ture''
Zaaraan suuraa iccitiishee mul'isu altokko miti, yeroo lama addunyaarratti facaasuusheetti baay'ee gaddite, itti miidhamte.

Zaaraan akka jettutti kan garmalee ishee gubu akkaataa namoonni taatee ishee mudate itti hubataniidha.
''Wayita namoonni akkamitti waan kana raawwatti jedhanii gaafatan baay'een gadda. Wayita namoonni natti mufatan baay'een aara. Akka waanan dhimma kana babal'isuuf duula jalqabeetti na fudhatan. Dhugaan jiru garuu kana miti. An dhiibameen rakkoo kana keessa bu'e. An miidhaa narra ga'een cabeera'' jetti.
Suuraa iccitii qullaa maxxansuun haaloo ba'uu, miidhaa xiinsammuu...
Suuraa iccitii qullaa shamarranii maxxansuun haaloo ba'uun Zaaraa qofa irratti miti kan raawwatame.
Shamarreen Kilooye jedhamtus akkuma Zaaraa taate, osoo hojiidhaa galaa jirtuu geejjiba keessatti ergaan galaaf.
Wayita bantee ilaaltu Snapchat ishee irratti suurri qullaashee akkasheen dhalatti mul'isu qoodamee jira.
Sunuu akeekkachiisa qaba, yoo suuraa kana daftee namoota biroof hin qooddu ta'e addunyaa mara waliin geenya kan jedhu ture.
Qaamni suuraashee itti ergu kun irra deddeebiin suuraa isheen jaalallee duraaf ergaa turte itti ergaa ture.
Jaarmiyaa waa'ee miidhaa saalquunnamtii irratti hojii tola ooltummaa hojjetu rakkoon kun daran hammaateera jedha.
Kilooye akka jettutti akkuma suuraa sana argiteen miirri sodaa, ''yoo maatiin koo fi hiriyoonni koo argan akkamin ta'a?'' jedhu ishee weeraruu dubbatti.
Akkumasheen sodaatte hiriyoonnishee bilbilanii akka itti dheekkamanii fi keessattuu jaalalleenshee duraanii bilbileefii akka arrabse dubbatte.
Yakka hin raawwanneen xiinsammuunshee akka hubame dubbatte Kilooye.
Taatee sanaan daran akka hubamte kan dubbattu Kilooye, ''jireenyi anaaf bu'aa akka hin qabne yaaduun jalqabe,'' jetti.
''Yeroon sun anaaf yeroo dukkanaa ture. Jiraachuun koo waan hiika hin qabne natti fakkaate. Waan bu'aa qabne yaaduun jalqabe'' jette.
Ega taateen kun mudatee Kilooye, torbanoota hedduuf ija uummataatti ba'uu rifattee qophaa turte.
Yeroo dheeraa booda guyyaa tokko hiriyaanshee amansiisee qabeenii ba'e, akkuma sodaashee halkan gaafa sanaas waan hamileeshee cabsutu raawwate.
Dargaggoonni umriin isheerra jiran gareedhaan garashee dhufanii suuraanshee sun garee WhatsApp irratti ergamuu gurra buusan.
Kilooye suuraan iccitii qullaa qaamaa fedhii abbaa malee wayita faca'u akkam fayyaa sammuu namaa akka miidhu namoota hubachiisuuf yaalte.
''Akka yeroo kanaa gaddee hin beeku. Dargaggoonni kunneen suuraa sana arganii, darbee ammoo suuraa akkanaa garee namni hundi argurratti qooduun sirriidha jedhanii hubachuusaanii dhagahuun koo na yeellaasise'' jette.
Waa'ee suuraa iccitii fedhii abbaa malee qooduu Seerri maal jedha?
Suuraa fi viidiyoo qullaa namaa fi qaama saalaa agarsiisu fedhii abbaa malee qooduun yakka; abbaa suuraa sana maqaa balleessuu fi yeellaasisuuf badii raawwatame ta'uunsaa yoo mirkanaa'e jechuudha.
Seerri dhimma kana ilaalu bara 2015 kan hojiirra oole yoo ta'u, namni badii akkanaa dalagee argame hanga hidhaa waggaa lamaan adabama.
Duula 'Not Your Porn' jedhamu kan dursitu Kate Isaacs, namoonni daldalaaf jecha suuraa fi viidiyoo saalquunnamtii fedhii abbaa malee qoodan akka adabataniif seerri jabaan ba'uu qaba jette.
''Suuraa facaasuu, akka kan Zaaraa mudateen walqabatee barattoonni mana barumsaa keessatti waan akkasii yoo argan, suuraan sun harkatti argamuusaatti rifachuu fi qaana'uu dhiisanii dhimmicha mana barumsaa yookiin poolisiitti gabaasuu qabu. Haala kanaan abbaan rakkkoo uume baramee rakkochis furama malee namuu waan suuraa akkanaa argeef qofa abbaa suuraa sana komachuutti fiiguu hin qabu'' jette.
Miidhaa qaqqabsiise
Yakki suuraa qaama saalaa fedhii abbaa malee qoodanii haaluu itti ba'uuf itti fayyadamuun raawwatamu bakkeewwaan garaagaraatti jireenya dhala namaa miidhaa jira.
Bara 2020 keessa namoonni miidhaa akkanaa jalatti kufanii deggersa gaafatan baay'innisaanii dhibbeentaa 87'n dabaleera, akka ragaa BBC Three'tti.
Yakka kanaan walqabatee himati 3,136 kan dhiyaate yoo ta'u, lakkoofsi kun kan yeroo kamuu caalaa isa olaanaadha jedhameera.
Jaarmiyaan 'Helpline' jedhamu kan dhimma kanarratti hojjetu, yakki kun akkaan dabalaa jiraacuusaatti akka yaadda'e ibseera.
Hoogganaan jaarmiyaa kanaa Soofii Moortimar BBC Three'tti akka himanitti namoonni rakkoon akkanaa irra ga'e hedduunsaanii rakkoo fayyaa sammuuf saaxilamaniiru, namoonni 45 ammoo of ajjeessuu ga'aniiru.
















