Koronaavaayiras: 'Weerarri dhibee Covid-19 waraanaa kamuu caalaa US miidhaa jira’-Tiraamp

Pireezdaantiin US Donaald Tiraamp weerarri koronaavaayirasii ‘waraana isa cimaa” seenaa US keessatti biyyattiirratti baname hundarra guddaadha jechuun kanaaf ammoo quba isaanii gara Chaayinatti qabaniiru.
Dhibeen kun boombii Waraana Addunyaa lammaaffatti Peerli Harbarii miidhee ykn ammoo haleellaa shorokkeessummaa 9/11 US irra gahe caalaa biyyattii miidheera jechuun Tiraamp dubbataniiru.
Akkataa Chaayinaan weerara addunyaa waliin gahe kana jalqabarratti deebii itti laatte irrattis bulchiinsi Traamp qeequmsa dhiyeessaa jiru.
Chayinaan ammoo bulchiinsa isaanii miidhaa weerarichi US keessatti qaqqabsiiseef deebii ittiin kennan dadhabaa ta'e irraa yaadaa namaa kara dabarsuuf jecha tooftaa fayyadamanidha jetti.
Koronaavayirasiin baatii Mudde keessa magaalaa Wuhaan Chaayinaatti ka’ee booda lammilee Ameerikaa miliyoona 1.2 irratti argamee, namoota 73,000 ammoo ajjeeseera.
Roobii darbe turtii gazeexxesitootaa waliin taasisan irratti Obbo Tiraamp, “Biyyi keenyaa haleellaa hamaa keessa dabarteetti, hunda keessaa kun isa hamaadha” jedhaniiru.
“Kun boombii Peerl Harbariirra hamaadha, kun haleellaa Wiirtuu Daldala Addunyaa irra qaqqabe caalaa hamaadha. Haleellaan akkanaa ta’ee hin beeku,”
“Haleellaan akkanaas ta’uu hin qabu ture. Madda isaa irratti dhaabachuu danda’a ture. Chaayinatti dhaabbachuu danda’a ture. Maddaa isaatti dhaabsifamuu kan qabu ture. Garuu hin taane.”
Boodaarra weerara kana akka sochii waraanatti ilaaltu jechuun gaffii dhiyaateef Obbo Tiraamp Chaayinaa osoo hin taanee vaayirasichatu diina Ameerikaadha yaada jedhu kennaniiru.
“Diinaa hin argamne kana (koronaavaayirasii) akka waraanaattin ilaala,” jedhaniiru.
“Akkamiin akka kanarra ga’e hin beeku sababiin isaa dhaabbachuu danda’a ture,” jedhan.

- KALLATTIIN: Odeeffannoo kallattii - lakkoofsa Covid-19 addunyaarratti
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras
















