Koroonaavaayiras: 'Koronaavaayirasiin daldalas ispoortiis miidhaa jira'- atileet Hayilee Gabrasillaasee

Haayilee Gabrasillaasee

Sodaan koronaavaayirasii dorgommiiwwan ispoortii dabalatee sochii daldalaa Itoophiyaa irratti dhiibbaa uummaa akka jiru atileetii beekamaa fi abbaan qabeenyaa Hayilee Gabrasillaasee BBC'tti hime.

Dorgommii fiigicha meetira 10,000'in al lama Olompikii irratti meedaaliyaa warqii kan injifate Hayileen sababa koronaavaayirasiin dorgommiiwwan adda citaa jiru, sochiin daldalaas qabbanaa'aa jira jedhe.

Dorgommiin wayita adda citu atileetota irratti dhiibbaa guddaa uuma jedhe Hayileen.

"As Itoophiyaa keessa atileetonni harayaa fi abdii qaban yeroo duraaf dorgommiiwan idil addunyaa irratti fiiguuf qophaa'aa turan jiru.

Osoo dubbiftanii dorgommiiwwan jalaa haqamuu isaatiin hagam akka miidhaman hubachuu dandeessu," jedha.

Koroonaavaayiras
koronaavaayiras

Akka Haayileen jedhutti Chaayinaa qofa keessatti waggaatti dorgommiiwwan maaraatoonii 350 oli kan qophaa'u.

Sababa weerara vaayirasii kanaatiin dorgommiiwwan kun hedduun isaanii haqamanii jiru jedha Hayileen.

Awurooppaa keessattis shaampiyoonshiippiin maaraatoonii walakkaa Firaansitti qophaa'aa ture yeroo biraaf dabarfameera.

Dorgommiiwwan maaraatoonii Paariis akkasumas kan Room haqamuu kan dubbatu Hayileen, kana qofa osoo hin taane dorgommiiwwan biroo hedduun ykn haqamaniiru ykn yeroo biraaf dabarfamaniiru jedha.

"Atileetonni yeroo dheeraaf shaakalaa, itti qophaa'aa turanii tasa dorgommiin haqameera yoo jedhaman, kun waan baay'ee ulfaataadha," jedha.

"Ani akka atileetii gameessa tokkootti, yeroo dheeraaf shaakala gochaa ture wayita dorgommiin na jalaa haqamu gadda guddaatu natti dhagaa'ama ture, waan hamilee nama cabsudha."

Atileetiin wayita amma sochii daldalaa adda addaa keessa jiru kun akka jedhutti, weerarri vaayirasichaa ispoortii qofa osoo hin taane daldalas miidhaa jira.

Miidhaan daldalarra gahaa jiru kun Chaayinaafi Awurooppaa keessa qofa kan jiru osoo hin taane "as Itoophiyaa keessatti giphii/kiisii kiyya seeneera" jedha.

"Hojii daldalaa kan koo yoo ilaalle, konteeyinariiwwan ani Chaayinaa irraa ajaje achuma dhaabbatanii jiru. Adaamaa keessatti hoteela banuuf qophiirran ture, sababa weerara vaayirasii kanaatiin Chaayinaa keessa hojiin waan hin jirreef, hojiin kun na jalaa gufate."

Hoteelota isaa tajaajila kennaa jiran keessattis lakkoofsi maamiloota akka malee hir'achuu dubbata Hayileen.

Weerarri dhukkubicha Chaayinaa keessatti waan qabbanaa'aa jiru fakkaata.

Awurooppaa fi Ameerikaa keessatti garuu ariitiin babal'ataa jira. Ameerikaa keessatti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii 1000 darbeera. Awurooppaa keessatti kuma 15 ol gaheera.

Walumaagalatti amma dura namoonni guutuu addunyaatti vaayirasii kanaan qabaman 122,000 yoo ta'an, namoonni 4366 ol lubbuu dhabaniiru.