'Rakkoon fayyaa sammuu Covid-19 boodallee waggoota hedduuf turuu mala'

Madda suuraa, Getty Images
Weerarri koronaavaayirasii erga tasgabbaa’ee boodas rakkoon inni fayyaa sammuu keenyarratti fidu waggoota kurnana dhufaniif turuu danda’a jedhu Piroofeesar Masfiin Araayaa.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa akka jedhutti erga Covid-19 dhufee booda Afriikaa keessatti rakkinni fayyaa sammuu heddumminaan mudataa jira.
Ibsi dhaabbatichaa akka mul’isutti erga Covid-19 booda ardicha keessatti rakkoon fayyaa sammuu dabaleera jedha.
Zambiyaatti ogeessa fayyaa sammuu kan ta’an Dr Naa’im Dalaal akka jedhanitti biyyattii keessatti erga Covid-19 booda rakkoon fayyaa sammuu babal’achuusaatti ragaan jira jedhu.
Piroofeesar Masfiin Araayaan Yuunivarsiitii Finfinneetti Koolleejjii Saayinsii Fayyaatti barsiisaa kutaa fayyaa sammuu fi hakiima ta’uun hojjatu.
Koronaavaayirasii waliin wal qabatee rakkooleen fayyaa sammuu mudachuu danda’an baay’eedha.
Keessumaayyuu sodaan Covid-19 anarratti, maatiirratti, naannoo kiyyarratti mudachuu danda’a jedhu jira.
Kunis akka namoonni sodaaf, cinqiin, mukaa’uu darbees ammoo rakkoolee fayyaa sammuu biroof saaxilaman gochuu danda’a jedhu Piroofeesar Masfiin.
Dhiibbaan Covid-19 qaama keenyarratti geessisuun alatti sodaa fi mukaa’uu guddaa geessisuu danda’a jedhu Piroofeesar Masfiin.
Daa’immanii fi fayyaa sammuu
Daa’immanii fi dubartoonni mana keessa yookiin naannoo tokko qofatti daangeffamanii turuusaaniitiin rakkoo fayyaa sammuusaanirra gahuun cinatti miidhaan saalaa isaan irra gahuu hubachuusaanii himu Piroofeesar Masfiin Araayaan.
Ijoolleenis oolmaa mana barnootaarraa hanga yuunivarsiitii jiran ji’oota torbaaf manasaanii turuunsaanii fayyaa sammuusaaniirratti dhiibbaa akka qabu ibsu.
Ijoolleen hiriyyootasaanii waliin fiigaa taphachuunsaanii qaamasaanii qofa osoo hin taane hariiroon hawaasaasaanii guddachaa akka dhufu kan himan Piroofeesar Masfiin; ji’oota hedduuf mooraa xiqqoo keessa yookiin mana keessa daangeffamanii turuun ijoolleerratti dhiibbaa guddaa ta’uusaas BBC’tti himaniiru.
Kanarraa ka’uun ijoolleenis haalan nuffuu, cinqamuu akkasumas diphachuu danda’u.
Daa’imman akka namoota guddatanii miirasaanii baasanii himuu dadhabuunsaanii rakkinna biraa ta’uusaatiin rakkoo fayyaa sammuu daa’imman adda addaaf saaxilamuu akka danda’an himu.
Ijoolleen magaalaa jiran yeroo ammaa kanatti haalan araada geemii kompiitaraatiif akka saaxilaman dubbatu.
Kanarraa ka’uun yeroo barnoonni deebi'ee eegalamu hiriyyootasaanii waliin hariiroon qaban haalan miidhamuu akka danda’u ibsaniiru.
Weeraroonni rakkinna fayyaa sammuuf nama saaxilu

Madda suuraa, Getty Images
Dhukkuboonni lubbuu dabarsan haalan nama diphisu kan jedhan Piroofeesar Masfiin, dhukkuboonni daddarboon osoo namoota hin qabneyyuu sodaa ‘na qabuu’ danda’u jedhuun akka yaadda’an himu.
Weeraroonni akka kooleeraa, Iboolaa haala walfakkaatuun dhiibbaa akka qaban kan eeran Piroofeesar Masfiin; koronaavaayirasiin yeroodhaa gara yerootti amalasaa jijjiiruunsaa akkuma beekameen sodaa fi diphinni dabalaa akka dhufu himaniiru.
Dhukkuba Covid-19 waliin walqabatee rakkinni fayya sammuu dursee mudatu cinqiidha jedhu Piroofeesar Masfiin.
Cinqiin kunis salphaarraa hamma hamaatti namoota mudachuu akka danda’u himaniiru.
Maatii keessatti namni Covid-19 qabame tokko yoo jiraate ammoo cinqiin hamaaf saaxilamuun akka jiruu fi babal’achuu akka danda’u himaniiru.
Maatii keessaa namni tokko sababa Covid-19 du’an ammoo cinqii yeroo dheeraaf turu isaan mudachuu akkasumas yoo hammaate ammoo diphinnaaf isaan saaxiluu akka danda’a jedhu.
Dhiibbaa yeroo dheeraa Covid-19 fayyaa sammuurratti fidu
Akka ogeessa fayyaa sammuutti dhiibbaan Covid-19 qaamarratti geessuun caalatti; namoonni du’an akkuma jiranitti weerarri koronaavaayirasii erga tasgabaa’e booda rakkinni fayyaa sammuu waggoota kurnan hedduuf turuu danda’a jennee amanna jedhu Piroofeesar Masfiin Araayaan.
Dhukkubsattoonni Covid-19 yeroo dheeraaf veentileetara irra turan yeroo fayyaansaanii deebi’uuf cinqiin ol’aanaaf akka saaxilaman dhukkubsattootarratti arguusaanii himaniiru.
Isaan gargaraasa veentileetaraan yoo lubbuun baraaraman isaan cinaasaanittin osoo gargaarsa maashinii argatan lubbuunsaanii darbu argan dhiibbaa xiinsammuu akka jiru himu BBC’tti himaniiru.
Lubbuun lafuunsaanii waan gaarii ta’us cinqiinis ta’ee diphinni isaan mudachuu danda’a akkasumas dhukkubsatanii fayyuun mataasaatti dhiibbaa xiinsammuu akka qabu muxannoosaaniirraa himu.
Koronaavaayirasii fi OCD
Yeroo koronaavaayirasii kanatti cinqiin to’achuu dadhabuu; yoomillee ta’u wantootarrati mirkana ta’uu dhabuun namoota mudachuunsaa mul’ateera.
OCD yookiin Obsessive Compulsive Disorder dhukkuba akka namoonni wantoota sodaatanii fi wantootaa irra deddeebiin hojjachuudha.
Shakkiin kan jalqabu “ani qulqulluudhaa” kan jedhu irraa ta’uu danda’a, takka turanii ammoo gara jireenya duraatti deebi’ii danda’aa laata” kan jedhutti nama geessuu danda’a.
Yoo walirra siiqne, irra deddeebiin harka keenya yoo qulqullessine yookiin ammoo yoo mana turree fi tarkaanfiiwwan biroo hojiirra oolchine vaayirasicharraa of eeguu dandeenya.
Ta’us garuu shakkii sammuu keenyaa yoo hin mirkaneessine; isaan wal qabatees cinqiin jireenya keenya keessa jiru baay’eedha.
Humnaa ol sodaachuun rakkoolee fayyaa sammuu adda addaatiif nama saaxilu kan jedhan Piroofeesar Masfiin; namoonni tokko tokko cinqiin humnaa ol keessa galanii arguusaaniillee himaniiru.
Namoonni erga Covid1- darbe boodas manasaaii cufatanii turan, irra deddeebiin harkasaanii bishaanii fi saamunaan yookiin saanitaayizaraan qulqulleesse rakkoo fayyaa sammuu OCD jedhamuuf saaxliamuu danda’u jechuu waan mudachuu danda’u himu Piroofeesar Masfiin Araayaa.
Sodaan guddaan kan dhufu yoo namoonni waa’ee Covid-19 odeeffannoo gahaa hin qabaanne akka dhufu himuun odeeffannoo sirrii ogeeyyiin fayyaa kennan haalan hordofuun akka barbaachisu dubbatu.
Akaataa namoonni gaddaa fi jeequmsa itti keessumeessan namaarraa namatti garaagarummaan kan jiru yemmuu ta’u, odeeffanno Covid-19 haala nama hin sodaachisnee fi hin jeeqneen namoota bira gahuu akka qaban himu.
Fayyaa sammuu eeguuf maaltu ta’uu qaba?
Fayyaa sammuu akkuma fayyaa qaamaa keenya eegnutti eeggachuu akka qabnu himu Piroofeesar Masfiin.
Qilleensa qulqulluu harganuun, haala nyaataa sirreessuun, amantii keenyarratti jabaachuun, sochii qaamaa taasisuun, hirriba gaarii rafuun, araadarraa of qusachuun fayyaa sammuu keenyaa eeggachuu akka dandeenyu himu.
Kunneenis wantoota fayyaa qaama keenyaaf barbaachisa ta’anis fayyaa sammuu keenyaafis barbaachisoodha.
Yeroo kanatti cinqii irraa of eeguun barbaachisaa akka ta’e himu. Dabalataanis waliif yaaduu, wal gargaaruun barbaachisaa ta’uusaa yaadachiisu Piroofeesar Masfiin Araayaan.
















