Shamarreen Gondar waggoota 15'f daldala saal-quunnamtiirra turte dhiibbaa Covid-19 maal jetti?

Shamarree hojii saal quunnamtiin jiraatu

Shamarreen qaama miidhamtuu waggoota 15n darbaniif daldala- saalquunnamtii irra turte haala amma eessa jirtuu BBC'tti himte jirti. Maqaafi wantoota eenyummaa ishee adda baasan nageenya isheef jecha geeddaree jira. Seenaashee akkasiin dubbaddi.

Ruhaamaan jedhama, Gondar naannoo Arbi Gabayaa jedhamuttin dhaladhe.

Arbi Gabayaatti dhaladhus garuu achitti hin guddanne. Yeroo ani dhaladhe abbaan koofi haati koo wal hiikan. Abbaa koo maqaa qofaanin beeka, boodarra akka lubbuunsaa darbe dhagahe.

Haati koos ani daa’ima waggaa sadii taheeni duute. Hanga umuriin koo torba guututti achuma Arbi Gabayaan akkoo koo biran ture. Boodarra adaadaan koo ani nan guddisaan jettee gara magaalaa Baahirdaar na fudhattee deemte.

Baahirdaar jiraachuun gama hundaanuu fooyya’aa ture. Barnootas nan jalqabe.

Kutaa tokkoffaa yeroon jiru miidhaan qaamaa narra gahe daandii jireenya kiyyaa guutummaatti jijjiire. Innis qoonqoo koo na dhukkubnaan mana hakiimiin na geessan

Hakiimni lilmoo na waraane waan machaa’e natti fakkaata. Ijoollee waanan tureef sirriitti hin yaadadhu, adaadaan koo ‘suuta itti ariifatte’ yoo jettu nan yaadadha. Takkaa yoo na waraanu ‘qarxam’ jedhee lafee koo yoo argatu natti dhaghameera. Lilmoon cabee akka na keessatti hafe natti dhagahame.

Isaan booda qaamini kiyya ni dhitaa'e. Baatii tokko boodas miilli koo inni tokko ni gabaabbate.

Ammalleen yeroo ciisichi waan naa hin mijanneef lilmoon cabee na keesstti hafe jira jedheen amana.

Ergasii dhiitahee miilli koo lafa ejjechuun na rakkise. Baatii lammataatti mana hakiimaa yoo deemnu hakiimichi hin jiru ture. Kaan Finfinnee gale jedhu, gariin immoo eessa akka dhaqeyyuu hin beekan.

Sababii kanaan jireenyi kiyya gutummaan geedaramee hafe.

Yeroos kutaa tokkoffaan baradhaa waan baayyeen dhabe, maatii hin qabu, kanarratti qaama koos yoon dhabu (imimmaan ishee hudhaa itti fufte).

Otooma baayyee hin turiin adaadaan koos duute. Mucaa ishee waliin jiraachuu jalqabne. Isheen gaafa heerumtu garuu ani filannoon dhabe.

Namni of baraaruuf kadhaa dhaabbata. Ani garuu isa hin hawwine. Kan taaksiillee akka namni naa kaffalu hin fedhu.

Hiriyaa mana barumsaan qaba ture. Amma biyya Arabaa jirti. Baahirdaar jiraatti malee iddoo biraatti dhalatte, maatiis hin qabdu.

Otoo michoomni keenyi hin jabaatiin akaayiin gurgura naan jetti ture. Isan gurguruun nan jiraadha yeroo naan jettu, nama baasaa jennaan natti kofalti ture.

Yeroo hunda daree guyyaafattee dhufti, dura bu’aan kutaa ishee rukuta. Maaliif hirribni si daga jennaan, ‘waan baayyeetu jira,yeroo baanu sitti odeessina naan jette.

Mana barumsaati yoo baanu maali inni sitti hima naan jette jedheen ishee gaafadhe. Waan akkasiifi akkanaan hojjedha naan jette. '‘Dhiira waliin nan baha, namoota baayyee waliin,’’ naan jette. Achiin nan boo’e.

‘’Ruhaamaa maatiin koo akkan kana hojjedhu hin beekan,’’ naan jette. Akkamiin? Namni si beeku yookiin barsiisaan kee yoo dhufe hoo? jennaan, ‘adda na baasuu dhiisuu danda’a’ naan jette.

Ampuuliin ibsaa kutaashee halluu diimaa akka namni sirriitti hin mul’anne taasisu dibameera. ‘Ana tahuukoo otoo hin bariin mucaan nu waliin baratu na gaafateera,’’ jette.

Yeroos hojii harkaa ‘xilfiin’ hojjedha ture.

Hojiin dalagu qabbanoofnaan, koottu nu bira bor nama taana naan jette. Yoo guyyaan dabarte iddoo biraa deemnee jiraanna,gaafa jiruun naa baatu immoo sin dhiisu naan jetti ture.

Boodarra mana abbaa kutaa tokkoo naa kireeffatte. Siree fi miyoota bu’uuraa naa guutte.

Gaafa jalqabaa namni guddaan tokko dhufe. ‘’Walgahiifan Finfinneerraa dhufe naan jedhe. ‘Maaliif gara hojii kanaatti seente?’ naan jedhe haala koo ilaalee. Itti himnaan gadde, ’mana kana meeqaan kireeffatte? naan jennaan birrii 30’n jedheen. Buluu barbaadus deemin jedheen. ‘Hojjechuuf mitii?’ naan jedhe.

Hiriyaa koo waamee ishee dubbise. ’Bahi naan jette’ jedhe. Booda jireenyi kun siif hin tahu naan jedhee otoo natti hin bu’iin natti haasa’aa bule.

‘Jireenya kanaaf sodaa kee kanaan dhukkubni si qaba,’ naan jedhe. Isa hiriyyaan koo natti hin himne waa’ee HIV natti hime.

Yeroo deemu bibila mana kireefadhe sanaa ittan kenne. Jalqaba qarshii kuma sadii, achii kuma lama, ammas kumaaf dhibba shan naa erge. Booda yeroon mana geeddaru nama kanaa waliin walirraa citne.

Gara daldala saal-quunnamtii kaniin gale ijoollee ganna 15 taheeni. Amma umuriin koo 30 dha. Waggaa 15f hojii kana keessa dabarseera jechuu dha. Otooman hojjedhuu immoo barnoota kutaa 6-8 baradhe.

Yeroo jalqabaaf saal-quunnamtii kanan raawwadhe poolisii waliini. Qarshii illee naan kaffalle ture, haa tahuudhumaaf ture kan godhe.

Akkan haaraa tahe isaaf galeetu natti fakkaata. Hiriyyoota isaa waliin jooraa oolee deebi’ee dhufe, akkatti qarshii gaafatan illee hin beeku ture. Amma anaa dhiisii kaaniyyuu nan barsiisa.

Buleetu akkuma abbaa manaa ‘bor nan dhufa’ naan jedhee sokke. Hiriyyaa kootti akkana na gochuu itti himnaan natti kofaltee kana booda qarshii dursiitii fudhadhu naan jette.

Guyyaa jalqabaa ammallee yoon yaadu surur na godha. Guyyaa akkamiitii jedheen yaada,ergasii maal taha otoon hin jalqabnee jedheen beeka.

Garuu namni biraan yoo dhufu baraa dhufta. Keessaan baha gaafan jedhu gaaffiin biddeenaa dhufa. Qarshii argachuu shaakaluunis waliin dhufa. Amma baruurraan kan ka’e hojichaaf maatii dha. Haa tahu malee akka hojii kanaa hojiin ulfaataa hin jiru.

Waliigalanii galanii qarshii dabaleen kondomii malee goona warreen siin jedhan faa jiru. Nama qarshiin waan bitan fakkeessu. Qarshiin waan dhimma tokko ittiin raawwachiiftu dha. Qowwoomsaaf kan itti fayyadaman jiru. Isaan siin qarshiin si bituu barbaadu.

Hojii garaagaraa hojjechuu nan danda’a jedheen hiriyyaa koo biratti hodhaa wayyaan baradhe. Garuu makiinaa hodhaa bitachuu hin dandeenye,qarshii kuufachuu hin dandeenye.

Kiraan manaa qarshii kuma lama dha. Isan hunda dursee kaffala. Baasii baayyeetui jira. Otuma na jibbisiisuu har’a argannaan guyyaa lamaan sadan tokko nan ciisa.

Kaan dhugee dhufa, kaan mirqaanee dhufa. Dubbachuufillee nama dhiba waan garaagaraa gaafatamta.

Guyyaa tokko hojjedhee yoon qarshii argadhe guyya sadiif nan rafa. Yoon qarshii 300 argadhe 100 fayyadamee kaan qusachuun qaba.Garuu walitti fufinsaan hin hojjedhu. Saal-quunnamtiin abbaa warraa kee waliin illee yeroo hunda yoo tahe waan nama nuffisiisu natti fakkaata. Namni jaalatee miti hojii kanatti kan galu.

Qaama miidhamtuu tahuun koo immoo dhiibbaa gara biraa dha. Kaan na waliin buluuf gaafateefaa na dhiisee deema.

‘Akka sitti hin dhagahamne’ kan naan jedhanillee jiru.Ati maaliif hojii kana hojjetta kan naan jedhanillee jiru.

Hojichi na jibbisiisee,yeroo jalqabaa maraammartoo natti taanaan kobilistoonii hojjechuu jalqabeen ture. Garuu waldaan hojii kana hojjechiisu bittinfamnaan hafe.

Gaaf tokko mucaan kobilistoonii na waliin hojjetu seeneetu yoo na argu maqaa Waaqaan kakatee bahe.

Yeroo biraa bilbilee na arrabse. ’Maaliif hojjetta’ naan jennaa ijaan sooreettii taheefin jedheen. Ammallee bilbilee ‘hojii sana keessaa hin baanee?’ naan jedha, ati konkolaataa lama qabda tokko naa kennitii nan baha yeroon jedhu ni kolfa. Waan baayyeetu ulfaata.

Tokkommoo qaama miidhamtuu akkan tahe hin beeku. Otoon kitaaba dubbisuu gale. Kaffaltii waliigallee, kutaanis dhiphoo dha, achumaan ciifne. Achiin waa barbaadee kennuufiif jennaan,’qaama miidhamtuu dha moo?’ naan jedhe.

Eeyyee jennaan,wayyaasaa uffatee ‘qarshii koo’ jedhe.Siif hin kennu yeroo koo gubdeettan jedheen. As kaniin taa’ee hojii hojjechuuf malee na qana’ee mitin jedheeni. Maal hojjechuuf teesse amma ati naan jennaan, ’goofaree kee filuuf ittan jedhe.

Maaliif duraan natti hin himne poolisii waami yoo barbaadde naan jedhe.

Poolisii ittan waamee qarshii koo yoon fudhe malee hin deemu naan jennaan. Buufata poolisii dhaqne. Poolisichi ‘qarshii deebisi jechaanii jirtaa?’ jedheen ‘Eeyyee’ jedheen. ‘Amma dhuguma harkaa fudhattaa?’ jedheenii.

‘’Waraqaa eenyummaa kee natti agarsiisi,’’ jedheeni. Jaakkeettii isaa keessaa baasuuf yoo jedhu edaa kanninni dogoggoraan uffatee dhufe pijaamaa kooti (kofalti).

Achii qaana’ee waan godhu dhabee qarshichas hin barbaadu jedhee dhiisee deeme. Bulee dhufee qarshii koo dhiisee jaakkeettii isaa fudhatee pijaamaa koo naa deebise. Namni dhuge sirrii hin hojjetu.

Amma immoo ciraamsaa koronaan dhufe.

HIV dhaaf kondomii fayyadama, waggaa torba darbe keessatti yoo xiqqaate ji’a sadii sadiin qorannoo HIV nan taasisa. Koronaan garuu ulfaataa dha. Nan hojjedha yoon jedhe dhukkubichi na qabachuu danda’a, yoon dhiisee taa’e immoo beelli na ajjeesa.

Badaa tahuus baatu ammallee hojjechaaman jira. Koronaan namaafi nama walitti hin fidu. Waliin rafuuf waan akka kondomii fayyadamnu hin jiru.

Warri mana nuu kireessan illee boombaa nuti itti fayyadamne dhiqaniitu fayyadamu. Isaan nama baayyee waliin wal argu waan isaan tuqan itti hin bu’inaa jechuun loogiin nurra gahaa jira.

Yeroo jalqabaa afaanitti maaskii keewwachuu jalqabnaan namni tokko maal akka tahe na gaafata ture. ‘Baahirdaar jiraattaam ati’ naan jennaan waan odeeffamu hin dhageessuun jedheenii. ‘Hin barre waan biraa gochuufi mitii naan jedhe.

Bishaan fideetan harka dhiqadhu, harka kee qulqulleessiin isa jedhe. Si wajjiin yoon ciisu maaskii yoo baste malee hin tahu naan jedhe. Qarshii baayyee barbaadee waanin tureef, liqaa waanin nuffeef dura tole jedhee garuu yoo ciisnu irraa galagaleen ciise. Halkan qixxee gahee yoo didde nan deema jennaan qarshii isaa itti kenneen geggeesse.

Gaaf kaan inni tokko qufa’aa kutaa koo seene jennnaan irraan baqadhe. Maal barbaadde jennaan ‘na sodaatte moo’ jedhe. Qufa’aa jirtaam jennaan,haxxiffachaa bahee deeme.

Hiriyyaan koos ishee bira dhaqee qufaanaan akka isa deebiste natti himte. Namichi as deebi’ee koronaan siin malee anaan na hin qabu jedhe.Maaskii yeroo hundan fayaadama.

Maamiloota qaba. Sababii koronaatiin amma dhufuu dhiisaniiru. Namni baayyeen of eeguu of barbaada, of eega.

Amma homaa hojjechaa hin jirru. Ji’atti qarshii 400 argannaan guddaa dha. Hiriyyota keenya keessaa tokko yoo qabaatte ishee biraa nyaannee dhugnee ooluu dandeenya. Isa itti aanuttis akkasuma.

Dargaggootni naannoo illee qarshii walitti qabanii kiraa manaa nuu kaffalaniiru.

Hojii biraa otoon argadhee kana keessaa nan bahan ture silaa. Waanin keewwadhu otoon qabaadhee,iqquubii galeen kanan,sanan raawwadha jedhee yaada.

Iqquubii akka hin seenneef hawaasni rakkoo mataasaa keessa jira. Namoota bira hojjettuu akka hin taaneef, namni wabii naaf tahu hin jiru.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa